Publicidade

Provérbios 23

Jayeessoo

1 Sagalee nyaatiisaaf bulchaa woliin yennaa teettu,

waan si dura jirtu san hubadhuu ilaali.

2 Nyaatiisaaf dharraa guddoo yoo qabaattelle,

ifi qabadhu.

3 Sagaleen sun waan si sodduuf,

mi'aan isi'ii si hin joljolsin.

Torbeessoo

4 Duroomiisaaf jettee akka malee hin elowin;

ifi qabatiisaaf qarummaa qabaadhu.

5 Durummaan akka risaa koolaan ka'uu,

haga lipheettii ilaatitti,

nama duraa baduu hin dandeetti.

Saddeetessoo

6 Sagalee nama donnaa hin nyaatin;

mi'aan isi'ii si hin joljolsin.

7 Inni akka nama yennaa mara marroo gatii sagaleen sun baachu yaaduu ti;

inni afaaniin, «Nyaadhu; uni» siin jedha;

gadhaan isaa ammoo si woliin hin jiru.

8 Diqqoo nyaatteeyyuu hin diddidda;

dubbii galataa teetille hin balleessita.

Sagaleessoo

9 Inni dubbii qarumma'aa teetitti waan murguuf,

gowwa'atti hin dubbatin.

Kudhaneessoo

10 Dhakaa meessa'aa ka durii adde'ee hin munyuussin

yookiin fichaa ijoollee abbaa hin qannee

meessaa hin dabarin.

11 Waaqi isaan wodu jabaa waan te'eef,

inni isaaniif hin falmata.

Kudhanii Tokkeessoo

12 Qalbii teeti gara gorsaa,

gurra keetille gara beekkumsaa deebifadhu.

Kudhanii Lammeessoo

13 Ijoollee teeti adabiisa hin lakkisin;

kuta'aan yoo dhaante isaan hin du'anu.

14 Ati yoo kuta'aan isaan dhaante,

lubbuu isaanii du'a irraa hin hamburta.

Kudhanii Sadeessoo

15 Ilma kiyya, ati qaroo yoo teete,

gadhaan kiyya hin gammada.

16 Yennaa afaan keeti waan sirrii te'e dubbatu,

keessi kiyya guddoo gammada.

Kudhanii Arfeessoo

17 Yennaa mara Mootii Waan Maraa

sodaatiisaaf hinaaf malee,

cubbaaleyyi'itti hin hinaafin.

18 Dhugumaan ati gara fuula duraa addii qadda;

addiin teetille hin baddu.

Kudhanii Shaneessoo

19 Ilma kiyya, caqasi;

qaroolle te'i;

qalbii teetille daandii qajeelaa irratti eegadhu.

20 Worra daadhii woyni'ii akka malee unuu fi

worra foon akka malee nyaatu woliin hin jaalomin.

21 Worri machowuu fi worri gadhitoon hin hiyyoommatan;

hirriibi hamaan isaaniille woyaa ciccittuu isaanitti hin uffisa.

Kudhanii Jayeessoo

22 Abbaa keeti ka si uume dhage'i;

haadha teetille yennaa isiin dulloonte hin tuffatin.

23 Dhuga'aa fi qarummaa,

gorsaa fi hubantii bitadhu malee hin gurgurin.

24 Abbaan nama balcha'aa gammada guddaa qaba;

ka ilma qaroo qabulle isatti hin gammada.

25 Abbaan keetii fi haati teeti gammadanuu ti;

haati si deette akka malee gammadduu ti.

Kudhanii Torbeessoo

26 Ilma kiyya, qalbii teeti naa kenni;

ilti teetille karaa kiyya ilaaltuu ti.

27 Dubartiin sagaagaltittiin akka boolla qile'ee ti;

niitiin gaarayyeeffattuun akka balleessa dhipha'aa ti.

28 Isaan akka worra nama saamuu riphanee si eegan;

dhiira hedduu niitii ifiitiif akka hin addatanne godhan.

Kudhanii Saddeetessoo

29 Ka waacifu eennu?

Ka gaddu eennu?

Ka wol dhabu eennu?

Ka nama komatu eennu?

Ka sababa malee madowu eennu?

Ka ila diimatu eennu?

30 Worra daadhii woyni'ii irra turu,

ka yennaa mara daadhii woyni'ii

ta makaa qaddu barbaaduu motii ree?

31 Daadhiin woyni'ii yennaa diimattu,

shurrubbee keessaa yennaa calalaxxu,

akka kasoo yennaa isii unanu

si hin halchisiisin.

32 Muummee irratti akka dhudhuufa'aa si idditi;

akka buuti'iille hadhaa sitti naxxi.

33 Ilti teeti waan haareya dhaggiti;

qalbiin teetille hin cucurruuxxi.

34 Akka nama abbaayaa irra rafuu,

akka nama qaccee utubaa hobolo'oo irra irkatuu hin teeta.

35 Ati, «Na dhowane;

ani ammoo hin miidhanne;

na dhaanane;

ani ammoo hin dhukkuffanne;

untoo dhibii barbaadatiisaaf, yoom dammaqa?» jetta.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-