Consolo
O consolo de Deus é bálsamo para a alma ferida. Ele nos conforta em todas as tribulações para que possamos consolar outros com o mesmo consolo divino.
Deus consola
Ainda que eu ande pelo vale da sombra da morte, não temerei mal algum. O Senhor consola, guia e está sempre presente.
Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee
ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu;
uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.
Waaqayyo ibsaa kootii fi fayyina koo ti;
ani eenyunan sodaadha?
Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti;
eenyutu na sodaachisa?
Rakkina koo keessatti jajjabinni koo kana:
Waadaan kee na jiraachisa.
Akkuma ati tajaajilaa keetiif waadaa galte sanatti,
jaalalli kee kan hin geeddaramne sun na haa jajjabeessu.
Waaqayyo warra isa abdataniif,
kanneen isa barbaadaniif gaarii dha;
Confiança na aflição
Eu sei que o meu Redentor vive. Deus é força e escudo — mesmo na tribulação, Ele nos sustenta e consola.
Ani akka furiin koo jiraataa taʼe,
akka inni dhuma irratti lafa irra dhaabatus nan beeka.
Erga gogaan koo badee booddee,
ani amma iyyuu foon kootiin Waaqa nan arga;
Dhugumaan Waaqni fayyina koo ti;
ani isa nan abdadha; hin sodaadhus.
Waaqayyo, Waaqayyo mataan isaa,
jabinaa fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera."
Waaqayyo mataan isaa si dura ni deema; si wajjinis ni jiraata; inni si hin dhiisu yookaan si hin gatu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin."
Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Waaqayyo Waaqni kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin."
Kanaaf nu ija jabinaan,
"Gooftaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu.
Namni maal na gochuu dandaʼa?" jenna.
Warri gaddan eebbifamoo dha;
jajjabina ni argatuutii.
Ani garuu abdiidhaan Waaqayyoon nan eeggadha;
fayyisaa koo Waaqa nan eeggadha;
Waaqni koo na dhagaʼa.
Ani akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabneetti isin hin dhiisu; gara keessan nan dhufa.