Publicidade

Provérbios 24

Kudhanii Sagaleessoo

1 Namoota hamoolee hin hinaafin;

jaalummaa isaanii hin halchin.

2 Gadhaan isaanii hunnaan nama irratti ka'iisa yaada;

afaan isaaniille marroo maltumma'aa dubbata.

Diddameessoo

3 Manni qarumma'aan ijaarama;

hubantiille'een jabeeffama.

4 Beekkumsaan kollooti mana sanii

meya gatii guddo'ootii fi

meya dadansa'aan guutaman.

Diddamii Tokkeessoo

5 Nami qaroon hunna jadduu qaba;

nami beekkumsa qabulle jabeenna dabalata.

6 Lolaaf bayiisaaf qajeelcha,

injifatiisaafille gorsitoota hedduu barbaachisa.

Diddamii Lammeessoo

7 Nama gowwa'aaf qarummaan akka malee ol fagaatti;

inni addee mari'ii keessatti

afaan ifii hin saaqatu.

Diddamii Sadeessoo

8 Nami waan hantuu godhiisaaf mala dhowu,

inni, «Malticha» jedhamee beekkama.

9 Malli gowwa'aa cubbu'u;

namooti nama murgu hin jibban.

Diddamii Arfeessoo

10 Ati bara rakko'oo keessa yoo raafante,

jabeenni keeti attam attam diqqa'a!

Diddamii Shaneessoo

11 Worra gara du'aa geeffamanu baasi;

worra gara qalamiisaa tintimanu deebisi.

12 Ati, «Nuuti marroo waan kanaa hin beenne» yoo jette,

ka gadhaa namaa qorqoru kana hin hubatuu ree?

Ka jiruu teeti eegu hin beekuu ree?

Inni nama tokko tokkoofuu

akka hujii isaatitti gatii isaaf hin kaffaluu ree?

Diddamii Jayeessoo

13 Ilma kiyya, dammi dansaa waan te'eef,

damma nyaadhu;

nadhiin dhaaba dammaa keessaa sitti hin mi'ootti.

14 Qarummaalle lubbuu teetiif

akkuma san akka mi'oottu beeki;

ati yoo isii dhaggatte,

gara fuula duraa addii qadda;

addiin teetille hin baddu.

Diddamii Torbeessoo

15 Akka nama hama'aa

mana nama balcha'aa dhokattee hin gaadin.

Mana isaa irralle'etti hunnaan hin ka'in.

16 Nami balchaan yennaa torba jigulle deebi'ee hin ka'a;

nami hamaan ammoo badii keessa bu'a.

Diddamii Saddeetessoo

17 Yennaa diinni keeti jigu hin gammadin;

yennaa inni gufatulle gadhaan keeti hin firinxiixin.

18 Itti gammadiisa keeti yoo dhagge,

Mootiin Waan Maraa hin jaalatu;

aarii ifii isa irraa hin deebisa.

Diddamii Sagaleessoo

19 Waan namooti hamaan hujanu hin qoxxisin;

yookiin hamoolee hin hinaafin.

20 Nami hamaan addii gara fuula duraa hin qabu;

issaan nama hama'aalle hin dhaama.

Soddomeessoo

21 Ilma kiyya, Mootii Waan Maraatii fi mooticha sodaadhu;

worra finqilaa woliin jaala hin te'in.

22 Mootiin Waan Maraatii fi mootichi

dedhuma badii worra finqilaa irratti hin fidan;

badii isaan fidanu eentu beeka ree?

Jecha Qaro'oo Ka Dhibii

23 Isaan kunille jecha qaro'oo ti:

Muraa keessatti nama wol caalchisuun dansa'aa moti.

24 Nama hama'aan, «Ati yakkaa hin qaddu» nama jedhu,

kolbaan hin abaarti;

gosi biyya adda addaalle hin jibbiti.

25 Worra nama hamaa xixuuf ammoo

wonni dansaan hin teeti;

eebbi dansaalle isaan irratti hin bu'a.

26 Deebii dhuga'aa deebisuun,

akka sunqaa hidhi'ii ti.

27 Hujii alaa fixadhuu,

fichaa keeti qopheeffadhu;

achiin duuba mana keeti ijaaradhu.

28 Sababa malee nama irratti dhugaa hin bayin

yookiin hidhii teetiin nama hin sobin.

29 Ati, «Waanuma nami na godhe, anille isa hin godha;

gatuma hujii isaa isaaf hin deebisa» hin jedhin.

30 Ani fichaa nama booseyaa keessa,

oorruu woyni'ii ta nama qalbii hin qannee

keessa dabaree deeme.

31 Addee mara qoreen itti latteerti;

shuqunaan lafa golliteerti;

dalleenni dhaka'aalle irraa jigeera.

32 Ani waan kana ilaalee itti yaadee,

waan dhagge kana irraa barumsa dhaggadhe:

33 Ati yennaa diqqoo isi'ii rafii,

yennaa diqqoo isi'ii mugii,

foorfatiisaaf yennaa diqqoo isi'ii

harka wol irra naqadhu.

34 Garuu hiyyuun akka saantu'uu,

beelti akka nama meya lolaa hidhatee

sitti hin dhufan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-