Publicidade

Conversão

Por Bíblia Online

A conversão é o ato de se voltar para Deus — arrependendo-se do pecado e abraçando a graça. É o início de uma vida nova, transformada pelo amor de Cristo.

Arrependei-vos

Arrependei-vos e convertei-vos para que os vossos pecados sejam apagados. A conversão começa com a mudança de mente e coração.

Maarre akka inni cubbuu teessan isiniif araaramu cubbuu irraa deebi’aatii, gara Waaqaa dacha’aa.

Pheexroos isaaniin, «Cubbuu teessaniif akka araarri kennamu, tokkoon tokkoon keessan cubbuu teessan irraa deebitanee, maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphama’a; kennansa Waaqaa, Ayyaana Woyyicha hin fudhattan.

Bara durii waan kolbaan wollaalchaan goote, Waaqi itti hin laakkonne; amma ammoo kolbaan addee mara jirtu duudiin, akka cubbuu irraa deebitu ajaja.

Yennaa sanii jalqabee Yesuus, «Mootummaan Waaqaa waan dhikaatteef, cubbuu teessan irraa deebi’aa!» jedhee lallabiisa jalqabe.

Cubbuu teessan irraa akka deebitane waan mudhisu tolcha’a.

Inni, «Barri muummaweera, mootummaan waaqaa dhikaatteerti, cubbuu irraa deebi’aatii Oduu Gammadaatitti dhugeeffadha’a!» jedhe.

O amor de Deus converte

Céu se alegra por um pecador que se arrepende. Deus não deseja a morte do ímpio, mas que se converta e viva.

Ani isinitti hima, akkuma kana, balchoota sagaltamii sagali ka cubbuu irraa deebi’iisi hin barbaachinne caalaa, cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yoo deebi’e ol gubba’atti gammadi guddaan hin te’a» jedhe.

Ani isinitti hima; akkuma kana cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yennaa deebi’u ergantooti Waaqaa hin gammadan» jedhe.

Ani cubbaaleyyii gara cubbuu irraa deebi’iisaa waamiisaaf malee, balchootaaf hin dhunne» isaaniin jedhe.

Ani du’a namaatitti waan hin gammanneef, cubbuu irraa deebi’aaatii jiru’uun jiraadha’ajedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.

«Nami hamaan cubbuu ifii huje mara irraa deebi’ee seerata kiyya yoo eegate, waan haqa te’ee fi waan sirrii te’e maralle yoo huje, inni dhugumaan lubbu’uun jiraata malee hin du’u.

Lubbuun Cubbuu Hujju Hin Duuti

Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, «Marroo lafa Israa’eliitiif, mammaassi isin itti deddeebitanee, Abbootiin midhaan woyni’ii dhangaggowaa nyaatte; ilkaan ijoolle’ee tutumejettanu kun maan inni?

«Goottaan Mootiin Waan Maraa, Dhugumaan ani Goottaa Mootii Waan Maraa jiraata’a! Isin haganaa achi lafa israa’elii keessatti mammaassa kana hin mammaattanu. Lubbuun nama maraa tiyya; lubbuun abba’aa akkuma tiyya teete, lubbuun ilmaalle tiyya; lubbuun cubbuu hujju hin duuti.

« Nami balchaan tokko waan haqaatii fi dhuga’aa yoo huje, inni waan addee waaqonfanna’aa ta waaqota dharaa ta gaara irraatitti dhikaate hin nyaatu yookiin gara waaqota dharaa ka Israa’elii hin ilaalu; niitii namaa batteessu yookiin dubartii aadaan dubarti’ii irra jirtu bira hin gewu. Inni waan qaddii qabate nama liqeeffate saniif hin deebisa malee, nama tokkolle hin cunqursu; nama hin saamu; ka beeloteef sagalee kenna; ka daare woyaa itti uffisa. Dhalaan hin liqeessu yookiin dhala bacaa hin fudhatu; inni harka ifiitiin cubbuu hin huju; namaa fi nama wodhakka’atti muraa dhuga’aatii fi haqaa mura. Inni seerata kiyya gula deema; seera kiyya addatamumma’aan eegata; inni balcha’a; dhugumaan inni lubbu’uun hin jiraatajedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.

