Pular para o conteúdo
Publicidade

Zakaariyaasii Raagichaa 13

1 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Guyyaa san maddi cubbu’uu fi battummaa isaanii qulqulleessu, sanyii Daawitiitii fi worra Yerusaalem keessa le’anuuf hin banama13:1 Hin banama: Yookiin hin madda yookiin hin burqa jedhamuu dande’a.. 2 Guyyaa san maqaa waaqota dharaa lafa irraa hin balleessa; nami deebi’ee isaan qaabatu hin jiraatu; raagota dharaatii fi ayyaana battiille lafa irraa hin balleessa. 3 Gaafas eennulle yoo raaga dubbate, abbaan isaatii fi haati isaa, Ati maqaa Mootii Waan Maraatiin soba waan dubbatteef, du’uu qaddajedhaniin. Yennaa inni raaga dubbatu abbaan isaatii fi haati isaa, isa woraanane ijjeesan. 4 Guyyaa san raagaan tokko tokkonuu raaga mudhi’iin dhagge saniif hin qaanowa; namootalle sobiisaaf woyaa rifeensa qaddu hin uffatu. 5 Inni, Ani qonnaan bula’a malee, raaga’aa moti; ani ijoollumma’aan jalqabee nama lafa qotuhin jedha. 6 Nami tokko, Madaan nafa keeti irraa tun maan?jedhee yoo isa gaafate, inni deebise, Mana jaala kiyyaatitti madowehin jedhan» jedha.

Tisseen Dhowame, Hooleen Bittinnootte

7 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ee, shallaaga’a!

«Tissee kiyya irratti, jaala ani addadhu irratti ka’i!

Hooleen akka bittinnoottuuf, tissee dhowi!

Ani harka kiyya, buruusoo irralle’etti hin deebifadha.

8 Lafa duudii keessaa, kolbaa harka sad keessaa,

harki lama dhowamee hin bada;

teetuu malee harka sad keessaa,

harki tokko hin hafa.

9 Worra hafe harka sad san, ibidda keessa buusa;

akkuma meetiin ibiddaan qulleeffantu,

isaan hin qulleessa;

akkuma worqiin ibiddaan haga ilaallantu,

isaan haga hin ilaala.

Isaan maqaa kiyya hin waaman

anille isaaniif hin dhage’a.

Ani, Kolbaa tiyyaisaaniin hin jedha;

isaanille, Mootiin Waan Maraa

Waaqa keennahin jedhan» jedha.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também