Publicidade

Criação

Por Bíblia Online

A criação revela a glória de Deus. Céus, terra, mares e tudo o que existe testemunham o poder criador. No princípio Deus criou — e tudo era muito bom.

No princípio

No princípio criou Deus os céus e a terra. O Espírito de Deus pairava sobre as águas. E Deus disse: haja luz.

Dabarsii Dadaa

Waaqi jalqaba ol-gubbaaa fi lafa dade. Latti akka hin qadduuyyu; duwwaalle’e. Dukkanti qilee abbaaya’aa irra jirtiiyyu; Ayyaanni Waaqaalle bisaan irra tatacho’aa ture.

Achiin duuba Waaqi, «Kowa’a, akka bifaa fi akka fakkeenna keennaatitti, nama dannaa ti. Nami qurxummii abbaaya’aa, sinbirroota, horii, bineensota lafa irraa maraa fi bineensota lafa irra lowanu mara irratti baallii qabaatuu ti» jedhe.

Maarre Waaqi akka bifa ifiititti nama dade. Dhiiraa fi dubartii godhee isaan dade.

Waaqi waan dade mara hobbaasee, guyyaa torbeesso’ootitti waan foorfateef, guyyaa torbeesso’oo san eebbise; woyyoonselle’e.

Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, «Namichi qofii ifii te’uun dansa’aa moti; ani waa’ela qarqaartuu isaa, isaaf hin dada» jedhe.

O poder criador

Pela palavra do Senhor foram feitos os céus. Tudo foi criado por Ele e para Ele — o visível e o invisível.

Ol-gubbaan jecha Mootii Waan Maraatiin,

aduun, ji’aa fi urjooti ajaja isaatiin dadamane.

Gaarri adoo hin dadamin dura,

yookiin ati lafaa fi biyya lafaa adoo hin dadin dura,

baraa haga bara baraatitti ati Waaqa.

Kowa’a, gad jennee isa waaqonfannaa!

Mootii Waan Maraa

ka nu dade duratti jilbiiffannaa!

Ka Nu Eegu Waaqa
Faaruu Ittiin Ol bayanu

Ani ila tiyyaan gara koobaa ol ilaale;

qarqaarsi kiyya eessaa dhufa?

Qarqaarsi kiyya ka ol-gubbaaa fi lafa dade,

Mootii Waan Maraa biraa dhufa.

Maqaa Mootii Waan Maraa

ol-gubbaaa fi lafa dadeen,

nuuti qarqaarsa dhagganne.

Guyyaan Mootiin Waan Maraa tolche kana;

itti gammannee firinxiindhuu ti.

Keessa namummaa tiyyaa ka dade si’i;

gadaamessa haadha tiyyaa keessatti

sittuu na dade.

Ani baasa maso’oo te’ee waan dadameef,

ani si leellisa;

hujiin teeti waan maade’ee ti;

anille tana miidhassee beeka.

Criador e Sustentador

O Deus eterno não se cansa nem se fatiga. Dele, por Ele e para Ele são todas as coisas — a Ele seja a glória.

Ati hin beennee? Ati hin dhageennee?

Mootiin Waan Maraa Waaqa bara baraa ti;

biyya lafaa duudii ka dade isa;

Inni ijjumaa hin dadhabu yookiin hin laafu;

eennulle hubantii isaa qorqoree bira gewuu hin dande’u.

Nama ka isa Dade woliin moromuuf aanne’e!

Inni akka faaraa

harka nama faara dhowu keessa jiruu ti;

faarri nama isa dhowuun,

«Ati maan hujaarta?» hin jedhaa ree?

Wonni inni dhowu sunille,

«Ati harka hin qaddu» hin jedhaa ree?

«Ee Goottaa, Mootii Waan Maraa! Ati jabeenna keeti gudda’aa fi irree teeti hunnaametti’iin lafaa fi ol-gubbaa daddeerta; wonni ati hin dandeenne takkaalle hin jirtu.

Ka mana ifii ol-gubbaatti ijaare,

hundee mana sanii lafa irratti ka hundeesse,

ka bisaan abbaaya’aa waamee,

lafatti lolaasu

maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti.

Sababille wonni maraa isaan dadamee,

karaa isaatii fi isaaf jiraata.

Ulfinni haga bara baraa isaaf te’u! Ameen!

Biyyi lafaa haga dadantee jalqabee adabi isaa, jechuulle hunni isaa ta bara baraatii fi Waaqummaan isaa ilatti ta hin mudhanne, karaa waan inni dadeetiin mudhattee hubatanteerti; maarre namooti waan itti aalatanu hin qabanu.

Dadi duudiin mudhachuu ijoollee Waaqaa dharraa gudda’aan eegiisatti jirti.

Nova criação

Se alguém está em Cristo, nova criatura é. O Criador faz novas todas as coisas — na natureza e na redenção.

Tanaaf eennulle Kiristoosiin yoo jiraate inni dada haareya; dadi dullattiin tartee, dadi haaretti dhutteerti.

Nuuti hujii harka isaa waan teeneef, hujii inni duraan dursee qopheesse akka hunyuuf, Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin hujii dansa’aaf nu dade.

Nuuti dada isaa maraaf angafa akka teenuuf, Waaqi fedhii ifiitiin jecha dhuga’aatiin nu uume.

Manni maraa namaan ijaarame; waan mara ka ijaare ammoo Waaqa.

Nuuti isaan jiruu dhagganna; isaan tachoona; isaan leena. Isin keessaa worri weeddisu akkuma jedhu, Nuutille ijoollee isaa ti.

Achiin duuba dadi ol-gubbaaa, ta lafa irraa, ta laafaan jalaa, ta abbaayaa keessaatii fi ta isaan mara keessa jirtu marti,

«Galanni, guddinni, ulfinnii fi baalliin,

ka barcumaa mootumma’aa irra tee’eeruu fi Hoolichaaf,

bara baraa haga bara baraa te’u» jedhaa faarfatanuun dhage’e.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-