Desejos
Os desejos revelam o que há no coração. A Bíblia nos ensina a purificar nossos desejos, submeter a carne ao espírito e buscar as coisas que são de cima.
Desejos da carne
A carne milita contra o espírito. O cristão é chamado a vigiar, resistir e não satisfazer os desejos da natureza pecaminosa.
Wonni ani jedhu tana: yoona Ayyaanaan sooreffamaa le’aa malee, halchaa foonii hin muummessina’a!
Obboleeyyan tiyya, isin bilisumma’aaf waammantaneertan; jaalalaan wol tajaajila’a malee, bilisummaa teessan tana halchaa foonii muummeffatiisaaf karaa dagu’uu hin godhatina’a!
Obboleeyyan tiyya, yoo nami tokko cubbu’uun qabame, isin worri ayyaantoleen qajeelumma’aan isa qajeelcha’a! Ammoo isinille akka hin ataabanne ifi eeggadha’a.
Akka ataabe’etti hin gallelle daadimadha’a; ayyaanni dhugumaan fedha qaba, foon ammoo dadhaba’a» jedheen.
Hamaalessa irraa nu eegi malee,
ataabe’etti nu hin galchin.
[Mootummaan, hunni, ulfinnille
baruma baraan keetuma. Ameen]› jedha’a.
Gumeeffadha’a; dammaqa’a! Diinni keessan Seexanni, akka neenqa waan liqinsu barbaadee dhangaa dhowuu, adaala keessan garmaama.
Wonni biyya lafaa keessa jiru maraa: halchaan foonii, halchaan ilaatii fi waan qabanuun kooruun, biyya lafaa irraa dhutti malee, Waaqa Abbaa irraa hin dhuttu.
Biyyi lafaatii fi halchaan isi’ii marti hin tarti; nami fedhii Waaqaa muummessu ammoo haga bara baraa le’a.
Tanaaf halchaa le’ii lafaa ta isin keessa jirtu: sagaagala, battummaa, fedhii sagaagalaa, halchaa baddu’uu fi waaqota dharaa waaqonsuu ka te’e joljoluu ijjeesa’a.
Purificar os desejos
Guarda o teu coração. Das profundezas do interior do homem saem os desejos — bons ou maus, conforme o coração.
«Ani ila halcha’aatiin gara durraa akka hin ilaalle
ila tiyya woliin gondooroo gondooradheera.
Yookiin nami kashila irra ijjatee,
miilli isaa adoo hin gubatin
hafuu dande’u hin jiraa?
Inni guyyaa guutuu kajeela;
nami balchaan ammoo
harka keessa adoo hin qabatin kenna.
Durummaan akka risaa koolaan ka’uu,
haga lipheettii ilaatitti,
nama duraa baduu hin dandeetti.
Sababille beesee jaalatuun hidda hammeenna duudi’ii ti. Worri gariin durummaa dhaggatuu halchee, dhugeeffannaa irraa badee qalbii ifii gaddaan laalesseera.
Nami tokko «Wonni marti naaf eeyyatanteerti» jedhuu dande’a. Wonni marti ammoo bu’aa qaddi jechu’uu moti. Wonni marti naa eeyyatanteerti, teetuu malee waan maraaf garba te’ee hin bitamu.
Sagaagala irraa ifi eegatiisaaf ammoo, dhiirti tokko tokkoonuu niitii ifii qabaattuu ti; dubartiin tokko tokkoonuu dhirsa ifii qabaattuu ti.
Haga ilaallatam namatti dhufee hin beenne, isinitti hin dhunne. Waaqi addatamaa waan te’eef, akka hunna teessaniin ol haga ilaallatantanuuf isinitti hin lakkisu. Ammoo yennaa haga ilaallatantanu jabeenna ittiin ossattanu isinii kennaa, karaa keessaa baatanu isiniif qopheessa.
Desejos santos
Como a corça deseja as correntes de água, minha alma suspira por ti, ó Deus. Os desejos do Espírito produzem vida e paz.
Akkuma gadansi bisaan yaa’u dharra’u,
Ee Waaqa, anille si dharra’a.
Ee Mootii Waan Maraa!
Karaa seera keetii irra ideemaa,
addi’iin si eeganna;
maqaa keetii fi waan ati nuu goote
qaabatiisa dharraana.
Ulfinnaa fi dansummaa isaatiin, waadaa isaa ka akka malee gudda’aatii fi ka gatii gudda’aa dhagganneerra; karaa waan kanaatiin, sababa halchaa baddu’uutiin ta kaate, badii biyya lafaa keessa jirtu jalaa baatanee, amala Waaqumma’aa worra qoodamu teetaneertan.
Isin waan tokko hin halchitan, ammoo hin dhaggattanu; tanaaf nama ijjeettan. Jabaattaneelle woy halchitan, dhaggatiisaaf hin dandeettanu; tanaaf wol falmaa wol loltan. Waan hin daadimanneef, waan barbaaddanu hin dhaggattanu.
Nami yennaa ataabamu, «Waaqi na ataabe» hin jedhin; Waaqi hantu’uun hin ataabamu; ifille’eef nama hin ataabu.
Yoona maan jenna ree? Seerrinuu cubbu’u jennuu ree? Waawwo’o! Ammoo cubbuun maan akka teete akka ani beeku ka godhe Seera. Adoo Seerri, «Hin kajeelin» jedhuu dhabe kajeellaan maan akka teete, ani sila hin beekuuyyu.
Fuudhaa fi heerum nama mara biratti ulfinna qabaatuu ti; Waaqi worra sagaagaluu fi worra gaarayyeeffatutti waan muruuf, abbaan manaatii fi haati manaa woliif addatamanuu ti.
Yennaa mara addee karri teessan jirtu gadhaan keessanille jira» jedhe.