«Te’uu malee, namichi sun ilma hunnaan nama irratti ka’u ka dhiiga namaalle dhangalaasu, ka waan kana keessaa takkattiille huju yoo uumate, ta abbaan sun waan kana keessaa tokkolle hin hujin, ilmi isaa ammoo waan addee waaqonfanna’aa ta waaqota dharaa ta gaara irraa irratti dhikaate yoo nyaate, niitii namaalle yoo batteesse, hiyyeessaa fi rakkataa yoo cunqurse, yoo saame, qaddii qabate yoo deebisuu dhabe, gara waaqota dharaa yoo ilaale, waan diqachiisu yoo huje, dhalaan yoo liqeesse, dhala bacaalle yoo fudhate, nami akkasii kun dhugumaan lubbu’uun hin jiraataa ree? Inni hin jiraatu; inni waan diqachiittuu tana mara waan hujeef, dhugumaan hin du’a; dhiiga ifiitiif isumatti itti gaafatama.

«Ilmi kun ilma yoo uumate, ilmi isaa kun cubbuu abbaan isaa huje mara ilaalee, cubbuu akka abbaa ifii yoo hin hujin, waan addee waaqonfanna’aa ta waaqota dharaa ta gaara irraa irratti dhikaate yoo hin nyaatin, gara waaqota dharaa ka Israa’elii yoo hin ilaalin, niitii namaa yoo hin batteessin, nama yoo hin cunqursin yookiin liqaa kenniisaaf qaddii yoo hin fudhatin, yoo hin saamin, ka beeloteef sagalee ifii yoo kenne, ka daare yoo uffise, harka ifiitiin cubbuu yoo hin hujin, dhalaan yoo hin liqeessin, dhala bacaa yoo hin fudhatin, seera kiyya yoo eegate, seerata kiyyalle yoo hordofe, inni dhugumaan lubbu’uun jiraata malee sababa cubbuu abbaa isaatiif hin du’u. Abbaan isaa ammoo karaa haqa hin te’iniin beesee namaa waan fudhateef, nama ifii waan saameef, kolbaa ifii keessatti waan dansaa hin te’in waan hujeef, kunoo inni cubbuu ifiitiin hin du’a.

«Isin, Ilmi sababa cubbuu abbaa ifiitiif maaf hin adabamin ree?jettan. Ilmi isaa haqaa fi waan sirrii te’e waan hujeef, seerata kiyya mara waan eegateef, inni dhugumaan lubbu’uun hin jiraata. Lubbuun cubbuu hujje isiin hin duuti; ilmi cubbuu abba’aatiif, abbaalle cubbuu ilmaatiif hin adabamin. Balchummaan balcha’aaf laakkowantuu ti; hammeennille hama’aaf laakkowamuu ti.

«Nami hamaan cubbuu ifii huje mara irraa deebi’ee seerata kiyya yoo eegate, waan haqa te’ee fi waan sirrii te’e maralle yoo huje, inni dhugumaan lubbu’uun jiraata malee hin du’u. Cubbuun inni huje marti itti hin laakkowantu; inni balchummaa waan hujeef lubbu’uun hin jiraata. Nami hamaan hammeenna ifii irraa deebi’ee akka lubbu’uun jiraatu malee, ani dhugumaan du’a isaatitti hin gammadaa ree? Jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.

«Nami balchaan tokko ammoo balchummaa ifii irraa deebi’ee, waan diqachiisu ka nami hamaan huju mara yoo huje lubbu’uun hin jiraataa ree? Inni addatamummaa dhabee cubbuu waan hujeef, hin du’a malee, balchummaa inni huje marti isaaf hin laakkowantu.

