Doença
A doença é realidade humana que a Bíblia confronta com compaixão e poder. Jesus curou toda enfermidade e prometeu ouvir a oração da fé pelos enfermos.
Jesus, o curador
Jesus percorreu toda a Galileia curando toda enfermidade e doença entre o povo. Pelo seu nome, curas continuam acontecendo.
Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisaa, Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa lallabaa, kolbaa dhukkubaa fi dhibee mara irraa fayyisaa qachootaa fi olloota mara keessa deddeeme.
Dhibamaa fayyisa’a, du’aa kaasa’a, worra dhukkuba goga’aa farrisiisa’aan qabameeru fayyisa’a, durriisota baasa’a. Gatii malee fudhattaneertan, gatii malee kenna’a.
Dhibamaa fayyisa’a, du’aa kaasa’a, worra dhukkuba goga’aa farrisiisa’aan qabameeru fayyisa’a, durriisota baasa’a. Gatii malee fudhattaneertan, gatii malee kenna’a.
Aduun seenteen duuba, worra durriisotaan qabamane hedduu gara Yesuusii fidane. Innille jecha ifiitiin durriisota baasee, worra dhibame maralle fayyise. Wonni Isaayaasiin raagichi,
«Inni dhibee teenna fudhate,
dhukkuba keennalle ba’ate» jedhe akka muummottuuf inni tana godhe.
daaree na uffittaneertan; dhibamee na gaafattaneertan; hidhameelle na gaafattaneertan› jedhe. Yennaa san balchooleen, ‹Gootta’a, nuuti yoom beelotteertuun dhagginee si nyaachinne? Yookiin dheebuu teeti dhagginee yoom si obaanne?
« ‹Nuuti keessummaa teeteertuun dhagginee yoom si fudhanne, yookiin daarteertuun dhagginee yoom sitti uffinne? Nuuti yoom dhibanteertuun yookiin hidhanteertuun dhagginee si gaafanne?› jedhaneen. Mootichi deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, obboleeyyan tiyya worra mara caalaa didiqqa’aa kana keessaa tokkoof ka gootane, naaf gootane!› isaaniin jedhe.
Yesuus waan kana dhage’ee, «Namoottaan fayyaa hin qanneef malee, fayyaaleyyi’iif ogeessi hin barbaachisu. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf malee, balchoota waamiisaaf hin dhunne» isaaniin jedhe.
qachaa san keessatti dhibamaa fayyisa’a; kolbaa achi jirtulle’een, ‹Mootummaan Waaqaa isinitti dhikaateerti› jedha’a.
Yesuus ergantoota kudhanii lamaan wolitti waamee, akka dhukkuba fayyisanuu fi durriisota baasanu hunnaa fi baallii isaaniif kenne. Achiin duuba mootummaa Waaqaa akka lallabanuu fi worra dhibamaa akka fayyisanu erge.
Promessas de cura
Eu sou o Senhor que te sara. As Escrituras prometem cura para o corpo e para a alma aos que confiam em Deus.
Inni, isaaniin, «Isin qoonqoo ana Mootii Waan Maraa ta Waaqa keessanii miidhassitanee yoo caqattane, fuula kiyya duratti waan sirrii te’e yoo tolchitane, ajaja kiyya yoo qalbeeffattane, seerata kiyya maralle yoo eegattane, dhukkuba worra Gibxi’iititti fide mara tokkolle isinitti hin fidu; ani Mootii Waan Maraa ka isin fayyisu» jedhe.
Ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan waaqonfadha’a; anille midhaanii fi bisaan keessan hin eebbisa; dhukkuballe odduu teessanii hin balleessa.
Ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan waaqonfadha’a; anille midhaanii fi bisaan keessan hin eebbisa; dhukkuballe odduu teessanii hin balleessa.
Ee Mootii Waan Maraa, ati ka ani leellifadhu waan teeteef,
na fayyisi, anille hin fayya;
na baasi, anille hin baya.
Ka cubbuu teeti mara si’iif araaramu,
ka dhukkuba keeti mara fayyisu,
Inni worra gaddaan
gadhaan isaanii madaye hin fayyisa;
madaa isaaniille hin hidha.
worra ballaa ila bana.
Worra gad jedhe ol qaba;
worra balchaa jaalata.
Nami worra hiyyeeyyi’iif yaadu ka gammade;
guyyaa rakkinnaa, Mootiin Waan Maraa isa hin baasa.
Mootiin Waan Maraa isa hin eega;
jiruulle’een isa hin leesisa;
inni lafa irratti isa hin gammachiisa;
halchaa diinotaatiifille dabarsee isa hin kennu.
