Pular para o conteúdo
Publicidade

Consequências dos nossos atos

Por Bíblia Online

Toda ação tem consequências. A Bíblia ensina que colhemos o que semeamos — para o bem e para o mal. Deus pesará cada palavra e ato no dia do juízo.

Colher o que semear

Cada um prestará contas de si mesmo a Deus. O Senhor julgará as obras e os segredos dos homens com justiça perfeita.

Maarre tokko tokkoon keenna waan gooneef Waaqaaf deebii hin kennina.

Waaqi nama tokko tokkoofuu akkuma hujii isaatitti hin kenna. Inni worra ossee waan dansaa hujaa ulfinna, guddinnaa fi jiruu hin banne Waaqa biraa dhaggatiisaaf barbaaduuf, jiruu bara baraa hin kenna. Worri dhibiin mataa ifii jaalatee waan dokonkora te’e hordofiisaaf dhugaa didane; Waaqi mufi’ii fi muraa ifii isaanitti hin fida. Dhiphinnii fi rakkinni worra waan hantuu huju mara irratti, dursee Yihudoota irratti akkasuma worra Yihudoota hin te’in irralle’etti hin dhufa. Waaqi ammoo ulfinna, guddinnaa fi nageya worra waan dansaa hujatu maraaf, dursee Yihudootaaf akkasuma worra Yihudoota hin te’iniifille hin kenna. Waaqi nama wol hin caalchisu.

Akkasuma bu’aan badhaadhaa, ka kennansi Waaqaa tolaa fide, ka akka cubbuun nama tokkochaa fiddeetii moti; muraan marroo cubbuu nama tokkochaatiif kenname adabbii fide; kennansi tolaa ka sababa cubbuu heddu’uutiif kenname ammoo balchummaa fide. Eega sababa cubbuu nama tokkochaatiif duuti nama mara irratti baallii dhaggatte, worri badhaadha Waaqaa ka danbala’ee fi kennaa tolaa fudhatee balchoome maraa, karaa nama tokkochaa, karaa Yesuus Kiristoosiitiin le’aa mowan.

Namatti Muriisa

Yesuus, «Waaqi akka isinitti hin murre, isin namatti hin murina’a. Muruma isin namatti murtanuun Waaqille isinitti mura; safaraa isin ittiin namaaf safartanutti isinille’eef safarama.

Ani isinitti hima, guyyaa mura’aa dubbii gadhee afaan keessanii baate maraaf deebii kennitan;

Jechi Waaqaa jiraata’aa fi ka huju; shallaagaa qara lama qabu caalaa qara qaba; lubbuu ayyaana irraa, morgeya dhuka irraa muree gargar hin baasa; yaadaa fi halchaa gadhaa namaalle qoree itti hin mura. Dadi Waaqa duraa dhokattu takkaalle hin jirtu; wonni maraa fuula isaa duratti mulqama’aa fi qullaa te’ee mudhata; nuutille marroo teennaaf ka deebii kennuu qannu fuula isaa duratti te’a.

Responsabilidade pessoal

Quem é sábio prevê o perigo e se esconde. A Palavra examina os pensamentos e intenções do coração.

Nami qalbeeffataan balaa dhaggee dhokata;

nami gowwaan ammoo ittuma ideemee rakkata.

Qaroo yoo teete,

bu’aan isi’ii teetuma;

ati yoo murgaamessa teete ifuma miita.

Nami tokko adoo itti hin yaadin,

Waaqaaf waadaa galee,

duuba irra yoo gaabbe,

tiyyoo seeniisa.

Kennansi Araara Cubbu’uu Yakkaa Attamiitiif Akka Dhikaatu

« Nami tokko mana mura’aatitti waan beekuu fi waan dhagge dhugaa akka bayu waamamee, dhugaa bayuu yoo dide, inni yakkaa saniif itti hin gaafatama.

«Nami tokko cubbuu hujee, ajaja kiyya keessaa waan dhooggame, adoo hin beekinuu tokkolle yoo casse, inni yakkaamessa; yakkaa ifiitiif itti hin gaafatama.

« Ati gadhaa keeti keessatti obboleessa keeti hin jibbin; Yakkaa isaatiif gorsa isaaf kenni malee, sababa isaatiif yakkaamessa hin te’in.

Consequências inevitáveis

A terra deu seu fruto conforme as obras dos que nela habitam. Ninguém escapa do juízo — Deus pesa cada ação.

Sababa hujii worra isii keessa le’uutiif ammoo latti hin onti.

Isin gatii sagaagalummaa keessanii hin fudhattan; waaqota dharaa keessan waaqonfatiisaan cubbuu waan hujjaneef, hin adabantan. Yennaa san akka ani Goottaa Mootii Waan Maraa te’e hin beettan» jedhe.

Ani lubbuu teessan eegiisaaf, dhiiga keessan harka nama nama san ijjeeseetii fi bineensa nama san ijjeesee irraa hin barbaada.

Nami hamaan maaf Waaqa tuffata?

Maaf gadhaa ifii keessatti,

«Inni na hin adabu» jedha ree?

Ee Mootii Waan Maraa,

ati ammoo hin dhaggitta;

rakkinnaa fi gadda dhaggitee

yennaa mara qarqaarsaaf hin qophootta.

Worri rakkataan harka keetitti ifi kennata;

atille ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne

hin qarqaarta.

Seja o primeiro