Convicção
A convicção cristã é firmeza de fé que não se abala diante da oposição. É a certeza interior que compele a proclamar a verdade com ousadia, independentemente das consequências.
Ousadia para falar
Recebereis poder e sereis minhas testemunhas. A convicção do Espírito nos equipa para proclamar com coragem e sem vergonha.
ammoo yennaa Ayyaanni Woyyichi isin irratti bu’u, hunna hin dhaggattan; yennaa san Yerusaalemitti, lafa Yihuda’aa duudi’itti, Samaariya’aa fi biyya lafaa duudi’itti dhugaa bayoota tiyya hin teetan» jedhe.
Pheexroosii fi Yohaannis sodaa malee akka dubbatane miseensoti koraa yennaa dhaggane, akka isaan barumsa guddaa hin qanne waan beekanuuf, worri kora mura’aa baaseffatane. Teetu malee akka isaan Yesuus woliin turaneeranu isaaniif gale.
Pheexroosii fi ergantooti worri dhibiin deebisanee, «Nuuti namaaf ajajamuu irra, Waaqaaf ajajamuu qanna.
Dhossaa Wongeelaa sodaa malee beessisiisaaf, yennaa ani dubbatiisaaf qophowe, Waaqi akka jecha naaf kennu analle’eef daadimadha’a. Ani amma wodaroo sibiilaatiin hidhamee jiraadhulle, ergamaa Wongeela kanaa ti. Tanaaf akka dubbatu’uuf maletti, marroo Wongeelaa sodaa malee akka ani dubbadhu daadimadha’a.
Ani Oduu Gammadaatitti hin fokkifadhu; Oduun Gammadaa worra dhugeeffatu mara: duraan dursitee Yihudoota, akkasuma worra Yihudoota hin te’in mara fayyisiisaaf hunna Waaqaa ti.
Nama dhaloota gaarayyeeffata’aa fi cubbamaa kana keessatti, anaa fi dubbii tiyyatti fokkifatutti, Ilmi namaa ulfinna Abbaa ifiitiin, ergantoota Waaqaa woyyoota woliin yennaa dhufu itti hin fokkifata» jedhe.
Yoona, hunna Waaqi siif kenneen, Oduu Gammadaatiif na woliin rakkadhu malee, Goottaa keennaaf dhugaa bayuu yookiin marroo tiyya ka ani Kiristoosiif jedhee hidhame hin fokkifatin.
Worra si dhage’u jajjabeessaa yennaa xixxu, baallii teeti guutu’uun waan kana duudii barsiisi. Nami tokkolle si hin tuffatin.
Firmeza e confiança
Não temas diante dos homens. A Palavra de Deus é fogo na boca do profeta e firmeza na vida do crente.
Mootii Waan Maraa ammoo anaan, «Gara ani si ergu mara dhaqiitii, waan ani si ajaju mara godhi malee, ‹Ani ijoolle’e› hin jedhin.
Ee isin worri Xiyoonitti oduu gammadaa hintanu,
gaara dheera’atti ol baya’a.
Ee isin worri Yerusaalemitti oduu gammadaa hintanu,
qoonqoo teessan ol-qabadha’aatii iyya’a;
qoonqoo teessan ol qabadha’a, hin sodaatina’a!
Qachoota Yihuda’aatiin,
«Waaqi keessan kunoo ti!» jedha’a.
Ani worra dadhaba’atti dubbadhee
akka isaan jajjabeessuuf,
Goottaan Mootiin Waan Maraa
dandeettii barsiisiisaa naa kenneera.
Inni ganama ganama na dammassa,
akka nama baratiisatti jiruu
akka dhage’u gurra kiyya naaf hin bana.
Ani adda keeti akka dhakaa jaba’aa, dhakaa-birraalle caalaa jabeessa; isaan worra finqilaa waan te’aneef, isaan hin sodaatin; hin rifatinille’e» jedhe.
Ani ajaja keeti mootota duratti
hin dubbadha;
hin qaaneffadhu.
Worri Yihudoota hin te’in akka isin hantuu godhaartanuutitti isin himatanulle, hujii dansaa teessan dhagganee guyyaa dhufa Waaqaa akka isa galateeffatanu, isaan wodhakka’atti amala dansa’aan le’a’a.
Nama sodaatiis tiyyoo keessa nama seensisa;
nami Mootii Waan Maraatitti addatu ammoo nageyaan le’a.
Waaqi nu addatee, Oduu Gammadaa maganne’een waan nutti kenneef hin dubbanna. Nuuti nama gammachiisiisaaf adoo hin te’in, Waaqa gadhaa keenna qoree ilaalu, gammachiisiisaaf tana goona.
«Isin ifa biyya lafaa ti. Qachaan gaara gubba’atti ijaarame dhokatiisa hin dande’u. Eennulle ifa issee, akka nama mana keessa jiru maraaf ifa kennu, waan ifi irra keyamu irra keya malee, gonbisoo jala hin keyu. Akkasuma akka kolbaan hujii dansaa teessan dhaggitee Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiru ulfeessitu, ifi keessan nama duudii duratti ifuu ti» jedheen.