Palavras de consolo
A Bíblia é repleta de palavras de consolo para os aflitos. Deus está perto dos que sofrem e promete enxugar toda lágrima, renovar a esperança e restaurar o coração partido.
Deus está conosco
O Senhor é refúgio e fortaleza. Mesmo no vale da sombra da morte, não precisamos temer — Ele está ao nosso lado para nos consolar.
Ani dhooqa gaaddisa du’aa keessa yoo ideemelle,
ati waan na woliin jirtuuf,
Ani waan hantuu natti dhuttu hin sodaadhu.
Uleen teetii fi borjoon teeti na jajjabeessan.
Daadimata Waaqatti Addatiisaa
Faaruu Daawitii.
Mootiin Waan Maraa ifa kiyyaa fi fayyinna kiyya;
ani eennu sodaadha ree?
Mootiin Waan Maraa kushee jiruu tiyyaa ti;
eentu na sodaachisa ree?
Mootiin Waan Maraa worra cunqurfameef,
addee itti baqatanu;
yennaa rakko’oo dalleya jaba’a.
Ani waan tokko Mootii Waan Maraa gaafadha;
isiille dhaggatuu barbaada:
bara jiruu tiyyaa mara
mana Mootii Waan Maraa keessa akka le’u,
dansummaa isaa akka dhaggu,
Dunkaanii Woyyittii isaa keessatti
akka isa barbaadadhu.
Inni guyyaa rakkinnaa
mana ifii keessatti na hin eega;
Dunkaanii Woyyittii ifii keessatti na hin dhossa;
rassaa irratti ol na hin baasa.
Ee Gootta’a, Mootii Waan Maraa,
ati addii tiyya waan teeteef,
dargaggummaa tiyyaa jalqaddee
ka ani itti addadhu.
Consolação e esperança
Deus consola os humildes e exalta os abatidos. Ele nunca nos desamparará.
Mootiin Waan Maraa ifiifuu si’iin dura hin deema; si wolille’een hin jiraata; inni ijjumaa si hin lakkisu yookiin si hin gatu; hin sodaatin; addii hin kutatin» jedhe.
Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan ifumaaf waan isinii loluuf isaan hin sodaatin» jedhe.
Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, ‹Addee ati dhaxxu maratti si woliin waan jiruuf jabaadhuu, jajjabaadhu, hin sodaatin, hin nayinille’e!› jedhee si ajajee hin jiruu?» jedhe.
Worra gad qabame
addee ulfinnaa hin keya;
worra gadde addee nageyaatitti ol hin fuudha.
Amma Goottaan keenna Yesuus Kiristoosii fi Waaqi Abbaan keenna ka nu jaalatee, badhaadha ifiitiin jajjabeenna bara baraatii fi addii jadduu nu’uuf kenne,
Descanso e renovação
Bem-aventurados os que choram, pois serão consolados. A Bíblia nos convida a descansar nos braços do Pai e encontrar paz para a alma.
Worri gadde gammaduu;
Waaqi isaan hin jajjabeessa!
Maarre Waaqi yennaa ifii murteessetti akka isin ol qabu, harka Waaqa hunnaamessaa jalatti ifi gad qaba’a. Waan Waaqi isiniif yaaduuf, waan isin yaachisu duudii isa irratti gata’a.
Ee Mootii Waan Maraa,
ati waan na qarqaartee
na jajjabeessiteef,
diinoti kiyya dhagganee akka fokkifatanu,
beessisa fudhatama keeti dhaggatiisaa
na irratti mudhisi.
Akkuma ana tajaajilaa keetiif waadaa galtetti,
jaalalli keeti ka bara baraa
na jajjabeessuu ti.
Yennaa irkattu hin sodaattu;
yennaa rattulle
hirriibi keeti mi’owaa hin te’a.
Waan Maraaf Yennaan Jirti
Waan maraaf yennaan jirti;
waan biyya lafa irraa maraaf yennaan jirti.
Dhalatiisaaf yennaan jirti;
du’iisaafille yennaan jirti;
Dhaabiisaaf yennaan jirti;
buqqisiisaafille yennaan jirti.
Ijjeesiisaaf yennaan jirti;
fayyisiisaafille yennaan jirti.
Diigiisaaf yennaan jirti;
ijaariisaafille yennaan jirti.
Bowiisaaf yennaan jirti;
kolliisaafille yennaan jirti.
Gaddisaaf yennaan jirti;
sirbiisaafille yennaan jirti.
Dhakaa bittinneessiisaaf yennaan jirti;
dhakaa wolitti qabiisaafille yennaan jirti.
Hanqafatiisaaf yennaan jirti;
hanqafatiisa lakkisiisaafille yennaan jirti.
Barbaadiisaaf yennaan jirti;
barbaadiisa lakkisiisaafille yennaan jirti.
Maffatiisaaf yennaan jirti;
gatiisaafille yennaa jirti.
Tarsaasiisaaf yennaan jirti;
hodhiisaafille yennaan jirti.
Cadhisiisaaf yennaan jirti;
dubbatiisaafille yennaan jirti.
Jaalatiisaaf yennaan jirti;
jibbiisaafille yennaan jirti.
Lolaaf yennaan jirti;
nageyaafille yennaan jirti.