Encorajamento
O encorajamento é uma das vocações mais lindas do cristão. A Bíblia transborda de palavras de ânimo: não temas, levanta-te, Eu sou contigo. Deus nos encoraja para encorajarmos outros.
Não temas
Deus diz repetidamente: não temas, Eu sou contigo. Ele fortalece, sustenta e caminha ao nosso lado em cada desafio.
Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin!
Ani Waaqa keeti waan te’eef hin rifatin!
Ani si hin jabeessa; si hin qarqaara;
harka kiyya middicha balchichaan ol si hin qaba.
Yennaa ati bisaan keessa dabartu
ani si woliin hin jiraadha;
yennaa ati laga gamatti buutu
bisaan si hin fudhatu;
ibidda keessa yennaa ideentu hin gubattu;
bobeenni ibiddaalle si hin gubu.
Ati na duratti gatii guddo’oo fi
ulfinna waan qadduuf,
ani waan si jaaladhuufille addee teeti kolbaa,
addee lubbuu teetii gosa biyya adda hin kenna.
Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin!
Ani ijoollee teeti karaa aduun baatu irraa hin fida;
karaa aduun seentulle’e isin
wolitti hin qaba.
«Ati waan hin qaanonneef,
hin sodaatin;
waan hin salphanneef,
hin rifatin.
Fokkoo yennaa dargaggummaa
teetii hin deeta;
qaanii yennaa
haadha hiyyeessummaa teetiille
haganaa achi hin qaabattu.
Mootiin Waan Maraa, «Ani worra na hin daadimatinitti ifi mudhise; worra na hin barbaadinitti mudhadhe. Kolbaa maqaa kiyya hin waammanneen, ‹Ani as jira; ani as jira› jedhe.
Worri Mootii Waan Maraa addatu ammoo,
hunna ifii hin haareffatan.
Isaan akka risa’aa koolaan hin ka’an;
hin rukkisan; hin laafanu; hin ideeman; hin dadhabanu.
Achiin duuba qoonqoon Gootta’aa anaan, «Ani eennu erga? Eentu ergaa nuuf dhaqa?» jettuun dhage’e; anille, «Ani kunoo ti. Na ergi!» jedheen.
Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, ‹Addee ati dhaxxu maratti si woliin waan jiruuf jabaadhuu, jajjabaadhu, hin sodaatin, hin nayinille’e!› jedhee si ajajee hin jiruu?» jedhe.
Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, ‹Addee ati dhaxxu maratti si woliin waan jiruuf jabaadhuu, jajjabaadhu, hin sodaatin, hin nayinille’e!› jedhee si ajajee hin jiruu?» jedhe.
Kolbaan deebittee, «Mootii Waan Maraa lakkinne waaqota dhibii ijjumaa hin waaqonfannu! Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna, abbootii teennaa fi nu’u garbummaa biyya Gibxi’ii jalaa baaseera; bilbaasota inni godhelle dhaggineerra; kolbaa biyya adda addaa ta keessa dabarre duudii oddu’utti nageyaan nu eegeera.
Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin waan jiruuf, jabaadha’a; jajjabaadha’a; isaan hin sodaatina’a yookiin hin bararaqina’a; inni isin hin lakkisu yookiin isin hin gatu» jedhe.
Mootiin Waan Maraa ifiifuu si’iin dura hin deema; si wolille’een hin jiraata; inni ijjumaa si hin lakkisu yookiin si hin gatu; hin sodaatin; addii hin kutatin» jedhe.
Deus está conosco
Se Deus é por nós, quem será contra nós? Tudo posso naquele que me fortalece. Ele nos encoraja pela sua presença.
Marroo waan kanaa, nuuti maan jenna ree? Waaqi nu woliin yoo jiraate, eentu nu mormee dande’a?
Isin Ayyaana ilmoomaa ka, «Abba’a! Abbaa keenna!» jettanee waantanuun fudhattane malee, soda’aan akka leetanuuf ayyaana ammalle isin garboonsu hin fudhanne.
Tokko tokkoon keenna akka nami dhibiin dhugeeffannaa ifiitiin jabaatu, dansaa isaatiif isa gammachiisuu qanna.
