Publicidade

Provérbios 7

1 Ilma kiyya, jecha kiyya eegadhu;

ajaja kiyya gadhaa keeti keessatti qabadhu.

2 Akka leetuuf,

ajaja kiyya eeggadhu;

barsiisa kiyyalle

akka gumaa ila teetii eeggadhu.

3 Akka qube'ee quba keetitti keyadhu;

gadhaa keeti keessatti barreeffadhu.

4 Qarumma'aan, «Ati obboleettii tiyya» jedhi;

hubantiille'een, «Ati fira kiyya» jedhii waami.

5 Isaan dubartii gaarayyeeffattuu,

ta jechoota gammachiisuun

nama qaxafattu irraa si eegan.

Soba Dubartii Gaarayyeeffattu'uu

6 Gaafa tokko ani karaa foddaa

mana kiyyaatiin ala ilaalee,

7 worra yaadaan hin bilchaatin keessaa,

dargaggoota oddu'uu,

dargaggeessa qalbii hin qanne tokko dhagge.

8 Inni karaa cinaa mana dubartii takkaa geessu gula,

gara mana isi'ii ideemiisatti jiraayyu.

9 Yennaan sun aduun seentee,

galgala dimimmisa

halkan dukkana keessa.

10 Achiin duuba dubartittiin gad isatti baate;

isiin akka sagaagaltu'uu uffattee

nama dokonkorsiisaaf mala qaddiiyyu.

11 Isiin ta ila gad hin qabanne,

mati-jabeetti'i;

isiin ijjumaa mana hin teettu.

12 Takka karaa irra,

takka woldeennaa kara'aa irra

cinaa karaa maraa irra

dhaabbattee eeggatti.

13 Isiin isa qaddee,

sunqattee, fokkoo malee, isaan,

14 «Ani kennansa tokkumma'aa qaba;

adha waan waadaa gale muummesseera.

15 Maarre ani si fudhatiisaaf gad baye;

ani si dhaggiisaaf dharra'eeruun,

kunoo si dhagge.

16 Ani woyaa quncee talba'aa

ta biyya Gibxi'iititti seefantee hujante,

taqee tiyya irra afeera.

17 Taqee tiyyatti fiqiree, qumbii,

dakkaraa fi qurunfudii irraa hujante itti biifeera.

18 Koy, haga latti bariitutti

jaalala keenna dheebuu baanaa ti;

jaalalaan ifii gammachiinnaa ti.

19 Dhirsi kiyya mana hin jiru;

inni fagoo deemeera.

20 Inni beesee guddoo

fudhatee deemeera;

haga ji'i goobanutti

deebi'ee hin galu» jette.

21 Isiin jechoota gammachiisuun

karaa irraa isa gorsite;

dubbii damma dibiisaan

isa dokonkorsite.

22 Yoosuma inni akka sangaa gara qalamu deemuu,

akka gadansa

gara fonxoro'oo deemuu,

isii gula deeme.

23 Haga daayi tiruu isaa woraanutti,

akka sinbirreen kaatee tiyyoo seentu,

innille wonni kun

lubbuu isaatitti akka dhuttu hin beenne.

24 Ammalle ilmaan tiyya,

na caqasa'a;

waan ani jedhulle

itti xiyyeeffadha'a.

25 Gadhaan keessan gara karaa isi'ii hin deebi'in;

daandii isi'ii gula ideentanee

karaa irraa hin gorina'a.

26 Isiin namoota hedduu madeessitee jissiteerti;

namoota bindillaalle ijjeetteerti;

27 Manni isi'ii karaa addee worri du'e jiru,

ka gara awwaalaa gad geessu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-