Pular para o conteúdo
Publicidade

Deus nunca falha

Por Bíblia Online

Deus nunca falha. Nenhuma de suas promessas vem ao chão. O que Ele prometeu, Ele cumprirá. A fidelidade de Deus é o fundamento inabalável da nossa fé.

Promessas cumpridas

Nenhuma boa palavra falhou de todas as promessas que Deus fez. Ele é fiel e verdadeiro em tudo o que diz.

"Kunoo ani karaa lafa hundaa deemuufin jira. Akka waadaa gaarii Waaqayyo Waaqni keessan isiniif gale hunda keessaa tokko iyyuu utuu hin guutamin hafee hin jirre isin garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan ni beektu. Waadaan hundi guutameera; tokko iyyuu hin hirʼanne.

Waadaa gaarii Waaqayyo mana Israaʼeliif gale keessaa tokko iyyuu hin hafne; hundinuu guutameera.

"Waaqayyo akkuma abdachiisee ture sanatti saba isaa Israaʼeliif boqonnaa kenne sanaaf galanni haa taʼu. Abdii gaarii inni karaa garbicha isaa Museetiin kenne sana hunda keessaa jechi tokko iyyuu lafa hin buune.

Waaqni nama miti; inni hin sobu;

yookaan gaabbuudhaaf inni ilma namaa miti.

Inni waa dubbatee ergasii hin hojjetuu?

Inni waa abdachiisee ergasii hin raawwatuu?

Karoorri Waaqayyoo garuu bara baraan, yaadni garaa isaas

dhaloota hundumaa keessatti cimee ni dhaabata.

Fidelidade eterna

A Palavra do Senhor permanece para sempre. A tua palavra é muito pura e o teu servo a ama profundamente.

Ija keessan gara samiiwwaniitti ol qabadhaa;

lafas gad ilaalaa;

samiiwwan akkuma aaraa ni badu;

lafti akkuma wayyaa moofofti.

Jiraattonni ishees akkuma tisiisaa ni duʼan.

Fayyisuun koo garuu bara baraan jiraata;

qajeelummaan koos hin badu.

Waadaan kee sirriitti qoramee ilaalameera;

tajaajilaan kees isa jaallata.

Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti;

bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba.

Waaqayyo dubbii isaa hundaan amanamaa dha;

hojii isaa hundaanis arjaa dha.

Waaqayyo warra kufan hunda ol qaba;

warra gad qabaman hundas ni kaasa.

Waaqayyo inni ishee keessa jiru qajeelaa dha;

inni dogoggora tokko illee hin hojjetu.

Inni ganama ganama murtii qajeelaa kenna;

guyyaa tokko iyyuu waan kana hojjechuu hin dadhabu;

jalʼoonni garuu qaanii tokko iyyuu hin beekan.

Mulʼanni kun yeroo murtaaʼe tokko eeggataatii;

inni waaʼee dhuma isaa dubbata malee hin sobu.

Yoo tures isa eegi;

inni dhugumaan ni dhufa; hin turus.

Segurança em Deus

Todas as promessas de Deus são sim e amém em Cristo. Fiel é Aquele que prometeu — Ele jamais nos decepcionará.

Waadaawwan Waaqaa hundinuu Kiristoosiin "Eeyyeedhaatii". Kanaafuu nu karaa isaatiin ulfina Waaqaatiif "Ameen" jenna. Egaa kan akka nu isin wajjin Kiristoositti jabaannee dhaabannu godhuu fi kan nu dibe Waaqa; innis chaappaa nutti chaappessee, qabdii Hafuura Qulqulluu garaa keenya keessa kaaʼe.

Inni waadaa gale sun waan amanamaa taʼeef kottaa nu utuu hin raafamin abdii dhugaa baanu sana jabeessinee qabannaa.

Isinis dubbii dhugaa jechuunis wangeela fayyina keessanii dhageessanii Kiristoositti amantanii, Hafuura Qulqulluu waadaa galame sanaan chaappeffamtan; innis warri kan Waaqayyoo taʼan galata ulfina isaatiif yeroo furamanitti wanta nu argachuuf jirruuf qabdii keenya.

Namni qorumsa obsu eebbifamaa dha; inni yommuu qorametti jabaatee waan dhaabateef gonfoo jireenyaa kan Waaqni warra isa jaallataniif waadaa gale sana ni argataatii.

Seja o primeiro