Waaqi, ossaa fi jajjabeenna namaaf kennu, yaada tokko qabaattanee, fakkeenna Yesuus Kiristoosii hordottanee, addee tokko qoonqoo takka’aan, Waaqa Abbaa Yesuus Kiristoosii akka leellifattanu isin dandeessisu.
Isin jajjabeessiisaaf, eebba Ayyaanaa isiniin geyiisaaf, ani isin dhaggiisaaf guddoo barbaadeera. Isin dhugeeffannaa tiyyaan anille dhugeeffannaa teessaniin, nuuti lamaanuu akka wol jajjabeessinu jechuu kiyya.
Hunna Kiristoos naaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande’a.
Waaqi hujii dansaa isin keessatti jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi’ee dhufuutitti, akka muummessu ani mama hin qabu.
Tanaaf eennulle Kiristoosiin yoo jiraate inni dada haareya; dadi dullattiin tartee, dadi haaretti dhutteerti.
Tanaaf addii hin kutannu. Nafi keenna ka gubba’aa dulloomaa dadhabaa jiraatulle, nafi keenna ka keessaa guyyuma guyya’aan hin haareffama.
Rakkoon teenna diqqo’oo fi ta haga yenna’aa tun, ulfinna guddaa bara baraa ka haga hin qanne akka dhaggannu nu gooti.
Ammoo hunni waan duudii irra caaltu tun, Waaqa irraa malee nu’u irraa akka hin te’in akka beekkamuuf karra ayyaantittii tana akka okkotee faaraa teenee qabanneerra. Karaa maraan hin rakkanna, ammoo hin injifatannu; yennaa hedduu waan goonu hin wollaalla, ammoo addii hin kutannu. Miidhaan nu’u irra hin geya, ammoo jaalota dhannee hin beennu; dhowannee hin jinna, ammoo hin duunu. Jiruun Yesuusii nafa keenna irratti akka mudhatu, yennaa duudii du’a isaa nafa keenna irratti ba’annee deddeenna. Jiruun Yesuusii nafa keenna ka du’u irratti akka mudhattuuf, nuuti worri jirruuyyuu marroo Yesuusiitiif yennaa mara du’aaf dabarfannee hin kennanna.
Tanaaf Goottaa sodaatiis maan akka te’e waan beennuuf, worra dhibii hin hubachiinna. Nuuti maan akka teenelle Waaqi hin beeka; isinille gadhaa keessan keessatti nuuti maan akka teene akka beettanu hin addadha. Worra keessa ifiitiin adoo hin te’in, waan alaan mudhatuun ifi jajanuuf deebii kenniisa akka dandeettanu, nu’uun akka ifi jajjanuuf malee, nuuti ammalle deebinee ifi saadiisaafii moti. Nuuti maraataa yoo teene Waaqaaf jennee ti; worra qalbii qabu yoo teenelle isiniif jennee ti. Kiristoos nama duudi’iif akka du’ee fi nami duudiin du’a isaa ka qoodamu akka te’e waan hubanneef, jaalalli isaa nu dirqansiisa. Worri jiru’uun jiru duudiin, isaaniif jedhee ka du’ee du’aa ka’eef akka le’anuuf malee, haganaa achi akka ifiif hin leene, Kiristoos nama maraaf du’e.
Maarre nuuti ammaa achi eennulle’etti fuula ilaallee hin murru. Tanaan qara Kiristoositti akkana gooneelle yoo jiraanne, haganaa achi akkana hin goonu. Tanaaf eennulle Kiristoosiin yoo jiraate inni dada haareya; dadi dullattiin tartee, dadi haaretti dhutteerti. Tun duudiin Waaqa karaa Kiristoosiitiin ifi woliin nu araarsee fi tajaajila araarsiisaa nu’uu kenneen teete. Tunille Waaqi Kiristoosiin kolbaa biyya lafaa duudii ifi woliin araarsiisatti jiraayyu jechu’u; yakkaa namootaalle itti hin laakkonne; nu’ulle’eef jecha namoota Goottaa woliin araarsinu kenne.
Waaqi karaa keennaan namoota waan yaamuuf, nuuti bakka bu’oota Kiristoosii ti; tanaaf, «Waaqa woliin araarama’a» jennee maqaa Kiristoosiitiin isin kadhanna. Akka nuuti worra karaa Kiristoosiin tokkummaa dhugaamettii Waaqaa woliin qoodamu teenu, Waaqi Kiristoosii cubbuu hin qanne, akka cubbuu teenna mara ba’atu godhe.