Taqee inni dhibamee irra jiru irratti
Mootiin Waan Maraa isa hin qarqaara;
fayyisee taqee dhibo’oo irraa isa hin kaasa.
Jaala kiyya! Akkuma lubbuun teeti tolte, akka fayyaa teetuu fi wonni maraa si’iif tolu hin daadimadha.
Oração pelos doentes
A oração da fé salvará o enfermo. Confessai as ofensas uns aos outros e orai uns pelos outros para serdes curados.
Odduu teessan nami dhibameeru jiraa? Inni jaarsolee wolde’a kiristaanaa waammatuu ti; isaan maqaa Gootta’aatiin zayitii issanee isaaf daadimatanuu ti. Daadimannaan dhugeeffanna’aan godhantu dhibamaa hin fayyitti; Goottaalle dhibee irraa isa hin fayyisa; yoo cubbuu hujee jiraatelle araarri hin kennamaaf.
Odduu teessan nami dhibameeru jiraa? Inni jaarsolee wolde’a kiristaanaa waammatuu ti; isaan maqaa Gootta’aatiin zayitii issanee isaaf daadimatanuu ti. Daadimannaan dhugeeffanna’aan godhantu dhibamaa hin fayyitti; Goottaalle dhibee irraa isa hin fayyisa; yoo cubbuu hujee jiraatelle araarri hin kennamaaf.
Tanaaf akka dhibee irraa fayyitanuuf, cubbuu teessan wolitti himadha’a, woliifille daadimadha’a! Daadimannaan nama balcha’aa hunnaametti’ii fi bu’aa qabeetti’i.
Mudhii guddoo tanaan ta kaate akka ani hin koorre, wonni akka qore’ee nafa kiyya woraanee na farrisiisu, ergamaan Seexanaa naa kenname. Wonni na rakkisu kun, akka na lakkittu yennaa sad gara Gootta’aa daadimadhe. Inni ammoo, «Hunni tiyya mijuu teetee ka mudhattu yennaa ati dadhabaa teete waan teeteef, badhaadhi kiyya si hin geya» anaan jedhe. Tanaaf hunni Kiristoosii akka ana irra jiraattu, ka durii caalaa dadhabbii tiyyaan gammadaa ifi jajiisa barbaada. Ani hunna ka dhaggadhu dadhabaa yennaa te’utti waan teeteef Kiristoosiif yennaa dadhabu, yennaa arraffamu, yennaa rakkadhu, yennaa miidhamu fi yennaa yaaddawu hin gammada.
Esperança na aflição
Ele tomou sobre si as nossas enfermidades. Mesmo na doença, o coração alegre serve de bom remédio e Deus dá esperança.
«Inni dhugumaan dhukkuba keenna fudhatee,
dhibee teennalle ba’ate.
Te’uu malee, nuuti akka Waaqi isa dhowee,
akka Waaqi balaa isatti buusee,
akka Waaqi isa farrisiisetti laakkonne.
«Inni dhugumaan dhukkuba keenna fudhatee,
dhibee teennalle ba’ate.
Te’uu malee, nuuti akka Waaqi isa dhowee,
akka Waaqi balaa isatti buusee,
akka Waaqi isa farrisiisetti laakkonne.
Inni nama namooti jibbanee tuffatane;
inni nama dhibee guddo’oo fi rakkoo guddoo qabu.
Inni akka nama nami fuula irraa deebifatee ti;
inni nama tuffatame;
nuutille ulfinna isaaf hin kennine.
Gadhaan gammadu akka qorsa dansa’aa ti;
yaadi cabaan ammoo lafee goggossa.
Yaadi namaa dhibee hin ossata;
yaadi yoo cabe ammoo
eentu isa fayyisuu dande’a ree?
Addiin yennaa turte gadhaa nama gaddisiitti;
halchaan muummotte ammoo
midhaan muka jiru’uu ti.
Ani yennaa cubbuu tiyya faaci’atuu dhabe,
guyyaa guutuu aada.
Yennaa jalqabaa, akka ani sababa dhibee tiyyaatiin, Oduu Gammadaa isinii lallabe, isinuu hin beettan. Dhibeen tiyya ilaallachaa isinitti teetulle, akka ergamaa Waaqaatii fi akka Kiristoos Yesuusiititti na fudhattane malee, isin na hin tuffanne, yookiin na hin jibbine.
Gadhaa keetii fi dhibee deddeebitee sitti kaatuuf, daadhii woyni’ii diqqoo uni malee haganaa achi bisaan callaa hin unin.
Imimmaan duudii ila isaanii irraa haqa; wonni durii waan dabarteertuuf, haganaa achi duuti, yookiin gaddi, yookiin bootti, yookiin farri hin jiraattu» jedhe.