Publicidade

Provérbios 13

1 Ilmi qaroon gorsa abbaa ifii hin fudhata;

ilmi murgaamessi ammoo xixicha hin dhage'u.

2 Nami waan dansaa afaan isaa keessaa bayu irraa,

waan dansaa dhaggata;

worri hin addatanne ammoo

hunnaan nama irratti ka'iisaaf halchan.

3 Nami afaan ifii eegatu,

jiruu ifii eegata;

ka ifi eegataa hin dubbanne ammoo hin bada.

4 Nami boosenni hin halcha malee

womaa hin dhaggatu;

nami jabaatee huju ammoo waan halche hin dhaggata.

5 Nami balchaan dhara jibba;

nami hamaan ammoo qaani'ii fi salphinna fida.

6 Balchummaan nama yakkaa hin qanne eeddi;

hammeenni ammoo cubbaalessa balleessa.

7 Nami womaa adoo hin qabaatin

dureessa ifi fakkeessu tokko jira;

ka dhibiin ammoo qabeenna guddaa adoo qabuu

hiyyeessa ifi fakkeessu tokko jirra.

8 Nami dureessi karra ifiitiin

jiruu ifii wodatiisa dande'a fa'a te'a;

nami hiyyeessi ammoo

karra waan hin qanneef,

jiruu ifii wodatiisaaf itti hin rakkatu.

9 Ifi worra balcha'aa yennaa mara ifa;

issaan nama hama'aa ammoo hin dhaama.

10 Ifi jajiis lola qofa kaasa;

qarummaan ammoo worra gorsa fudhatu bira jirti.

11 Karri ariiti'iin dhaggatane ariifattee baddi;

ka diqqeessee diqqeessee

kuufate ammoo itti ede'ata.

12 Addiin yennaa turte gadhaa nama gaddisiitti;

halchaan muummotte ammoo

midhaan muka jiru'uu ti.

13 Nami gorsa tuffatu badii ifi irratti fida;

nami ajaja ulfeessu

ammoo gatii irraa dhaggata.

14 Barsiisi nama qaro'oo madda jiru'uu ti;

tiyyoo du'aa irraa nama deebisa.

15 Qalbeeffati dansaan ulfinna namaaf kenniti;

karaan worra hin addatannee ammoo bu'aa-bayi'i.

16 Nami qalbeeffataan beekkumsaan hujata;

gowwaan ammoo gowwummaa ifii

badhinnatti mudhisa.

17 Ergamaan hamaan rakkoo keessa gala;

ergamaan addatamaan ammoo nageya buusa.

18 Nama qajeelfama tuffatu

hiyyumma'aa fi salphinnatti itti dhufa;

nami xixicha dhage'ee deebi'uu ammoo hin ulfaata.

19 Halchaan muummottu namatti mi'ootti;

gowwooleen ammoo

waan hantuu irraa deebi'iisa jibban.

20 Nami qaroo woliin ideemu qaroo hin te'a;

waa'elli gowwa'aa ammoo hin farra.

21 Wonni hantuun cubbaaleyyii ariiti;

qananummaan ammoo gatii balcha'aa ti.

22 Nami dansaan ijoollee ijoollee ifiitiif

dhaala lakkisee dabara;

qabeenni cubbaalessaa ammoo

balcha'aaf kuufama.

23 Fichaan nama hiyyeessaa

midhaan bacaa kennuu dande'a;

haqa dhabiisi ammoo haxowee duraa balleessa.

24 Nami ilma ifii adabiisa mararfatu ilma ifii jibba;

ka jaalatu ammoo malaan adabee isa guddisa.

25 Nami balchaan haga quufutti nyaata;

nami hamaan yennaa mara beelota.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-