«Isin ammoo, Karaan Gootta’aa qajeela’a motijettan; ee kolbaa Israa’elii! Na dhage’aa; karaan kiyya qajeela’aa motii ree? Ka qajeelaa hin te’in karaa keessanii motii ree? Nami balchaan balchummaa ifii irraa deebi’ee cubbuu yoo huje cubbuma saniin hin du’a; sababa cubbuu huje saniitiif hin du’a. Nami hamaalle cubbuu ifii irraa deebi’ee haqaa fi waan sirrii te’e yoo huje, lubbuu ifii hin baafata. Inni cubbuu huje san mara hubatee irraa waan deebi’eef, jiru’uun jiraata malee hin du’u. Isin kolbaan Israa’elii ammoo, Karaan Gootta’aa qajeela’aa motijettan; ee kolbaa Israa’elii! Karaan kiyya qajeela’aa motii ree? Ka qajeelaa hin te’in karaa keessanii motii ree?

«Tanaaf, Ee kolbaa Israa’elii! Ani akka hujii teessaniititti tokko tokkoo keessanitti hin mura; cubbuu teessan irraa deebi’aaatii, cubbuun teessan akka isin hin balleessine, cubbuu teessan mara lakkisa’a. Cubbuu hujjane mara lakkisa’aatii, qalbii haareyaa fi Ayyaana haareya qabaadha’a; ee kolbaa Israa’elii! Isin maaf duutan ree? Ani du’a namaatitti waan hin gammanneef, cubbuu irraa deebi’aaatii jiru’uun jiraadha’ajedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.

Akka namooti gariin tura seyanutti Goottaan waan waadaa gale muummessiisaaf hin turu. Ammoo nami duudiin cubbuu irraa akka deebi’uuf malee, nami tokkolle akka badu waan hin barbaanneef, isiniif ossa.

Transformação

Voltai-vos para mim e sereis salvos! Rasgai o coração e não as vestes. A verdadeira conversão transforma o interior.

Nami hamaan karaa ifii,

nami yakkaamessi yaada ifii lakkisee,

gara Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa deebi’uu ti;

inni isaaf hin marara;

araarri isaalle baca’a.

Ani yakkaa teeti akka duumensaa,

cubbuu teetille akka hurrii ganamaa haxowee balleesseera;

ani waan si wodeef, gara kiyya deebi’i» jedha.

Mootiin Waan Maraa, «Ammumaayyuu, gadhaa keessan tokkochaan,

laamaan, bowaa fi gaddaan gara kiyya deebi’aa!» jedha.

Gadda keessan mudhisiisaaf,

woyaa teessan tarsaasiis hin gewu;

Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan arjaa, mararaa,

mufi’iif ka hin ariifanne, ka jaalala bara baraa guddaa qabu,

adabiisaafille ka hin ariifanne, waan te’eef,

gara isaa deebi’aa!

kolbaan tiyya ta maqaa kiyyaan waammantu yoo gad ifi qaddee, daadimattee fuula kiyyaa yoo barbaaddee, karaa ifii hamaa irraa yoo deebite, ani ol-gubbaa irraa isaaniif hin dhage’a; cubbuu isaaniille isaaniif araaramee, lafa isaanii hin fayyisa.

Hisqiyaas Jila Irra Dabaramaa Jilifate

Hisqiyaas kolbaa Israa’eliitii fi Yihuda’aa maratti ergee, gosa Efreemiitii fi Minaase’eetitti xalayaa barreessee, gara Galma Mootii Waan Maraa ka Yerusaalem keessaa dhufanee Jila Irra Dabaramaa ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa’elii akka jilifatanuuf waame. Mootichii fi qondaaltoti isaa, gumiin Yerusaalemii marti Jila Irra Dabaramaa ji’a lammeesso’oo keessa jilifatiisaaf wolii galane. Laakkossi hayyoota ifi woyyoonsanee guutuu waan hin te’iniif, kolbaalle Yerusaalemitti wolitti waan hin qabaminiif jila yenna’atti jilifatiisaaf hin dandeenne. Mootichii fi gumiin marti karoora kanatti wolii galane. Tanaan dura jila Irra Dabaramaa tana akka barreeffantetti bacatanee jilifatanee waan hin beenneef, lafa Israa’elii mara keessaa, Bersheeba’aa jalqabanee haga Daaniititti lassii lassanee, namooti marti gara Yerusaalemii dhufanee, Jila Irra Dabaramaa ta Mootii Waan Maraa Waaqa Israa’elii akka jilifatanu murteeffatane. Worri ergame xalayaa mootichaatii fi xalayaa qondaaltota isaa qabatanee, akkuma mootichi ajajetti, lafa Israa’eliitii fi Yihuda’aa mara keessa deemane.

