O Deus do impossível
Deus é o Deus do impossível. Para Ele não há nada difícil demais. O que parece impossível aos olhos humanos é perfeitamente possível para o Criador do universo.
Nada é impossível
Para Deus nada é impossível. Ele faz infinitamente mais do que podemos pedir ou imaginar — esse é o nosso Deus.
Yesuusis isaan ilaalee, "Kun namaaf hin dandaʼamu; Waaqaaf garuu wanni hundinuu ni dandaʼama" jedhe.
Yesuusis isaan ilaalee, "Kun garuu Waaqaaf malee namaaf hin dandaʼamu; Waaqaaf wanni hundinuu ni dandaʼamaatii" jedhe.
Yesuusis, "Wanni namaaf hin dandaʼamne, Waaqaaf ni dandaʼama" jedhee deebise.
Maariyaamis, "Ani durba; yoos wanni kun akkamitti taʼuu dandaʼa ree?" jettee ergamaa sana gaafatte.
Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; "Hafuurri Qulqulluun sirra buʼa; humni Waaqa Waan Hundaa Oliis si golbooba. Kanaaf inni qulqulluun dhalatu sun Ilma Waaqaa ni jedhama. Kunoo, firri kee Elsaabeexi iyyuu dulluma ishee keessa ilma ulfoofteerti; isheen dhabduu jedhamaa turte sun jiʼa jaʼaffaa qabatteerti. Wanni Waaqaaf hin dandaʼamne hin jiruutii."
Maariyaamis, "Kunoo, ani garbittii Gooftaa ti. Akkuma ati dubbatte naaf haa taʼu" jetteen. Ergamichis ishee dhiisee deeme.
Kana irratti Waaqayyo Abrahaamiin akkana jedhe; "Saaraan maaliif, ‘Ani ergan dulloomee booddee amma dhugumaan mucaa nan daʼaa?’ jettee kolfite? Wanni Waaqayyoof hin dandaʼamne tokko iyyuu jiraa? Ani bara dhufu keessa yeroo murteeffametti deebiʼee gara kee nan dhufa; Saaraanis ilma ni deessi."
"Ani akka ati waan hunda hojjechuu dandeessu nan beeka;
karoorri kee tokko iyyuu karaatti hin hafu.
"Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati humna kee guddaa fi irree kee diriirfame sanaan samiiwwanii fi lafa uumteerta. Wanti ati hin dandeenye tokko iyyuu hin jiru.
Fé no impossível
Se tiverdes fé como um grão de mostarda... Os impossíveis de Deus são convites ao exercício da fé audaciosa.
Innis akkana jedhee deebise; "Sababii amantiin keessan xinnaateefii dha. Ani dhuguman isinitti hima; isin utuu amantii xinnoo hamma sanyii sanaaficaa qabaattanii silaa tulluu kanaan, ‘Asii kaʼii achi darbi’ jechuu ni dandeessu; innis ni darba. Wanni isiniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiru. [
Yesuusis, " ‘Yoo dandeesse’ jettaa? Nama amanuuf wanni hundi ni dandaʼama" jedheen.
Kanaafuu ani isinittin hima; waan kadhannaadhaan gaafattan hunda akka argattan amanaa; innis isiniif ni taʼa.
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: "Yeroo sanatti wanni kun hambaa saba kanaatiif dinqii taʼu dandaʼa; anaaf garuu kun dinqii taʼuu dandaʼaa?" jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha;
hubannaan isaas dhuma hin qabu.
Namicha kana Waaqatu akkuma dur murteessee fi akkuma duraan dursee beeku sanatti dabarsee isinitti kenne. Isinis namoota hamoo wajjin tokko taatanii fanniftanii isa ajjeeftan. Waaqni garuu dhiphina keessaa isa baasee, warra duʼan keessaa isa kaase; duuti isa irratti aangoo qabaachuu hin dandeenyeetii.