Coração
O coração é o centro do ser humano — sede dos pensamentos, emoções e decisões. A Bíblia ensina a guardar, purificar e render o coração a Deus como oferta viva.
Guardar o coração
Sobre tudo o que se deve guardar, guarda o teu coração, porque dele procedem as fontes da vida e de toda decisão.
Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu;
burqaan jireenyaa achii baʼaatii.
Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu;
burqaan jireenyaa achii baʼaatii.
Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu;
hubannaa kees hin abdatin;
Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu;
hubannaa kees hin abdatin;
karaa kee hunda keessatti isa dursi;
innis daandii kee siif qajeelcha.
Yaa ilma ko, barumsa ani siif kennu hin dagatin;
ajaja koos garaatti qabadhu;
isaan bara baayʼee fi umurii dheeraa,
nagaa fi badhaadhummaa siif dabaluutii.
Jaalallii fi amanamummaan yoom iyyuu sirraa hin fagaatin;
morma keetti hidhadhu;
gabatee garaa kee irrattis barreeffadhu.
Ati karaa kanaan fuula Waaqaatii fi
fuula namaa duratti surraa fi maqaa gaarii ni argatta.
Garaan nagaa qabu dhagnaaf jireenya kenna;
hinaaffaan garuu lafee tortorsa.
Namni garaa isaatti ogeessa taʼe ajaja fudhata;
gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada.
Coração puro
Cria em mim um coração puro, ó Deus. Ensina-me a contar meus dias para que tenha um coração sábio.
Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi;
Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi.
Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi;
Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi.
Akka nu garaa ogummaadhaan guutame qabaannuuf,
bara keenya lakkaaʼuu nu barsiisi.
Yaa Waaqayyo, Kattaa koo fi Furii ko,
dubbiin afaan kootii fi yaadni garaa koo
fuula kee duratti fudhatamaa haa taʼu.
Warri Waaqayyoon abdattan hundinuu jabaadhaa;
garaan keessan hin sodaatin.
Waaqayyotti gammadi;
innis hawwii garaa keetii siif guuta.
Hawwii garaa keetii siif haa kennu;
karoora kee hundas fiixaan siif haa baasu.
Warri ajajawwan isaa eegan,
kanneen garaa guutuun isa barbaadan eebbifamoo dha.
Ani yommuun seera kee qajeelaa sana baradhutti,
garaa tolaadhaan sin galateeffadha.
Ani garaa koo guutuudhaan sin barbaada;
akka ani ajajawwan kee irraa jalʼadhu na hin godhin.
Buscar a Deus de coração
Amarás ao Senhor teu Deus de todo o coração. A busca sincera leva ao encontro; o coração dividido leva à ruína.
Yesuusis akkana jedheen; "Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu.
Yesuusis akkana jedheen; "Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu.
Idduma badhaadhummaan kee jiru sana garaan kees jiraatii.
Ani dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo tulluu kanaan ‘Buqqaʼiitii galaanatti darbatami’ jedhe, yoo garaa isaattis mamuu baatee akka wanni inni jedhe sun taʼu amane, wanni sun ni taʼaaf.
Garaan namaa waan hunda caalaa haxxee dha;
garmalees hamaa dha.
Eenyutu isa hubachuu dandaʼa?
Garaan namaa waan hunda caalaa haxxee dha;
garmalees hamaa dha.
Eenyutu isa hubachuu dandaʼa?
"Ani Waaqayyo nama hundaaf akkuma amala isaatti,
akkuma waan hojii isaatiif maluutti
gatii isaaf kennuuf garaa isaa nan sakattaʼa;
qalbii isaas nan qora."
Isin yoo garaa keessan guutuudhaan na barbaaddan, na argattu.
Garuu akka Waaqayyo Waaqa keessan jaallattaniif, akka karaa isaa hunda irra deemtaniif, akka ajajawwan isaa eegdaniif, akka isatti maxxantanii fi akka garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan isa tajaajiltaniif ajajaa fi seera Museen garbichi Waaqayyoo isinii kenne sana jabeessaa eegaa."
Ani garaa gargar hin qoodamne isaaniif nan kenna; hafuura haaraas isaan keessa nan kaaʼa; garaa isaanii isa dhagaa isaan keessaa baasee garaa foonii nan kennaaf.
Ani onnee haaraa isiniif nan kenna; hafuura haaraas isin keessa nan kaaʼa; onnee dhagaa isin keessaa baasee onnee foonii isiniif nan kenna.
Conhecer o coração
O homem olha para a aparência, mas o Senhor olha para o coração. Deus conhece os segredos mais profundos.
Waaqayyo garuu Saamuʼeeliin, "Ani isa tuffadheeraatii bifa isaa yookaan hojjaa isaa hin ilaalin. Waaqayyo waan namni ilaalu hin ilaalu. Namni bifa ilaala; Waaqayyo garuu waan garaa keessa jiru ilaala" jedhe.
Waaqayyo garuu Saamuʼeeliin, "Ani isa tuffadheeraatii bifa isaa yookaan hojjaa isaa hin ilaalin. Waaqayyo waan namni ilaalu hin ilaalu. Namni bifa ilaala; Waaqayyo garuu waan garaa keessa jiru ilaala" jedhe.
Akkuma bishaan fuula namaa argisiisu sana
garaan nama tokkoo eenyummaa namichaa argisiisa.
Garaan gammadu qoricha gaarii dha;
hafuurri cabe immoo lafee gogsa.
Waan hojjettu hunda Waaqayyotti kennadhu;
karoorri kees siif milkaaʼa.
Miidhaginni keessan faaya alaan mulʼatuun jechuunis shurrubbaa dhaʼachuu, warqee kaaʼachuu fi uffata bareedaa uffachuun hin taʼin; qooda kanaa miidhaginni keessan miidhagina keessa namummaa keessanii haa taʼu; innis miidhagina hafuura garraamii fi tasgabbaaʼaa, kan hin badne, kan fuula Waaqaa duratti gatii guddaa qabu haa taʼu.
Tokkoon tokkoon namaa utuu sassataan yookaan dirqamaan hin taʼin waan kennuuf garaa keessatti yaade haa kennu; Waaqni nama gammachuun kennu jaallataatii.
Isin yoo garboota cubbuu turtan illee amma garuu barumsa itti kennamtan sanaaf waan garaa guutuun ajajamtaniif Waaqaaf galanni haa taʼu.
Akka isin yommuu Gooftaan keenya Yesuus qulqulloota isaa hunda wajjin dhufutti fuula Waaqa keenyaatii fi Abbaa keenyaa duratti warra mudaa hin qabnee fi qulqulloota taataniifis inni garaa keessan haa jajjabeessu.
akka yeroo qorumsaa gammoojjii
keessatti finciluun gootan sana,
mataa hin jabaatinaa;