Deus
Deus é a realidade suprema do universo — o criador, sustentador e redentor de tudo o que existe. Conhecê-lo é a essência da vida eterna e o maior privilégio da existência humana.
Quem é Deus
Não há santo como o Senhor. Tu és grande e fazes maravilhas — só tu és Deus. Sua majestade transcende toda compreensão.
"Qulqulluun akka Waaqayyoo tokko iyyuu hin jiru;
si malees eenyu iyyuu hin jiru;
kattaan akka Waaqa keenyaa tokko iyyuu hin jiru.
"Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati akkam guddaa dha! Kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; akka nu gurruma keenyaan dhageenyetti si malee Waaqni biraa hin jiru.
Tokkoon tokkoon manaa namaan ijaaramaatii; kan waan hunda ijaare garuu Waaqa.
Yaa Waaqayyo, ati Waaqa koo ti;
waan ati amanamummaa kee kan mudaa hin qabneen
wantoota dinqisiisoo
bara dheeraan dura karoorfame hojjetteef,
ani ulfina siif nan kenna; maqaa kees nan leellisa.
"Yaadni koo yaada keessan,
karaan keessanis karaa koo miti"
jedha Waaqayyo.
Deus é amor
Deus é amor. Quem permanece no amor permanece em Deus e Deus nele. Nós amamos porque Ele nos amou primeiro.
Kanaafuu jaalala Waaqni nuuf qabu beekneerra; amanneerras.
Waaqni jaalala. Namni jaalalaan jiraatu Waaqa keessa jiraata; Waaqnis isa keessa jiraata.
Nu sababii inni duraan dursee nu jaallateef isa jaallanna.
Namni, "Ani Waaqa nan jaalladha" jechaa obboleessa isaa immoo jibbu kam iyyuu sobduu dha. Namni obboleessa isaa kan arge sana hin jaallanne kam iyyuu Waaqa hin argin sana jaallachuu hin dandaʼu.
Namni tokko iyyuu takkumaa Waaqa hin argine; yoo wal jaallanne garuu Waaqni nu keessa jiraata; jaalalli isaas nu keessatti guutuu taʼa.
Waaqayyo Waaqni kee
inni si wajjin jiru jabaa dha.
Inni baayʼee sitti gammada;
inni jaalala isaatiin si boqochiisa;
faarfannaadhaanis sitti gammada."
Buscar a Deus
Buscareis o Senhor e o encontrareis quando o buscardes de todo o coração. Provai e vede que o Senhor é bom.
Garuu yoo achittis Waaqayyo Waaqa keessan barbaaddan ni argattu; isin yoo garaa fi yaada keessan guutuudhaan isa barbaaddan ni argattu.
Akka Waaqayyo gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa;
namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha.
Anis Waaqayyoon, "Ati Gooftaa koo ti;
ani si malee gaarummaa hin qabu" nan jedha.
Ani samii keessaa eenyunan qaba?
Lafa irraas si malee homaa hin fedhu.
Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha.
Ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef,
maqaa keetiif jedhiitii na qajeelchi; karaa irras na buusi.
Namni na argatu kam iyyuu jireenya argata;
Waaqayyo biratti illee fudhatama argata.
Viver com Deus
Sê forte e corajoso, porque o Senhor teu Deus é contigo. Em Deus encontramos a razão de existir.
Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Waaqayyo Waaqni kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin."
Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.
Isin yeroo hunda Gooftaatti gammadaa. Ammas ani irra deebiʼee nan jedha, gammadaa!
"Ifni kee dhufeeraatii kaʼii ibsi;
ulfinni Waaqayyoo siif baʼeera.
Ani Waaqayyo Waaqni kee
harka kee mirgaa nan qabaatii;
inni, ‘Hin sodaatin;
ani sin gargaaraa’ siin jedhus anuma.
Fuula Gooftaa duratti gad of qabaa; inni immoo ol isin qabaa.
Hin gowwoominaa; Waaqaatti qoosuun hin dandaʼamu. Namni waanuma facaafate haammataatii.
Akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.