Publicidade

Dependência

Por Bíblia Online

A dependência de Deus é o caminho da verdadeira liberdade. Sem Cristo, nada podemos fazer. Mas em Deus encontramos sustento, direção e força para todo desafio.

Sem Ele nada podemos

Sem mim nada podeis fazer. O cristão que se desconecta da videira seca — mas o que permanece dá muito fruto.

«Ani muka woyni’ii ti, isin dameele’e. Ka anaan jiraatu, ka anille isaan jiraadhu, inni midhaan hedduu hin buusa; anaan malee womaa godhuu hin dandeettanu.

Waaqatti Addii Godhatiisaaf Daadimata Dhikaate
Faaruu Daawitii.

Ee Waaqa, ani sitti waan baqadhuuf,

ati na eegi.

Mootiin Waan Maraa

fuula kiyya dura akka naaf jiru,

ani yennaa mara hin beeka.

Inni midda kiyya waan jiruuf,

ani hin raafamu.

Leellisa Arjummaa Waaqaatiif Dhikaate
Faaruu Solomoonii, Ta Ittiin Ol Bayanu

Mootiin Waan Maraa

mana yoo hin ijaarin,

worri mana ijaaru

akkasumaan itti elowan;

Mootiin Waan Maraa

qachaa yoo hin eegin,

eeddoti qacha’aa akkasumaan elowan.

Isaan shallaagaa ifiitiin lafa san hin qabanne;

isaan hunna ifiitiin hin injifanne;

ati waan isaan jaalatteef,

harki keeti middichi, irreen teetii fi

ifi fuula keetii tana isaaniif kenne.

Mootiin Waan Maraa isiniif waan loluuf itita’a» jedhe.

Depender do Senhor

Confia no Senhor de todo o coração e não te estribes no teu próprio entendimento. Em todos os caminhos o reconhece.

Gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraatitti addadhu;

hubantii teetitti hin irkatin.

Karaa keeti maraan isa beeki;

inni daandii teeti si’iif hin qajeelcha.

Nami gadhaa ifii keessatti karoora hin baafata;

Mootiin Waan Maraa ammoo karoora isaa san hin murteessa.

Gadhaa namaa keessa Yaada heddu’utti jira;

ka te’u ammoo yaada Mootii Waan Maraa qofa.

Eebbi Mootii Waan Maraa durummaa kenna;

inni rakkinna isi’itti hin dabalu.

Foon kiyyaa fi keessi kiyya dadhabuu dande’an;

Waaqi ammoo jabeenna kiyyaa fi

qooda kiyya ka bara baraa ti.

Ee Mootii Waan Maraa

Waaqa waan mara dande’u,

adde’etti nu deebisi;

nuu marariitii nu baasi.

Ka Nu Eegu Waaqa
Faaruu Ittiin Ol bayanu

Ani ila tiyyaan gara koobaa ol ilaale;

qarqaarsi kiyya eessaa dhufa?

Qarqaarsi kiyya ka ol-gubbaaa fi lafa dade,

Mootii Waan Maraa biraa dhufa.

Inni miilli keeti akka mucucaatu hin lakkisu;

ka si eegu hin mugu.

Yennaa ani, «Miilli kiyya mucucaate» jedhu,

ee Mootii Waan Maraa,

jaalalli keeti ka bara baraa na utuba.

Ani rakkinna kiyya keessatti

gara Mootii Waan Maraa iyye;

innille deebii naa kennee,

bilisa na baase.

Mootiin Waan Maraa Tissee Dansa’a
Faaruu Daawitii.

Mootiin Waan Maraa tissee kiyya;

ani womaa hin dhabu.

Inni marra bisilee keessatti

akka ani foorfadhu godha;

gara bisaan dansa’aa na geessa.

Contentamento e confiança

Aprendi a viver contente em toda situação. A dependência de Deus nos livra da ansiedade e nos firma na paz.

Kana jechuun kiyya ani gatameera jechu’uu moti; ani, «Ka qabuu na geya» jechuu baradheera.

Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keeti,

ka harka keeti middicha qabee,

Hin sodaatin; ani si qarqaarajedhu.

Inni worra laafeef

jabeenna hin kenna;

worra dadhabeef hunna hin ede’a.

Yaada tokkoon wolii gala’aatii le’a; ifi ol qabiisa lakkisa’aatii worra gadee woliin le’a; nuuti beekkole’e jedhaa ifi hin saadina’a.

Nuuti nafa keenna tokkocha irratti mitikaa hedduu qanna; mitikaan kun martinuu hujii adda addaa qaba. Maarre nuutille, adoo hedduu teenee jirruu, Kiristoosiin nafa tokkocha; mitikoota nafa tokkochaa akkuma teenetti wol qabanneerra.

Worri yaada fooniitiif ajajamu Waaqa gammachiisuu hin dande’u.

Maarre marroo boruutiif hin yaadayina’a; guyyaan boruu ifiifuu yaaddoo isa gewu qaba. Rakkinni adhaa adhaaf hin geya» jedhe.

«Nuuti fedha keennaan akkas akka kenninu ka nu dandeessitte ani eennu? Kolbaan tiyyalle eennu? Wonni marti kennansa si biraa nuuf dhufe; waanuma duruu keeti te’e qofa deebinnee siif kennine.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-