Publicidade

Provérbios 28

1 Nami hamaan adoo nami hin ari'in baqata;

nami balchaan ammoo akka neenqaa ifi addata.

2 Kolbaan yennaa finqila kaatu,

bulchitooti isi'ii hin heddatti;

nama hubata'aa fi beekaa yoo qabaatte ammoo

mootummaan isi'ii jabaattee hin dhaabbatti.

3 Bulchaan hiyyeessa cunqursu

akka bokkeya midhaan balleessuu ti.

4 Worri seera lakkisu nama hamaa leellisa;

worri seera eegatanu ammoo isaaniin morma.

5 Nami hamaan haqa hin beeku;

worri Mootii Waan Maraa barbaadatu ammoo

guutumaa guutu'utti haqa beekan.

6 Dureessa ideensi isaa micciirama'aatii mannaa,

hiyyeessa komii hin qanne woyya.

7 Ka seera eegu ilma qalbeeffata'a;

ka gadhitoo woliin jaalomu ammoo

abbaa ifii salphisa.

8 Nami liqaa dhala gudda'aatiin qabeenna ede'atu,

nama hiyyeessaa nawuuf hin kuusa.

9 Nama seeraaf hin ajajanne,

daadimati isaatuu akka malee hin jibbisiisa.

10 Nami nama qajeelaa karaa hama'atti geessu,

boolla ifumaa qote keessa hin bu'a;

nami komii hin qanne ammoo

waan dansaa hin dhaala.

11 Nami dureessi qaroo ifi seya;

hiyyeessi hubantii qabu ammoo

qorqoree keessa isaa hin beeka.

12 Nami balchaan yennaa injifatu,

martinuu hin gammadan;

nami hamaan yennaa baallii qabatu ammoo

namooti hin dhokatan.

13 Nami cubbuu ifii dhoffatu,

hin milkowu;

nami cubbuu ifii faaci'atuu fi ka isii lakkisu ammoo

marartii hin dhaggata.

14 Nami yennaa mara Mootii Waan Maraa sodaatu

ka gammade;

nami mataa jabaatu ammoo rakkinna keessa gala.

15 Bulchaan hamaan worra qarqaarsa hin qanne irratti

akka neenqa dhangaa dhowuu

yookiin akka doobbaa hiixatee woy qabuu ti.

16 Bulchaan hubantii hin qanne

akka malee nama cunqursa.

Ka bu'aa haqa hin te'in jibbu ammoo

bara dheeraa hin le'a.

17 Nami nama ijjeese,

haga du'utti baqataa hin le'a;

nami tokkolle isa hin qarqaarin.

18 Nami komii hin qanne waan hantuu irra hin bu'u;

nami micciiramaan ammoo dedhuma jiga.

19 Nami lafa qotatu sagalee bacaa hin qabaata;

nami waan bu'aa hin qanne hordofu ammoo hin deega.

20 Nami addatamaan guddoo hin eebbifama;

nami durumma'aaf ariifatu ammoo

adoo hin adabamin hin hafu.

21 Nama wol caalchisuun dansa'aa moti;

garuu nami bixee daabbo'oo takkatti'iif jedhee

dokonkora huja.

22 Nami donni duroomiisaaf ariifata;

hiyyuun akka isa eegattu hin beeku.

23 Nama afaaniin nama kookkisu caalaa,

ka balleessaa namatti himee nama xixutti

dhuma irratti saadama.

24 Nami abbaa ifii yookiin haadha ifii saamee,

«Kun dokonkoraa moti» jedhu,

inni jaala nama woy balleessuu ti.

25 Nami joljolaan lola kakkaasa;

nami Mootii Waan Maraatitti addatu ammoo

hin milkowa.

26 Nami ifitti addatu gowwa'a;

nami qarumma'aan deddeebi'u

ammoo waan hantuu irra hin bu'u.

27 Nami hiyyeessaaf kennu womaa hin dhabu;

nami hiyyeessa ilaalee lakkisu ammoo

abaarsa hedduu fudhata.

28 Yennaa namooti hamooleen baallii fudhatanu,

kolbaan hin dhokatti;

yennaa isaan badanu ammoo

balchooti hin bacatti.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-