Publicidade

Provérbios 3

Gorsa Dargaggootaaf Kenname

1 Ilma kiyya, waan ani si barsiisu hin dedhin;

ajajoota kiyya gadha'atti qabadhu.

2 Isaan guyyoota sii ede'anee,

woggoota hedduu si leesisan;

qananumma'aa fi nageya sii kennan.

3 Mararti'ii fi addatamummaa ijjumaa hin lakkisin;

morma keetitti hidhadhu;

gadhaa keeti keessatti qabadhu.

4 Achiin duuba ati Waaqaa fi nama duratti

fudhatamaa fi maqaa dansaa hin dhaggatta.

5 Gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraatitti addadhu;

hubantii teetitti hin irkatin.

6 Karaa keeti maraan isa beeki;

inni daandii teeti si'iif hin qajeelcha.

7 «Ani qaro'o!» ifiin hin jedhin;

Mootii Waan Maraa sodaadhu;

waan hantuu irraa fagaadhu.

8 Kun nafa keetiif fayyaa,

lafee teetiifille jabeenna hin te'a.

9 Qabeenna keetiin,

midhaan keeti mara keessaa mataa kenniisaan,

Mootii Waan Maraatiif ulfinna kenni.

10 Achiin duuba gootaraan keeti

midhaaniin hin guutama;

daadhiin teeti waabaa guutantee irra hin danbalaati.

11 Ilma kiyya, qajeelcha Mootii Waan Maraa hin tuffatin;

xixicha isaalle hin jibbin.

12 Abbaan ilma itti gammadu akkuma qajeelchu,

Mootiin Waan Maraalle nama jaalatu qajeelcha.

13 Nami qarummaa dhaggatu,

ka hubantii qabu ka gammade.

14 Qarummaan meetii caalaa bu'aa qaddi;

worqii caalaalle fayyaddi.

15 Qarummaan dooqa gatii guddo'oo caalaa gatii qaddi;

waan ati halchitu keessaa ka isi'iin qixxawu hin jiru.

16 Harka isi'ii middicha keessa

jiruu dheertu'utti jira;

harka isi'ii bitaacha keessa

durumma'aa fi ulfinnatti jira.

17 Karaan isi'ii karaa gammadaa ti;

daandiin isi'ii daandii nageyaa ti.

18 Isiin worra jabeessee isii qabateef,

muka jiru'uu ti;

worri jabeessee isii qabate hin gammada.

19 Mootiin Waan Maraa qarummaa ifiitiin lafa dade;

hubantii ifiitiin ol-gubbaa jabeessee dhaabe.

20 Beekkumsa isaatiin

qileen abbaayotaa gargar dayyaate,

duumensille tiifuu tiife.

21 Ilma kiyya, qarumma'aa fi qalbeeffata jabeessii qabadhu;

isaan ila teeti duraa hin gorin.

22 Isaan si'iif jiruu,

morma keetiifille seesa hin te'an.

23 Achiin duuba ati nageyaan

karaa keeti hin deenta;

miilli keetille hin gufatu.

24 Yennaa irkattu hin sodaattu;

yennaa rattulle

hirriibi keeti mi'owaa hin te'a.

25 Yennaa balaan

dedhuma worra hamaa irra dhaqqabu,

ati hin sodaattu.

26 Mootiin Waan Maraa addii waan sii te'uuf,

miila keeti tiyyoo irraa hin eega.

27 Worra wonni dansaan malteef,

waan dansaa godhiisaaf adoo dandeettuu,

waan dansaan godhiisa hin lakkisin.

28 Adoo harkaa qadduu, «Boru sii kennaatii,

deebi'ii koy!» namaan hin jedhin.

29 Nama si addatee si bira tee'u irratti

waan hantuu hin yaadin.

30 Adoo nami si hin miidhin,

akkasumaan nama hin himatin.

31 Nama hunnaan nama irratti ka'u hin halchin;

karaa isaa tokkolle hin filatin.

32 Sababille Mootiin Waan Maraa

nama micciiramaa jibba;

nama qajeelaa ammoo guddoo jaalata.

33 Mootiin Waan Maraa

mana worra hama'aa hin abaara;

mana worra balcha'aa ammoo hin eebbisa.

34 Mootiin Waan Maraa worra murgutti hin murga;

worra gad ifi qabuuf badhaadha hin kenna.

35 Worri qarooleen ulfinna hin dhaggatan;

worri gowwooleen ammoo hin salphatan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-