Publicidade

Provérbios 14

1 Dubartiin qaroon mana ifii ijaarratti;

dubartiin gowwaan ammoo

harkuma ifiitiin mana ifii diiddi.

2 Nami karaa qajeelaa ideemu

Mootii Waan Maraa sodaata;

ka karaan isaa micciirama'aa ammoo isa tuffata.

3 Nama gowwaa dubbuma isaatitti adabbii isatti fida;

nama qaroo ammoo afaan isaatitti isa eega.

4 Lafa qotiyyoon hin jirre gootaraan duwwaa hin te'a;

hunna qotiyyo'ootiin ammoo

midhaan hin bacata.

5 Dhugaa bayaan dhugaammessi hin sobu;

dhugaa bayaan dharaamessi ammoo dhara dubbata.

6 Nami murgaamessi qarummaa hin barbaada;

garuu hin dhaggatu;

worra qalbeeffataa ammoo

beekkumsa dhaggatiisi hin dhibu.

7 Afaan isaa irraa

beekkumsa waan hin dhagganneef,

nama gowwaa irraa fagaadhu.

8 Qarummaan nama qalbeeffata'aa

karaa irraa akka hin gorre tolchiti;

gowwummaan nama gowwa'aa

ammoo karaa irraa gorsiti.

9 Gowwooleen ciincaa sababa cubbu'uutiif dhikaatutti murgan;

odduu worra qajeela'aa ammoo

fedhii dansa'atti jira.

10 Nami martinuu

gammadaa fi gadda hadhowaa ifii hin beeka;

ka isa woliin qoodamu hin jiru.

11 Manni worra hama'aa hin jiga;

qe'een worra qajeela'aa ammoo hin badhatti.

12 Karaan sirrii namatti fakkaatu jira;

muummeen isaa ammoo gara du'aa geessa.

13 Kolla keessaayyuu gaddi jiraachuu dande'a;

gammadi gaddaan muummowuu dande'a.

14 Nami hamaan gatii hammeenna ifii hin fudhata;

nami dansaalle gatii hujii dansaa ifii hin fudhata.

15 Gowwaan waan mara dhugeeffata;

qalbeeffataan ammoo ijjata ifii hin ilaallata.

16 Nami qaroon waan hantuu sodaatee irraa hin deebi'a;

nami gowwaan ammoo ifi hin eegatu;

hin ariifatalle'e.

17 Nami dafee aaru waan gadhee huja;

nami mala namatti dhowu hin jibbatama.

18 Nami hin bilchaatin gowwummaa dhaala;

nami qalbeeffataan beekkumsa

akka kallachaa keyata.

19 Worri hamaan worra dansaa duratti,

worri cubbaaleyyiin

karra worra balcha'aa duratti gad hin jedhan.

20 Hiyyeessi ollaa ifiitiinuu hin jibbatama;

dureessi ammoo jaalota hedduu qaba.

21 Nami nama tuffatu cubbaalessa;

nami hiyyeessaaf nayu ka gammade.

22 Worri mala hamaa dhowu

karaa irraa goranii motii ree?

Worri mala dansaa dhowu ammoo hin jaalataman;

hin addatamanille'e.

23 Jabaatanee hujiis bu'aa qaba;

oduu callaa odeessiis ammoo

gara hiyyumma'aa qofa nama geessiti.

24 Qananummaan kallacha qaroole'ee ti;

gowwummaan ammoo seesa gowwoole'ee ti.

25 Dhugaa bayaan dhugaammessi jiruu fayyisa;

dhugaa bayaan dharaamessi ammoo hin soba.

26 Nami Mootii Waan Maraa sodaatu

kushee jadduu qaba;

ijoollee isaatiifille addee itti baqattu hin teeti.

27 Mootii Waan Maraa sodaatiis madda jiru'uu ti;

tiyyoo du'aa irraa nama deebisa.

28 Ulfinni mooti'ii bacinna kolba'aa ti;

kolbaan yoo hin jiraatin ammoo inni hin bada.

29 Nami ossatu hubantii guddoo qaba;

nami dafee aaru ammoo gowwummaa mudhisa.

30 Yaadi nageyaa jiruu nafaaf kenna;

hinaaffaan ammoo lafee tortorsa.

31 Nami hiyyeessa cunqursu

ka isa dade tuffata;

ka hiyyeeyyi'iif nayu ammoo

Waaqaaf ulfinna kenna.

32 Nami hamaan hammeenna ifiitiin bada;

nami balchaan du'a keessalle'etti

addee itti baqatu qaba.

33 Qarummaan gadhaa worra woy hubatuu keessa leeti;

isiin gadhaa gowwootaa keessatti ammoo hin beekkantu.

34 Balchummaan kolbaa ol qaddi;

cubbuun ammoo kolbuma mara salphitti.

35 Mootiin tajaajilaa qaro'otti hin gammada;

ka isa fokkisiisutti ammoo hin mufata.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-