Xalayaan sun: «Ee kolbaa Israa’elii, gara Mootii Waan Maraa Waaqa Abrahaamii, Yisihaqiitii fi Israa’elii deebi’aa; innille gara keessan gara worra lubbu’uun hafee harka mootota Asoorii jalaa bayee hin deebi’a. Isin akka abbootii teessan ta duriitii fi akka gosa teessan worra Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta duriitiif hin addatannee hin te’inaa; inni akkuma isin dhaggitanu waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan godhe. Isin Mootii Waan Maraatiif ajajama’a malee akkuma abbootii teessanii ta durii mataa hin jabaatina’a! Gara addee woyyittii inni haga bara baraa woyyoonsee kowa’a! Aariin isaa ta bobeettu sun isin irraa akka deebitu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan tajaajila’a! Isin gara Mootii Waan Maraa yoo deebitane, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan arja’aa fi mararaa waan te’eef, worri fira keessanii fi ijoollee teessan booji’e gadhaa laafee akka isaan gara biyya ifii deebi’anu hin godhan. Isin gara isaa yoo deebitane innille fuula ifii isin irraa hin deebifatu» jedha.

Worri ergame sun biyya Efreemiitii fi Minaase’ee keessa qachaa kaan irraa gara qachaa kaanii dhaqanee haga biyya Zebuloonii deemane; kolbaan biyya sanii ammoo tuffi’ii fi murgo’oon itti kollane. Te’uu malee gosa Asheerii, gosa Minaase’eetii fi Zebuloonii keessaa gariin gad ifi qabanee gara Yerusaalemii dhufane. Biyya Yihuda’aa keessalle’etti kolbaan waan Mootichii fi qondaaltoti akka jecha Mootii Waan Maraatitti isaan ajajane gadhaa tokkochaan akka muummessanu Waaqi isaan qarqaare.

