Publicidade

Dar

Por Bíblia Online

Dar é princípio do Reino de Deus. Jesus deu tudo — até a própria vida. A Bíblia nos ensina que é mais bem-aventurado dar do que receber, e que Deus ama ao que dá com alegria.

Dar com alegria

Deus ama ao que dá com alegria. Dai e dar-se-vos-á. O generoso prospera e quem abençoa será abençoado.

Tanaaf Waaqi nama gammadaan kennu waan jaalatuuf, nami tokko tokkonuu waan gadhaa ifiitiin kenniisaaf barbaade gammadaan kennuuti malee, gaabbaa yookiin hunnaan hin kennin.

Yennaa mara waan isinii barbaachisu maraa ifii qabaattanee, hujii dansa’aafille ka geyee hafu akka qaabattanu Waaqi badhaadha ifii bira dabarsee isinii kennuu hin dande’a.

Waaqi ka facaasuuf sanyii, ka nyaatuuf sagalee kennu, sanyii facaattanu mara isinii kennee akka guddattu hin godha; midhaan arjummaa teessaniille hin fakkansa.

Worri arjummaa teessan karaa keennaan fudhatu mara, Waaqa akka galateeffatuuf yennaa maraa akka arjoontanu, Waaqi waan maraan isin hin duroonsa.

Nami tokko kenniisaaf quxiquxama yoo qabaate, kennansi isaa fudhatama ka qabaatu, haga qabutti yoo kenne malee, haga hin qanne yoo kennee moti.

Namaaf kenna’a, Waaqille isiniif hin kenna. Safaraa dansa’aan, gad miicamee, gingilfamee, irraan danbalaafamee isinii hin kennama. Safaraa isin worra dhibi’iif itti safartanetti Waaqille isiniif safara» jedhe.

Princípios de generosidade

Honra ao Senhor com as tuas primícias. Não negues o bem a quem o merece. A alma generosa prosperará.

Qabeenna keetiin,

midhaan keeti mara keessaa mataa kenniisaan,

Mootii Waan Maraatiif ulfinna kenni.

Worra wonni dansaan malteef,

waan dansaa godhiisaaf adoo dandeettuu,

waan dansaan godhiisa hin lakkisin.

Nami arjaan hin durooma;

nami dheebuu nama baasulle

ifille’eef dheebuu hin baya.

Kennansi nama isa kennuuf karaa bana;

fuula worra gugurda’aa dura isa dhikeessa.

Inni guyyaa guutuu kajeela;

nami balchaan ammoo

harka keessa adoo hin qabatin kenna.

Dubbadhu;

dhugaa muri.

Haqa hiyyeessaatii fi

rakkata’aatiif falmadhu» jette.

Mana kiyya keessa sagaleen akka jiraattuuf kudhan keessaa tokko guutumatti gootaraa kiyyatti galcha’a! Ani foddaa ol-gubbaaa banee, eebba irraan dhangala’u yoo gad isiniif jissuu dhabaadhe na ilaala’a!

O ensino de Jesus

Quando deres esmola, não toque a trombeta. A generosidade do coração importa mais que a grandeza do donativo.

«Hiyyeeyyi’iif yennaa arjoontanu, akka worri kijibu kolbaan akka isaan galateeffattuuf, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa fi karaa irratti godhanu, ifi mudhisiisaaf hin godhina’a. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran.

Ati yennaa arjoontu ammoo, waan harki keeti middichi godhiisatti jiru harki keeti bitaachinuu hin beekin. Maarre arjoom keeti dhossa’aan te’uu ti; Abbaan keeti ka waan ati dhossa’aan tolchitu dhaggu, gatii si’iif hin kenna.

Dhibamaa fayyisa’a, du’aa kaasa’a, worra dhukkuba goga’aa farrisiisa’aan qabameeru fayyisa’a, durriisota baasa’a. Gatii malee fudhattaneertan, gatii malee kenna’a.

Yesuus deebisee, «Ka dhidhuu hin qanne te’uu yoo feete, dhaqii, waan qaddu mara gurgurii beesee hiyyeeyyi’iif kenni; ol-gubbaatti karra hin qabaatta; achiin duuba koyiitii, na hordofi» jedheen.

Nama si kadhatu maraaf kenni, nami tokko yoo waan keeti fudhate, akka inni si’iif deebisu hin gaafatin.

Mootii Waan Maraatitti gammadi;

inni halchaa gadhaa keetii si’iif hin kenna.

Nami hamaan liqaa hin deebisu;

nami balchaan ammoo arjumma’aan kenna.

«Nuuti fedha keennaan akkas akka kenninu ka nu dandeessitte ani eennu? Kolbaan tiyyalle eennu? Wonni marti kennansa si biraa nuuf dhufe; waanuma duruu keeti te’e qofa deebinnee siif kennine.

Nahimiyaan, «Dhaqa’aatii sagalee filante nyaadha’a; untoo mi’oottuulle una’a! Worra hin qannelle’eef irraa qooda’a! Guyyaan kun guyyaa Mootii Waan Maraa keennaaf woyyoomeeru; gammadi Mootii Waan Maraa isiniif kennu jabeenna keessan waan te’eef, hin gaddina’a!» jedhe.

Waan qabu mara hiyyeeyyi’iif kennee, nafi kiyyalle akka gubatuuf dabarsee kennee, jaalala qabaatuu yoo dhabe ammoo, womaa naa hin baatu.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-