Publicidade

Provérbios 25

Jecha Qarummaa Solomoonii Ka Dhibii

1 Isaan kunille fakkeenna Solomoonii ka dhibii,

ka qondaaltoti Hisqiyaasii mootii

Yihuda'aa barreeffama irraa garagalchane.

2 Gofa woyii dhossuun ulfinna Waaqaa ti;

gofa woyii qoratanee baasuun

ulfinna moototaa ti.

3 Akkuma ol-gubbaan ol fagaattu

akkuma lattille gaddi fagaattu,

yaadi moototaalle qorqoramuu hin dande'u.

4 Ka meetii irraa meya huju meetii qulluu akka qabaatu,

ati meetii san irraa xurii kaasi.

5 Barcumaan mootumma'aa

balchumma'aan akka dhaabbatu,

nama hamaa addee mootiin jiruu kaasi.

6 Mootii duratti ol ifi hin qabin;

nama guddaa ifi hin fakkeessin.

7 Mootichi nama guddaa duratti

addee gad aantuu sii kenniisaa mannaa,

addee ol aantuu sii kennu woyya.

8 Waan tokko ilumaan dhaggite'eef

ariifattee gara mura'aa hin dhikeessin;

nami dhibiin dokonkora keeti yoo mirkaneesse,

ati dhuma irratti maan teeta ree?

9 Haajaa keetiif nama woliin yennaa falmattu,

gofa nama dhibi'ii hin mudhisin.

10 Yoo akkas hin te'in nami waan kana dhage'u si qaanessa;

maqaan keeti ka bade sun ijjumaa si'iif hin deebi'u.

11 Dubbiin yennaa isi'iititti dubbatantu,

akka quumhaa worqi'ii ka qorii meeti'ii keessaa ti.

12 Xixxaan nama qaro'oo nama isa dhage'uuf,

akka worqii gurraa yookiin meya seesaa

ka worqii qulluu irraa hujamee ti.

13 Bisaan dhakaa roobaatiin qabbanowe,

yennaa midhaan galcha'aa

akkuma gadhaa namaa qabbaneessu,

ergantooti addatamootille

nama isaan ergatuuf akkasuma;

isaan yaada goottolee ifii hin foorfachiisan.

14 Nami kennansa namaaf hin kennineen ifi jaju,

akka duumensaa fi qilleensa bokkeya hin qannee ti.

15 Nami ossa qabu

bulchaa biyyaa tokko gadhaa hin laaffifata;

arrabi dansaan nama mataa jabaatu laaffisa.

16 Damma yoo dhaggatte,

haga si'iif barbaachisu qofa nyaadhu;

akka malee nyaattu si diddissa.

17 Si bagee waan si jibbuuf,

miilli keeti mana ollaa keetiititti hin daandin.

18 Nami dharaan dhugaa nama irratti bayu,

akka ulee jirmaa yookiin

akka shallaaga'aa yookiin

akka daaya qara qabuu ti.

19 Rakkinna keessa nama hin addatannetti addatiis,

akka nama ilkaan tacho'etti

yookiin miila laashowetti addatuu ti.

20 Nama gaddeef faaruu faarsuun,

akka nama guyyaa boojji'ii

woyaa isaa isa irraa fuudhanee ti

yookiin akka soodda mada'atti naqanee ti.

21 Diinni keeti yoo beelote sagalee nyaatu kenniif;

yoo dheebotelle bisaan unu kenniif.

22 Tana godhiisaan gaabbee akka inni qaanowu hin goota;

Mootiin Waan Maraalle gatii si'iif hin kaffala.

23 Akkuma qilleensi kaabaa bokkeya fidu,

arrabi hamatu ila aari'iin nama ilaaltu hin fida.

24 Niitii dubbatittii woliin le'iisaa mannaa,

roga heellichoo manaa irra le'uu woyya.

25 Oduun dansaan biyya fago'oo,

akkuma bisaan qabbanowaa

lubbuu dheebotte dheebuu baasuu ti.

26 Nami balchaan nama hama'aaf karaa kennu,

akka madda boorayee,

yookiin akka bisaan boollaa

ka xurayee ti.

27 Damma akka malee nyaatiis dansa'aa moti

yookiin ulfinna mataa ifii barbaadatiisi ulfinnaa moti.

28 Nami ifi qabatiisa hin dandeenne,

akka qachaa guddicha dalleenni dhaka'aa irraa jigee ti.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-