Publicidade

Provérbios 9

Qarumma'aa Fi Gowwummaa

1 Qarummaan mana ifii ijaarratteerti;

isiin utuboota mana ifii torba

boccee dhaabbatteerti.

2 Isiin horii qaltee,

daadhii woyni'ii naxxee,

sagaleelle qopheessiteerti.

3 Qachaa keessa kooba irra dhaabbatanee,

akka waamanuuf,

isiin dubartoota tajaajiltoota ifii ergitee,

4 «Nami yaadaan hin bilchaatin marti

as kowa'aa seena'a!» jetti;

worra qalbii hin qannelle'een,

5 «Kowa'a, sagalee tiyya nyaadha'a;

daadhii ani naqelle una'a.

6 Isin jiru'uun hin jiraattaniitii,

karaa gowwumma'aa lakkisa'a;

karaa hubanti'ii irra ideema'a» jetti.

7 Nami murgaamessa gorsu,

arraba fudhata;

nami nama hamaa xixu qaanii ifitti fida.

8 Nama murgaamessa yoo gorsite si hin jibba;

nama qaroo yoo xixxe si hin jaalata.

9 Nama qaroo gorsi

inni irra caalaa qaroo hin te'a;

nama balchaa barsiisi,

inni beekkumsa itti hin ede'ata.

10 Qarummaan jalqabaa Mootii Waan Maraa sodaatiisa;

Woyyicha san beekiisi hubantii dhaggatiisa.

11 Qarummaan bara jiruu teetii hin baceessiti;

woggoota jiruu teetii itti sii edeeti.

12 Qaroo yoo teete,

bu'aan isi'ii teetuma;

ati yoo murgaamessa teete ifuma miita.

13 Dubartiin gowwittiin dubbattitti'i;

isiin daalle'e;

beekkumsa hin qaddu.

14 Isiin qachaa keessa kooba irra,

balbala mana ifii dura barcumaa irra teetti.

15 Worra karaa san dabaru,

ka qajeelee karaa ifii deemu waantee,

16 «Isin worri yaadaan hin bilchaatin,

as gora'a» jetti;

worra qalbii hin qannelle'een,

17 «Bisaan hannaa hin mi'owa;

sagaleen dhokaataan nyaatanu,

hin kurootti» jetti.

18 Isaan ammoo worri du'e akka achi jiru,

worri isiin waantelle,

qilee addee worri du'e jiruu keessa

akka jiranu hin beekanu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-