Pular para o conteúdo
Publicidade

Confiar no Senhor

Por Bíblia Online

Confiar no Senhor é a base de toda vida espiritual. A confiança em Deus nos livra do medo, nos dá paz e nos posiciona para receber as promessas divinas.

Confiar de todo coração

Confia no Senhor de todo o coração. Não te apoies em teu próprio entendimento — em todos os caminhos o reconheça.

Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu;

hubannaa kees hin abdatin;

karaa kee hunda keessatti isa dursi;

innis daandii kee siif qajeelcha.

Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu,

gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota.

Anis Waaqayyoon, "Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi daʼannoo koo ti;

Waaqa koo kan ani amanadhuu dha" nan jedha.

Inni dhugumaan kiyyoo adamsaa jalaa,

dhukkuba nama fixu jalaas si baasa.

Inni baallee isaatiin si dhoksa;

atis qoochoo isaa jalatti kooluu ni galta;

amanamummaan isaa gaachanaa fi dallaa eegumsaa siif taʼa.

Warri Waaqayyoon amanatan akka Tulluu Xiyoon

kan hin raafamne, kan bara baraan jiraatu sanaa ti.

Akkuma tulluuwwan Yerusaalemin marsan sana,

Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti,

saba isaa ni marsa.

Inni oduu hamaa hin sodaatu;

garaan isaas Waaqayyoon amanachuudhaan jabaatee dhaabata.

Waaqayyoon amanadhu; waan gaariis hojjedhu;

biyyattii keessa jiraadhu; nagaas qabaadhu.

Waaqayyotti gammadi;

innis hawwii garaa keetii siif guuta.

Karaa kee Waaqayyotti kennadhu;

isa amanadhu; inni siif milkeessa.

Inni qajeelummaa kee akka aduu ganamaatti,

murtii kee immoo akka aduu saafaatti ibsa.

Warri maqaa kee beekan si amanatu;

yaa Waaqayyo, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.

Segurança em Deus

Bem-aventurado o homem que confia no Senhor. Ele é como árvore plantada junto às águas — não temerá quando vier o calor.

"Namni Waaqayyoon amanatu,

kan abdiin isaas isuma taʼe garuu eebbifamaa dha.

Inni akkuma muka qarqara bishaanii dhaabame,

kan hidda isaa ededa lagaa irra yaafatuu taʼa.

Yommuu hoʼi dhufu hin sodaatu;

baalli isaa yeroo hunda lalisaa dha.

Mukni sun bara hongee illee hin yaaddaʼu;

ija naqachuus hin dhiisu."

Sababii Waaqayyo, Waaqayyo mataan isaa,

Kattaa bara baraa taʼeef, bara baraan Waaqayyoon amanadhaa.

Dhugumaan Waaqni fayyina koo ti;

ani isa nan abdadha; hin sodaadhus.

Waaqayyo, Waaqayyo mataan isaa,

jabinaa fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera."

Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu,

namni si amanatu eebbifamaa dha.

Namoonni tokko tokko gaariiwwan amanatu; kaan immoo fardeen amanatu;

nu garuu maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaa amananna.

Isaan gufatanii kufu; nu garuu ol kaana;

jabaannees ni dhaabanna.

Nama amanachuu irra,

Waaqayyotti kooluu galuu wayya.

Qondaaltota amanachuu irra,

Waaqayyotti kooluu galuu wayya.

Não confiar no homem

Não temas — em ti confiarei. Melhor é confiar no Senhor do que confiar no homem ou nos príncipes.

Waaqa ani dubbii isaa jajadhu,

Waaqayyo ani dubbii isaa jajadhu,

Waaqa nan amanadha; ani homaa hin sodaadhu.

Namni maal na gochuu dandaʼa?

Ani garuu araara kee nan amanadha;

garaan koos fayyisuu keetti ni gammada.

Yaa Waaqayyo, ani garuu sin amanadha;

"Ati Waaqa koo ti" nan jedha.

Namni Waaqayyoon abdatu,

kan gara of tuultotaa hin ilaalle,

namni warra karaa irraa jalʼatanii

waaqota sobaa duukaa buʼinitti hin gara galle eebbifamaa dha.

Yesuus Barattoota Isaa Jajjabeesse

"Garaan keessan hin raafamin. Waaqatti amanaa; nattis amanaa.

Seja o primeiro