Coração quebrantado
Deus está perto dos que têm o coração quebrantado. A Bíblia consola os aflitos: o sacrifício que Deus aceita é o espírito quebrantado e um coração contrito — jamais desprezará.
Mootiin Waan Maraa
worra guddoo gaddeeruuf dhikoo jira;
inni worra addii kutateeru hin baasa.
Ciincaan Waaqaaf dhikaattu yaada gad jedhe;
ee Waaqa, ati yaada gad jedhee,
cubbuu irraa deebi’u hin tuffattu.
Inni worra gaddaan
gadhaan isaanii madaye hin fayyisa;
madaa isaaniille hin hidha.
Foon kiyyaa fi keessi kiyya dadhabuu dande’an;
Waaqi ammoo jabeenna kiyyaa fi
qooda kiyya ka bara baraa ti.
«Ani Waaqa ol aanaa waan mara caalu, woyyicha haga bara baraa le’u. Ani worra ifi gad qabu yaada isaanii haaressiisaaf, worra addii kutatane jajjabeessiisaaf, addee ol aantuu woyyittii isaan woliin hin le’a.
Tana mara harka kiyyattuu huje; wonni martinuu tiyya. Ani gara worra gad ifi qabuu, gara worra mataa hin jabaanneetii fi gara worra jecha kiyya sodaatuu hin ilaala.
Ayyaanni Goottaa Mootii Waan Maraa na irra jira;
akka ani oduu gammadaa
worra cunqurfameef lallabu,
na muudeera.
Worra gadhaan isaanii madaye
akka ani fayyisuuf,
worra booji’ame akka ani bilisa baasuuf,
worra hidhame akka ani hiikuuf,
Mootiin Waan Maraa na ergeera.
Woggaa Mootii Waan Maraa biratti fudhatama qadduu fi
guyyaa Waaqi keenna haluu bawu,
akka ani lassuuf,
worra bowu mara
akka ani jajjabeessuuf,
Mootiin Waan Maraa na ergeera.
Worri Xiyoon keessatti gaddiisatti jiru,
mata’atti addee daadhaa firfirfatanu
marata dansaa akka ani itti maru
addee bowanu,
zayitii gammadaa akka ani itti dhangalaasu,
addee ayyaana gaddaa,
woyaa leellisaa akka ani itti uffisuuf,
na ergeera.
Isaan, «Qilxaa balchumma’aa,
ka Mootiin Waan Maraa ulfinna ifii mudhisiisaaf dhaabe» jedhamanee hin waamaman.
«Worri le’ii Ayyaanaatiin hiyyeeyyii akka te’ane itti dhage’antu gammaduu;
mootummaan Waaqaa ta isaanii ti!
Worri gadde gammaduu;
Waaqi isaan hin jajjabeessa!
Worri ifi gad qabu gammaduu;
isaan lafa hin dhaalan!
Gaddi akka fedha Waaqaa te’e, nama cubbuu irraa deebisee gara fayyinnaa geessa malee, hin gaabbisiisu. Gaddi biyya lafaa ammoo du’a fida. Gaddi keessan ka akka fedha Waaqaa te’e kun haajamuu attamii, falmata attamii, mufii attamii, sodaa attamii, dharraa attamii, hinaaffaa attamiitii fi dokonkora adabiisa akka feetanu akka isin godhe ilaala’a. Isin ammoo waan ani tanaan dura isinii barreesse irraa bilisa akka teetane mirkaneessitaneertan.
Inni ammoo, «Hunni tiyya mijuu teetee ka mudhattu yennaa ati dadhabaa teete waan teeteef, badhaadhi kiyya si hin geya» anaan jedhe. Tanaaf hunni Kiristoosii akka ana irra jiraattu, ka durii caalaa dadhabbii tiyyaan gammadaa ifi jajiisa barbaada.