Coragem
A coragem cristã não é ausência de medo — é confiança em Deus maior que todo temor. Sê forte e corajoso! é o chamado repetido do Senhor aos seus filhos.
Sê forte e corajoso
O Senhor é a minha luz e a minha salvação — de quem terei medo? Com coragem enfrentamos o mundo, porque Deus está conosco.
Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, ‹Addee ati dhaxxu maratti si woliin waan jiruuf jabaadhuu, jajjabaadhu, hin sodaatin, hin nayinille'e!› jedhee si ajajee hin jiruu?» jedhe.
Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, ‹Addee ati dhaxxu maratti si woliin waan jiruuf jabaadhuu, jajjabaadhu, hin sodaatin, hin nayinille'e!› jedhee si ajajee hin jiruu?» jedhe.
Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin waan jiruuf, jabaadha'a; jajjabaadha'a; isaan hin sodaatina'a yookiin hin bararaqina'a; inni isin hin lakkisu yookiin isin hin gatu» jedhe.
Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin waan jiruuf, jabaadha'a; jajjabaadha'a; isaan hin sodaatina'a yookiin hin bararaqina'a; inni isin hin lakkisu yookiin isin hin gatu» jedhe.
Mootiin Waan Maraa ifiifuu si'iin dura hin deema; si wolille'een hin jiraata; inni ijjumaa si hin lakkisu yookiin si hin gatu; hin sodaatin; addii hin kutatin» jedhe.
Achiin duuba Daawiti ilma ifii Solomooniin, «Jabaadhu, jajjabaadhuutii huji. Waaqi kiyya, Mootiin Waan Maraa Waaqi si woliin waan jiruuf, hin sodaatin, hin nayinille'e. Haga hujiin Galma Waaqaa tun hobbaatutti inni si hin lakkisu yookiin si hin gatu.
Coragem em Cristo
Não vos deu Deus espírito de covardia. Sede fortes na fé! O perfeito amor lança fora todo medo.
Ayyaanni Waaqi nu'uuf kenne ka hunnaa, ka jaalalaatii fi ka ifi qabatu'uuti malee, Ayyaana soda'aatii moti.
Ayyaanni Waaqi nu'uuf kenne ka hunnaa, ka jaalalaatii fi ka ifi qabatu'uuti malee, Ayyaana soda'aatii moti.
Dammaqa'a; dhugeeffanna'aan jabaadha'aa dhaabbadha'a; jajjabaadha'aa, jabaadha'a.
Dammaqa'a; dhugeeffanna'aan jabaadha'aa dhaabbadha'a; jajjabaadha'aa, jabaadha'a.
Jaalala keessa sodaan hin jirtu; jaalaltiin guutuun sodaa baattee gatti; sodaan adabama woliin waan wol qabatteertuuf, nami sodaatu jaalaltiin isaa guutu'uu moti.
Waan tokkolle'een mormitoota teessan sodaattanee hin raafamina'a! Jabeenni kun Waaqa irraa isiniif kenname; kunille isaaniif beessisa badi'ii ti; isiniif ammoo beessisa fayyinnaa ti.
Hunna Kiristoos naaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande'a.
Isin Ayyaana ilmoomaa ka, «Abba'a! Abbaa keenna!» jettanee waantanuun fudhattane malee, soda'aan akka leetanuuf ayyaana ammalle isin garboonsu hin fudhanne.
Não temas
Não temas, porque Eu sou contigo. Quando tiver medo, em ti confiarei. Deus é nosso escudo e fortaleza.
Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin!
Ani Waaqa keeti waan te'eef hin rifatin!
Ani si hin jabeessa; si hin qarqaara;
harka kiyya middicha balchichaan ol si hin qaba.
Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keeti,
ka harka keeti middicha qabee,
‹Hin sodaatin; ani si qarqaara› jedhu.
Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin!
Ani ijoollee teeti karaa aduun baatu irraa hin fida;
karaa aduun seentulle'e isin
wolitti hin qaba.
