Publicidade

Jonas 2

Daadimata Yoonaasii

1 Yoonaas gadhaa qurxummi'ii keessaa Goottaa Waaqa ifii daadimatee, 2 «Rakkoo tiyya hantuu keessatti Mootii Waan Maraa kiyya ani si waammadhe,

atille naa deebitte.

Qilee awwaalaa jalaa ani sitti iyyadhe,

atille naa dhageette.

3 Ati gara gadhaa abbaaya'aa,

qilee keessatti,

addee bisaan na marsetti na gatte;

hunni guddoon danbalii teetiille na gubbaa yaate.

4 Yoos, ‹Ani fuula keeti duraa gatameera;

deebi'ee Galma woyyicha keetii

hin dhaggaa laati?› jedhee yaadadhe.

5 Bisaan na irra yaa'ee na lixxisiiseera;

Abbaayaan ijjuma na buxxeerti;

marri bisaan keessaalle mataa kiyyatti marame.

6 Ani gaarota jalatti,

lafa balbalti haga bara baraa

natti cufantetti gad bu'e.

Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya ati ammoo,

jiru'uun qilee keessaa na baatte.

7 Yennaa jiruun tiyya na dadhaddetti,

Mootii Waan Maraa kiyya,

ani gara keeti daadimadhe;

Galma woyyicha keeti keessalle'ee

daadimata kiyya naa dhageette.

8 Worri waaqota dharaa waaqonsu

badhaadha dhaggatiisaaf malane hin dhaban.

9 Ani ammoo faaruu leellisaatiin;

ciincaa si'iif hin dhikeessa.

Waan waadaa si'iif galelle hin godha.

Fayyinni Mootii Waan Maraa irraa dhufa» jedhe.

10 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa akka qurxummiin Yoonaas tuttuuf ajaje; qurxummiille lafa bisaan hin jirre irratti isa tutte.

Veja também

Publicidade
Jonas
Ver todos os capítulos de Jonas
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-