Publicidade

Deus é nosso refúgio

Por Bíblia Online

Deus é nosso refúgio e fortaleza, socorro bem presente nas angústias. Quando o mundo treme, o crente encontra paz sob as asas do Altíssimo.

Refúgio e fortaleza

Deus é nosso refúgio e fortaleza. Quem habita no abrigo do Altíssimo descansa à sombra do Todo-Poderoso.

Waaqni daʼoo fi jabina keenya;

inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.

Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu,

gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota.

Anis Waaqayyoon, "Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi daʼannoo koo ti;

Waaqa koo kan ani amanadhuu dha" nan jedha.

Inni dhugumaan kiyyoo adamsaa jalaa,

dhukkuba nama fixu jalaas si baasa.

Inni baallee isaatiin si dhoksa;

atis qoochoo isaa jalatti kooluu ni galta;

amanamummaan isaa gaachanaa fi dallaa eegumsaa siif taʼa.

Yaa Waaqayyo jabina ko, ani sin jaalladha.

Waaqayyo kattaa koo, daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti;

Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha;

inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti; daʼannoo koo cimaa dha.

Ani Waaqayyo galanni isaaf malu sana nan waammadha;

diinota koo jalaas nan baraarama.

Yaa Waaqi, ani kooluu sitti galeeraatii,

ati na eegi.

Waaqayyo ibsaa kootii fi fayyina koo ti;

ani eenyunan sodaadha?

Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti;

eenyutu na sodaachisa?

Namoonni hamoon yommuu

foon koo nyaachuudhaaf natti dhufan,

diinonni koo fi amajaajonni koo

yommuu na miidhuuf natti kaʼan, gufatanii kufu.

Yoo duulli na marse illee,

garaan koo hin sodaatu;

yoo waraanni natti baname illee

ani hin raafamu.

Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera;

ati gonkumaa na hin qaanessin;

qajeelummaa keetiin na oolchi.

Gurra kee gara kootti qabi; dafiitii na oolchi;

kattaa ani itti kooluu galu naa taʼi;

na oolchuudhaafis daʼoo jabaa naa taʼi.

Ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef,

maqaa keetiif jedhiitii na qajeelchi; karaa irras na buusi.

Ati iddoo ani itti baqadhu waan taateef,

kiyyoo diinonni koo naa kaaʼan keessaa na baasi.

Ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha;

yaa Waaqayyo Waaqa dhugaa, ati na furi.

Ati kattaa ani kooluu itti galu,

iddoo ani yeroo hunda itti baqadhu naa taʼi;

ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef,

na baraaruuf ajaja kenni.

Proteção e segurança

O Senhor é a minha rocha e a minha fortaleza. Melhor é confiar no Senhor do que confiar no homem.

Nama amanachuu irra,

Waaqayyotti kooluu galuu wayya.

Qondaaltota amanachuu irra,

Waaqayyotti kooluu galuu wayya.

Lubbuun koo Waaqa qofa obsaan eeggatti;

abdiin koo isa biraa dhufaatii.

Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa;

inni daʼoo koo ti; ani hin raafamu.

Fayyinni kootii fi ulfinni koo harka Waaqaa keessa jira;

kattaan koo jabaan, iddoon ani itti kooluu galu Waaqa.

Yaa namoota, yeroo hunda isa amanadhaa;

garaa keessanis fuula isaa duratti dhangalaasaa;

Waaqni iddoo nu itti kooluu galluudhaatii.

Yaa Jabina ko, ani faarfannaa galataa siifin faarfadha;

yaa Waaqi, ati daʼoo koo ti;

ati Waaqa ani abdadhuu dha.

Yaa Gooftaa, ati dhaloota hunda keessatti

iddoo jireenyaa nuu taateerta.

Utuu tulluuwwan hin dhalatin

yookaan utuu ati lafaa fi addunyaa hin uumin,

baraa baraa hamma bara baraatti ati Waaqa.

Waaqayyo warra cunqurfamaniif irkoo dha;

yeroo rakkinaattis daʼoo dha.

Warri maqaa kee beekan si amanatu;

yaa Waaqayyo, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.

Yaa Waaqi, jaalalli kee inni hin geeddaramne sun akkam ulfina qabeessa!

Ilmaan namootaa, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu.

Em todo tempo

O Senhor é bom e é fortaleza no dia da angústia. A torre forte do nome do Senhor protege os seus em toda circunstância.

Waaqayyo gaarii dha;

yeroo rakkinaattis daʼoo dha.

Inni warra isa amanatan ni beeka;

Ati hiyyeeyyiif lafa itti baqatan,

rakkataaf immoo dhiphina isaa keessatti daʼoo,

bubbee hamaa jalaa iddoo itti baqatu,

hoʼa jalaa immoo iddoo itti qabbaneeffatu turte.

Hafuurri gara jabeeyyiin baafatan,

akkuma bubbee hamaa dallaa dhagaa dhaʼuutii fi

Namni Waaqayyoon sodaatu daʼannoo jabaa qaba;

ijoolleen isaas daʼoo argatu.

Karaan Waaqayyoo nama qajeelaaf daʼoo dha;

nama jalʼaaf garuu badiisa.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-