«Ati waan hin qaanonneef,
hin sodaatin;
waan hin salphanneef,
hin rifatin.
Fokkoo yennaa dargaggummaa
teetii hin deeta;
qaanii yennaa
haadha hiyyeessummaa teetiille
haganaa achi hin qaabattu.
Ani yennaa sodaadhu,
si'itti addadha.
Marroo jecha isaatiif, isa leellifadha;
ani Waaqatti addadha; hin sodaadhu;
nami foonii maan na godhuu dande'a?
Mootiin Waan Maraa ifa kiyyaa fi fayyinna kiyya;
ani eennu sodaadha ree?
Mootiin Waan Maraa kushee jiruu tiyyaa ti;
eentu na sodaachisa ree?
Mootii Waan Maraa eegadhu;
jabaadhu; addii hin kutatin;
Mootii Waan Maraa eegadhu.
Mootii Waan Maraa eegadhu;
jabaadhu; addii hin kutatin;
Mootii Waan Maraa eegadhu.
Isin worri Mootii Waan Maraatitti addii godhattanu marti,
jabaadha'a; jajjabaadha'a.
Ani dhooqa gaaddisa du'aa keessa yoo ideemelle,
ati waan na woliin jirtuuf,
Ani waan hantuu natti dhuttu hin sodaadhu.
Uleen teetii fi borjoon teeti na jajjabeessan.
Conforto e encorajamento
O Deus de toda consolação nos consola em todas as tribulações. Coragem não falta a quem descansa em Deus.
Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, Abbaa mararti'iitii fi Waaqa jajjabeenna maraatiif galanni te'u. Nuuti jajjabeenna Waaqa irraa dhagganeen, worra rakkinna adda addaa keessa jiru akka jajjabeessinuuf, Waaqi rakkoo teenna duudii keessatti nu jajjabeessa.
Ammoo hunni waan duudii irra caaltu tun, Waaqa irraa malee nu'u irraa akka hin te'in akka beekkamuuf karra ayyaantittii tana akka okkotee faaraa teenee qabanneerra. Karaa maraan hin rakkanna, ammoo hin injifatannu; yennaa hedduu waan goonu hin wollaalla, ammoo addii hin kutannu. Miidhaan nu'u irra hin geya, ammoo jaalota dhannee hin beennu; dhowannee hin jinna, ammoo hin duunu. Jiruun Yesuusii nafa keenna irratti akka mudhatu, yennaa duudii du'a isaa nafa keenna irratti ba'annee deddeenna. Jiruun Yesuusii nafa keenna ka du'u irratti akka mudhattuuf, nuuti worri jirruuyyuu marroo Yesuusiitiif yennaa mara du'aaf dabarfannee hin kennanna.
Jaalala beese'ee irraa if qusadha'a; wonni isin qaddanu isin gewuu ti. Waaqi, «Ani ijjumaa si hin lakkisu, ijjumaa si hin gatu» jedheera. Maarre sodaa malee,
«Goottaan gargaaraa kiyya,
ani hin sodaadhu;
nami maan na godhuu dande'a ree?» hin jenna.
Waan dansaa godhiisaaf yoo hinaattane ka isin irratti hantuu huju eennu? Waan dansaa hujiisaan rakkoo yoo fudhattanelle eebba hin dhaggattan; sossodaachisiisa namaa hin sodaatina'a; hin raafaminaalle'e.
«Nageya isin bira keya; nageya kiyyalle isiniif hin kenna. Nageenni ani isinii kennu, nageya akka biyyi lafaa isinii kennituutii moti. Gadhaan keessan hin raafamin; hin sodaatinille'e.
Yesuus bisaan gubbaa ideemuun barattooti yennaa dhaggane, ekeraa seyanee iyyane. Isaan maraa yennaa isa dhaggane bararaqane. Yesuus ammoo yennuma san, «Jabaadha'a! Wonni Ana; hin sodaatina'a!» isaaniin jedhe.