Jilti Irra Dabaramaa Jilifante

Ji’a lammeesso’ootitti jila daabboo uukoo hin qannee jilifatiisaaf kolbaan bacaan Yerusaalem keessatti wolitti qabante. Isaan addee ciinca’aatii fi addee hixaana irratti aarsanu ta waaqota ormaa Yerusaalem keessaa bubuqqisanee, dhooqa Qedroonii keessatti gatane. Isaan ji’a lammeesso’oo guyyaa kudhanii arfeesso’ootitti buruusota hoole’ee Jila Irra Dabaramaatiif qalane; hayyootii fi Lewwooti waan ifi hin woyyoonsiniif qaanowanee, ifi woyyoonsaneen duuba Galma Mootii Waan Maraa keessatti kennansa gubamu dhikeessane. Achiin duuba isaan akkuma seera Muusee nama Waaqaatitti addee addee ifii qabatane; hayyootille dhiiga harka Lewwootaatii fuutee fiffixxe. Kolbaa san keessaa worri bacaan akka aadaa dhugeeffanna’aatitti qulqulluu waan hin te’iniif, Lewwooti worra ifi hin woyyoonsin saniif buruusota hoole’ee Jila Irra Dabaramaatiif qalanee Mootii Waan Maraa duratti isaan woyyoonsane. Ammalle, gosa Efreemii, gosa Minaase’ee, gosa Yisaakoriitii fi Zebuloonii keessaa worri bacaan akka aadaa dhugeeffanna’aatitti adoo ifi hin qulqulleessin foon buruusota hoolee Jila Irra Dabaramaa nyaatane; Hisqiyaasiin mootichi isaaniif daadimatee, «Ee Mootii Waan Maraa akkuma arjummaa teetiititti ati isaaniif araaram! Akka aadaa dhugeeffanna’aatitti isaan qulqullummaa dhabanulle, worra Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta duriitiif ajajamu maraaf araaram!» jedhe. Mootiin Waan Maraa daadimata Hisqiyaasii dhage’e; inni kolbaa san fayyise; miidhaa tokkolle isaan gubbaa hin geessinne. Lewwootii fi hayyooti meya faaru’uutiin bookarfamaa, guyyuma guyya’aan Mootii Waan Maraa leellifataa, gammada gudda’aan faarfataa, kolbaan Israa’elii ta Yerusaalemitti dhaggante guyyaa torba jila daabboo uukoo hin qannee jilifatane. Hisqiyaasille Lewwoota waaqonfannaa Mootii Waan Maraa sooressiisaan dandeettii guddoo mudhisane leellise; maarre kolbaan guyyaa torba qooda ifii nyaataa, kennansa tokkumma’aa dhikeessaa, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii galateeffatte. Achiin duuba gumiin marti guyyaa itti aanu torba jila jilifatiisaaf wolii galane. Maarre guyyaa dhibii torba gammadaan jilifatane. Mootiin Yihuda’aa Hisqiyaas dardaroota kuma tokko, hoole’ee fi re’ee kuma torba gumii saniif kenne; qondaaltotille dardaroota kuma tokko, hoole’ee fi re’eee kuma kudhan kennane; hayyooti bacaan akka aadaa dhugeeffanna’aatitti ifi woyyoonsane. Gumiin Yihuda’aa marti, hayyootii fi Lewwooti, kolbaan worri Israa’el keessaa dhufane marti, worri alagaan ka Israa’el keessa qubataneeranuu fi Yihudaa keessa qubataneeranu marti gammadane. Bara ilmi Daawitii Solomoon biyya Israa’elii duudii irratti mootii te’ee irraa jalqabee haga ammaatitti jilti akkanaa Yerusaalem keessatti jilifantee waan hin beenneef, qachaa Yerusaalemii keessatti gammad guddaan te’e. Hayyootii fi Lewwooti ka’anee kolbaan akka eebbifantu daadimatane. Waaqille addee woyyittii ifii ta ol-gubbaaa irraa daadimata isaanii dhage’e.

Mootiin Waan Maraa Kolbaan Isaa Gara Isaa Akka Deebitu Waame

Bara Daariyos mootii te’ee woggaa lammeesso’oo, ji’a saddeetesso’ootitti jechi Mootii Waan Maraa gara Zakaariyaasii raagicha ilma Baraakiyaa akaakoo Iddoo dhufee, «Mootiin Waan Maraa, abbootii teessanitti guddoo aareeraayyu. Tanaaf, ati isaaniin, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Gara kiyya deebi’aa!» jedha Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade; Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Anille gara keessan hin deebi’a» jedhajedhiin. Isin akka abbootii teessan ta durii, ta raagoti durii, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Karaa keessan hamaa irraa, hujii teessan hantuu irralle’ee deebi’aa!» jedhajedhanee adoo isaanitti himanuu, na dhage’iisa yookiin naaf ajajamiisa dhabane sanii hin ite’inaa! Tana ana Mootii Waan Maraatittuu dubbate. Abbootiin teessan amma eessa jiran? Raagoti bara baraan hin le’anii ree? Dubbii tiyyaa fi qajeelcha kiyya ka ani karaa tajaajiltoota tiyya raagotaatiin ajaje eegatuu dhabiisaan ammoo, adabamanee hin jiranuu ree? Tanaaf isaan cubbuu ifii irraa deebi’anee, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, akkuma murteessetti akka huji’ii fi ideensa keennaatitti nutti murejedhane» jedhe.

Mudhii Marroo Fardo’oo

Daariyos mootii te’ee woggaa lammeesso’oo, ji’a kudha tokkeessoo ka «Shebaax» jedhamutti, guyyaa diddamii arfeesso’ootitti jechi Mootii Waan Maraa gara Zakaariyaasii raagicha ilma Baraakiyaa Iddoo dhufe. Ani Zakaariyaas halkan san mudhi’iin nama farda arrowa irra tee’eeru tokko dhagge; inni mukoota dakkaraa odduu, dhooqa keessa dhaabbateera; duuba isaatille’een fardi arroonni, fardi boorrii fi fardi adiin jiraniiyyu. Anille, «Ee goottaa kiyya, fardoon tun maan?» jedhee gaafadhe.

