Comunidade
A comunidade cristã é essencial para o crescimento da fé. A Bíblia ensina que fomos criados para viver em comunhão — edificando-nos, encorajando-nos e servindo uns aos outros.
Viver em unidade
Os que creram eram um coração e uma alma. A comunidade primitiva partilhava tudo e vivia em harmonia e alegria.
Qabeenyi Amantootaa Kan Hunda Isaanii Taʼe
Amantoonni hundinuus garaa tokkoo fi yaada tokko qabu turan; waan qaban hundas walumaan qoodachaa turan malee namni tokko iyyuu akka waan qabeenyi inni qabu kam iyyuu kan mataa isaa qofa taʼeetti hin lakkoofne.
Tokkummaa Amantootaa
Isaanis barsiisa ergamootaatti, jireenya tokkummaatti, buddeena caccabsuutti, Waaqa kadhachuuttis ni jabaatan.
Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti wal gaʼaa turan; mana tokkoo tokkoo isaaniittis buddeena kukkutanii, gammachuu fi garaa qulqulluudhaan wajjin nyaachaa turan. Waaqas galateeffachaa turan. Namoota hunda durattis ulfina qabu turan. Gooftaanis guyyuma guyyaan warra fayyan waldaa isaaniitti dabalaa ture.
Hundi isaaniis dubartootaa fi Maariyaam haadha Yesuus wajjin, obboloota isaa wajjinis utuu gargar hin kutin yaada tokkoon kadhannaatti jabaachaa turan.
Kanaafuu Phexros mana hidhaa keessatti eegamaa ture; waldaan kiristaanaa garuu jabeessitee waaʼee isaatiif Waaqa kadhachaa turte.
Iddoo itti namoonni lama yookaan sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti ani gidduu isaaniitti nan argamaatii."
Edificação mútua
Vivam em harmonia uns com os outros. Não haja divisões entre vós. A comunidade cresce quando cada membro contribui.
Gargar Baʼuu Waldaa Kiristaanaa
Yaa obboloota, ani akka isin gidduu gargar baʼuun hin jiraannee fi akka qalbii fi yaada tokko qabaattanii hundi keessan walii galtaniif maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin isin kadhadha.
Nu Yihuudoota yookaan Giriikota, garboota yookaan warra bilisooman taanus hundi keenya Hafuura tokkoon dhagna tokkotti cuuphamneerraatii; hundi keenyas, akka dhugnuuf Hafuurri tokkichi sun nuu kennameera.
Akkuma dhagni keenya kutaa baayʼee qabu, akkuma kutaawwan kunneenis hojii wal fakkaatu hin qabaatin sana akkasuma immoo nu warri baayʼee taane Kiristoosiin dhagna tokkoo dha; tokkoon tokkoon kutaa dhagnaa kan walii isaanii ti.
Walii galteedhaan wajjin jiraadhaa. Warra jireenya gad aanaa jiraatan wajjin jiraadhaa malee hin koorinaa. Of hin tuulinaa.
Obboleessa Keetti Hin Murin
Nama amantiitti dadhabaa taʼe ofitti qabaa; waan wal nama falmisiisu irrattis itti hin murinaa.
Waaqni obsaa fi jajjabina namaa kennu sun akka isin yaaduma Kiristoos Yesuus qabaate sana walii qabaattan isin haa gargaaru.
Yaa obboloota, ani akka isin warra gargar baʼuu uumanii barumsa isin barattaniinis mormuudhaan karaa keessan irra gufuu kaaʼan irraa of eeggattan isin kadhadha. Isaan irraa fagaadhaa.
Amor e compromisso
Não deixemos de congregar. O vínculo perfeito é o amor — ele une a comunidade e produz frutos que duram.
Kottaa jaalalaa fi hojii gaariif wal kakaasuuf itti yaadnaa. Akka namoonni tokko tokko walitti qabamuu dhiisan sana kottaa nu walitti qabamuu hin dhiifnuu; qooda kanaa akka guyyaan sun dhiʼaate waan argitaniif ittuma caalchifnee wal haa jajjabeessinu.
Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.
Hidhaa nagaatiin tokkummaa Hafuuraa eeguuf carraaqaa.
Obboloonni tokkummaadhaan walii wajjin jiraachuun,
akkam gaarii dha! Akkam namatti tolas!
Sababii Waan Gaarii Hojjetaniif Dhiphachuu
Dhuma irratti hundi keessan yaada tokko qabaadhaa; walii naʼaa; akka obbolootaatti wal jaalladhaa; garaa laafotaa fi warra gad of qabanis taʼaa.
Yaa michoota, erga Waaqni akkana nu jaallatee nus wal jaallachuu qabna.
Garuu akkuma inni ifa keessa jiru sana, nus yoo ifa keessa deddeebine walii wajjin tokkummaa qabna; dhiigni Ilma isaa Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa.
Yihuudii yookaan Giriik, garba yookaan birmaduu, dhiira yookaan dubartii jechuun hin jiru; hundi keessan Kiristoos Yesuusiin tokkumaatii. Erga kan Kiristoos taatanii yoos isin sanyii Abrahaam; akka waadaattis dhaaltota.
Haadhota Hiyyeessaa
Haadhota hiyyeessaa kanneen dhugumaan rakkattoota taʼan kabaji.
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; kan nama ani ergu kam iyyuu simatu hundinuu na simata; kan na simatu hundis isa na erge sana simata."