Publicidade

Deus nunca falha

Por Bíblia Online

Deus nunca falha. Nenhuma de suas promessas vem ao chão. O que Ele prometeu, Ele cumprirá. A fidelidade de Deus é o fundamento inabalável da nossa fé.

Promessas cumpridas

Nenhuma boa palavra falhou de todas as promessas que Deus fez. Ele é fiel e verdadeiro em tudo o que diz.

«Amma yennaan ani du’u geetteerti; isin keessaa tokko tokkonuu, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan dansaa waadaa gale mara tokkolle adoo hin hafin akka isiniif kenne, gadhaa ifii tokkochaa fi lubbuu ifii takkatti’iin hin beeka.

Waaqi waadaa kolbaa Israa’eliitiif gale tokkolle adoo hin hafin muummesse.

«Akkuma waadaa galetti, Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii Israa’eliif lafa kenne leellifamuu ti. Waadaa dansaa inni karaa tajaajilaa ifii Muuse’eetiin gale mara keessaa tokkolle adoo hin muummowin hin hanne.

Waaqi ilma namaatii motii, inni hin hollu;

yookiin akka namaa yaada ifii hin jijjiiratu.

Inni waadaa gale hin muummessa;

waan dubbatelle hin guuta.

Karoorri Mootii Waan Maraa ammoo

bara baraan jabaatee dhaabbata;

yaadi isaalle dhaloota irraa gara dhalootaa dabara.

Fidelidade eterna

A Palavra do Senhor permanece para sempre. A tua palavra é muito pura e o teu servo a ama profundamente.

Ol jedha’aatii gara ol-gubbaaa,

gad jedha’aatii lafa ilaala’a;

ol-gubbbaan akka aaraa hin baddi;

lattille akka woya’aa hin dulloonti;

worri isii irra le’u akka tiitichaa hin dhumatan.

Fayyisiisi kiyya ammoo, haga bara baraa ti;

balchummaan tiyyalle ijjumaa dhuma hin qaddu.

Jechi keeti guddoo qulqullicha;

ani tajaajilaan keetille isa jaaladha.

Mootummaan teeti

mootummaa bara baraa ti;

ati haga bara baraa hin bulchita.

Mootiin Waan Maraa

worra jigaaru mara hin utuba;

worra jigelle ol kaasa.

Mootiin Waan Maraa balchichi ammoo isa keessa jira; inni dokonkora hin qabu; inni ganama mara muraa dhuga’aa mura; guyyuma guyya’aan hin dadhabu; dabaaleyyiin ammoo qaanii hin beekanu.

Sababille mudhiin tun yennaa itti muummottu eegatti; isiin marroo guyyaa muumme’ee dubbatti; isiin dharaa moti. Ta turtu fakkaattulle eegadhu. Dhugumaan hin dhutti; hin turtulle’e» jedhe.

Segurança em Deus

Todas as promessas de Deus são sim e amém em Cristo. Fiel é Aquele que prometeu — Ele jamais nos decepcionará.

Waadaan Waaqi nu’uuf gale duudiin karaa Kiristoosiitiin, «Eetii» te’a. Tanaaf nuutille ulfinna Waaqaatiif karaa Kiristoosiitiin, «Ameen» jenna. Nuuti isin woliin Kiristoositti akka jabaannu ka godhe Waaqa; hujii tanaaf ka nu muudelle isa. Ka isaa te’uu keennaaf beessisa ifii nu irratti godhee, karra hegeri nuu kennuuf akka qaddi’iititti Ayyaana Woyyicha ifii gadhaa keenna keessa ka keye isa.

Waaqi waadaa nu’uuf gale addatamaa waan te’eef, addii dhugeeffannee dhugaa baanuuf tana, kowa’a adoo asii fi achi hin jedhin jabeessinee qabanna.

Isinille ergaa dhuga’aa, Oduu Gammadaa ta fayyinna keessanii yennaa dhageettane Kiristoositti dhugeeffattanee, Chaappaa Ayyaana Woyyicha waadaa galame te’een mallatteeffantaneertan. Ayyaanni waan Waaqi kolbaa ifiitiif waadaa gale fudhatiisa keenna hin mirkaneessa. Ulfinna Waaqaatiif galata galchinuu ti.

Haga Ilaallatamu’uu Fi Ataabamuu

Nami ataabee ciniinnatee ossatu ka badhaadhe. Sababille ataabamee haga ilaallameen duuba, gatii jiru’uu ka Waaqi worra isa jaalatuuf waadaa gale hin fudhata.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-28_14-13-17-