Publicidade

Consolador

Por Bíblia Online

O Espírito Santo é o Consolador prometido por Jesus. Ele consola os aflitos, fortalece os fracos e nos assegura que nunca estaremos sós.

O Consolador prometido

Jesus prometeu: Eu rogarei ao Pai e Ele vos dará outro Consolador para que fique convosco para sempre.

Ani Abbaa hin gaafadha, innille Jajjabeessaa dhibii, ka haga bara baraa isin woliin jiraatu isiniif hin kenna.

«Akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee qofi isin hin lakkisu; ani deebi’ee gara keessan hin dhufa.

Jajjabeessaan Ayyaanni Woyyichi, ka Abbaan maqaa kiyyaan ergu, waan mara isin hin barsiisa; waan ani isinitti hime maralle isin hin qaabachiisa.

«Ani Ayyaana dhuga’aa Jajjabeessaa, ka Abbaa biraa dhufu, isiniif hin erga. Inni naaf dhugaa hin baya.

Ani ammoo dhugaa isinitti hima: ani yoo deeme isinii woyya; sababille ani yoo hin deemin, Jajjabeessaan gara keessan hin dhufu. Ani yoo deeme ammoo, isa gara keessan hin erga.

Consolo divino

Bendito seja o Deus de toda consolação. Ele nos consola em toda tribulação e enxuga toda lágrima de nossos olhos.

Phawuloos Waaqa Galateeffate

Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, Abbaa mararti’iitii fi Waaqa jajjabeenna maraatiif galanni te’u. Nuuti jajjabeenna Waaqa irraa dhagganeen, worra rakkinna adda addaa keessa jiru akka jajjabeessinuuf, Waaqi rakkoo teenna duudii keessatti nu jajjabeessa.

Akkuma rakkinna hedduu Kiristoosii qoodanne, akkasuma Kiristoosiin jajjabeenna hedduu dhagganna.

Waaqi, ossaa fi jajjabeenna namaaf kennu, yaada tokko qabaattanee, fakkeenna Yesuus Kiristoosii hordottanee, addee tokko qoonqoo takka’aan, Waaqa Abbaa Yesuus Kiristoosii akka leellifattanu isin dandeessisu.

Yennaa yaaddoon gadhaa kiyyatti bacattu,

ati na jajjabeessitee lubbuu tiyya gammachiitta.

Ani rakkinna kiyya keessatti

gara Mootii Waan Maraa iyye;

innille deebii naa kennee,

bilisa na baase.

Haganaa achi hin beelowanu; deebi’aneelle hin dheebotanu, aduun isaan hin dhoottu, o’i finiinaalle isaan hin gubu. Sababille, Hoolichi odduu barcumaa mootumma’aa jiru tissee isaanii hin te’a; gara madda bisaan jiru’uulle isaan hin geessa. Waaqille ila isaanii irraa imimmaan mara hin haqa» anaan jedhe.

Mootiin Waan Maraa isaaniin,

«Ka isin jajjabeessu ana; anuma qofa.

Namoota du’anu,

ilmaan namootaa ta akka marraa goddu,

maaf sodaattan ree?

Worri gadde gammaduu;

Waaqi isaan hin jajjabeessa!

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-