Inni deebisee, «Isaan maan akka te’ane ani si’itti hin mudhisa» jedhe. Maarre namichi mukoota dakkaraa odduu dhaabbateeru sun deebisee, «Isaan worra Mootiin Waan Maraa lafa qorqoriisaaf ergeeru» jedhe. Isaanille ergamaa Mootii Waan Maraa ka mukoota dakkaraa odduu dhaabbateeru saniin, «Nuuti lafa duudii qorqorreerra; latti duudiin nageya» jedhane.

Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa waan mara Dadde! Ati qachaa Yerusaalemiitii fi Yihuda’aa ka woggaa torbaatama itti mufatte kana, ka hin mararre haga yoomiiti ree?» jedhe.

Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, ergamaa na woliin dubbatiisatti jiru sanitti, dubbii gammachiittuu fi jajjabeessitu deebise. Tanaaf ergamaan na woliin dubbatiisatti jiru sun anaan, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Ani Yerusaalemii fi Xiyooniif guddoo hinaafeera; ani kolbaa tiyyatti diqqoo aareeraayyu; gosi biyya adda addaa worri nageyaan le’a ifi seyu ammoo, ittuma dabalee hantuu waan hujjeef, guddoo itti aareera. Tanaaf ani mararti’iin gara qachaa Yerusaalemii hin deebi’a; manni kiyyalle deebi’ee hin ijaarrama; wodaroon miki’ii Yerusaalem ijaariisaaf hin diriirfama; waan kana ana Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadetti dubbatejedhii lallabi» jedhe.

Ammalle ergamaan, anaan, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Qachooti kiyya waan dansa’aan deebi’anee hin guutaman; Mootiin Waan Maraa ammalle Xiyoon hin jajjabeessa; Yerusaalemille hin fooyatajedhii lallabi» jedhe.

Mudhii Marroo Gaafotaa

Ani ol ilaalee gaafota afur dhagge. Ergamaa na woliin dubbate saniin, «Gaafoti kun maan?» jedhee gaafadhe.

Innille deebisee, «Gaafoti kun kolbaan Yihuda’aa, kolbaan Israa’eliitii fi Yerusaalemii akka bittinnowanu ka godhe» anaan jedhe.

Achiin duuba Mootiin Waan Maraa namoota sibiila tumanu afur natti mudhise. Anille, «Isaan maan godhiisaaf dhufane?» jedhee gaafadhe.

Innille deebisee, «Isaan, kolbaa biyya adda addaa ta lafa Yihuda’aa ijjumaa balleessitee, kolbaa isi’iille bittinneessitee, bararassiisaa fi jissiisaaf dhufane» jedhe.

Ani worra jaaladhu duudii hin xixa, hin adaballe’e. Tanaaf jabaadhu, cubbuu irralle’ee deebi’i.

Tanaaf halchaa le’ii lafaa ta isin keessa jirtu: sagaagala, battummaa, fedhii sagaagalaa, halchaa baddu’uu fi waaqota dharaa waaqonsuu ka te’e joljoluu ijjeesa’a.

Nafa keessan keessaa addee takkaalle meya jallu’uu gootanee cubbu’uuf hin dhikeessina’a; ammoo akka worra du’a keessaa bayee gara jiru’uu dhufee, Waaqaaf ifi dhikeessa’a; nafa keessan duudii meya balchumma’aa godha’aatii Waaqaaf dhikeessa’a.

Ba’aa Wolii Ba’adhaa

Obboleeyyan tiyya, yoo nami tokko cubbu’uun qabame, isin worri ayyaantoleen qajeelumma’aan isa qajeelcha’a! Ammoo isinille akka hin ataabanne ifi eeggadha’a.

Tanaaf battumma’aa fi bacatiisa hammeennaa mara ifi irraa balleessa’a; jecha lubbuu teessan fayyisiisaaf hunna qabu, ka isin keessatti dhaabame san gadhi laafumma’aan fudhadha’a.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-28_14-13-17-