Egoísmo
O egoísmo é o oposto do amor cristão. Jesus nos ensinou a negar a nós mesmos, tomar a cruz e segui-lo. A vida cristã é vida de entrega, serviço e generosidade.
Negar-se a si mesmo
Se alguém quer vir após mim, negue-se a si mesmo. O caminho de Cristo é o caminho da auto-entrega e do serviço.
Haala Karraa Fannoo
Ergasii inni tuuta sanaa fi barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; "Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa baadhatees na duukaa haa buʼu.
Inni lammaffaan immoo, isa kana; ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu.’ Ajajni ajajawwan kanneen caalu tokko iyyuu hin jiru."
Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.
Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa.
Taʼus ani fiigicha sana xumuruu fi hojii Gooftaa Yesuus natti kenne sana hobbaafachuuf jedhee jireenya koo akka waan faayidaa hin qabneetti nan lakkaaʼa; hojiin kunis wangeela ayyaana Waaqaatiif dhugaa baʼuu dha.
Viver para os outros
Ninguém busque o próprio interesse, mas o do próximo. O amor não busca os seus próprios interesses.
Namni tokko iyyuu waan warra kaaniif gaarii taʼe barbaaduu qaba malee waan ofii isaatiif gaarii taʼe barbaaduu hin qabu.
Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu. Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu.
Eenyu iyyuu of hin gowwoomsin. Isin keessaa namni tokko yoo addunyaa kana irratti ogeessa of seʼe, inni akka ogeessa taʼuuf gowwaa haa taʼu.
Tokkoon tokkoon keenya ollaa keenya ijaaruuf, akka isatti toluuf waan isa gammachiisu gochuu qabna.
Namni arjaan ni badhaadha;
namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa.
Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu;
garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada.
Garaa koo gara ofittummaadhaan faayidaa argachuutti utuu hin taʼin,
gara sirna keetiitti naa deebisi.
Iddoo hinaaffaa fi hawwiin ofittummaa jiru, jeequmsaa fi hojii hamminaa hundumatu jira.