Nami tokko kenniisaaf quxiquxama yoo qabaate, kennansi isaa fudhatama ka qabaatu, haga qabutti yoo kenne malee, haga hin qanne yoo kennee moti.
Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, Abbaa mararti’iitii fi Waaqa jajjabeenna maraatiif galanni te’u. Nuuti jajjabeenna Waaqa irraa dhagganeen, worra rakkinna adda addaa keessa jiru akka jajjabeessinuuf, Waaqi rakkoo teenna duudii keessatti nu jajjabeessa.
Ânimo nas lutas
No mundo tereis aflições, mas tende bom ânimo — Eu venci o mundo. O Senhor é refúgio seguro em toda tribulação.
Anaan nageenni akka isinii te’uuf ani tana isinitti himeera. Biyyi lafaa isin hin rakkitti; ammoo jabaadha’a! Ani biyya lafaa injifadheera» jedhe.
Anaan nageenni akka isinii te’uuf ani tana isinitti himeera. Biyyi lafaa isin hin rakkitti; ammoo jabaadha’a! Ani biyya lafaa injifadheera» jedhe.
«Nageya isin bira keya; nageya kiyyalle isiniif hin kenna. Nageenni ani isinii kennu, nageya akka biyyi lafaa isinii kennituutii moti. Gadhaan keessan hin raafamin; hin sodaatinille’e.
«Nageya isin bira keya; nageya kiyyalle isiniif hin kenna. Nageenni ani isinii kennu, nageya akka biyyi lafaa isinii kennituutii moti. Gadhaan keessan hin raafamin; hin sodaatinille’e.
Jaalala keessa sodaan hin jirtu; jaalaltiin guutuun sodaa baattee gatti; sodaan adabama woliin waan wol qabatteertuuf, nami sodaatu jaalaltiin isaa guutu’uu moti.
Promessas de conforto
Vinde a mim os cansados e sobrecarregados. Lança sobre Ele tuas ansiedades, pois Ele cuida de ti.
«Isin worri ba’aa ulfaattuu ba’atee dadhabe marti, gara kiyya kowa’a, ani isin foorfachiisa.
Worra foon namaa ijjeesu, ammoo ka lubbuu ijjeesuu hin dandeenne hin sodaatina’a; irraa caalaa, qilee keessatti lamaanuu foonii fi lubbuulle ka balleessuu dande’u Waaqa sodaadha’a.
Ba’aa teeti Mootii Waan Maraa irratti buufadhu;
inni si utuba;
inni worra balchoolee
ijjumaa akka raafamanu hin godhu.
Ani dhooqa gaaddisa du’aa keessa yoo ideemelle,
ati waan na woliin jirtuuf,
Ani waan hantuu natti dhuttu hin sodaadhu.
Uleen teetii fi borjoon teeti na jajjabeessan.
Ani dhooqa gaaddisa du’aa keessa yoo ideemelle,
ati waan na woliin jirtuuf,
Ani waan hantuu natti dhuttu hin sodaadhu.
Uleen teetii fi borjoon teeti na jajjabeessan.
Mootiin Waan Maraa ifa kiyyaa fi fayyinna kiyya;
ani eennu sodaadha ree?
Mootiin Waan Maraa kushee jiruu tiyyaa ti;
eentu na sodaachisa ree?
Mootii Waan Maraa eegadhu;
jabaadhu; addii hin kutatin;
Mootii Waan Maraa eegadhu.
Isin worri Mootii Waan Maraatitti addii godhattanu marti,
jabaadha’a; jajjabaadha’a.
Mootiin Waan Maraa,
«Ani karaa ati deemu’uu malte
si hubachiisee si barsiisa;
si gorsa; si toowadha.
Waaqi addee itti baqannu;
inni hunna teenna;
yennaa rakko’oo inni guddoo nu qarqaara.
Tanaaf latti yoo tachoote,
gaarri gara qilee abbaaya’aa yoo bu’e,
bisaan yoo shookkisee hoomachowe,
raafamiisa isaatiin
gaaroti yoo hollatanelle nuuti hin sodaannu.
Ani yennaa sodaadhu,
si’itti addadha.
Marroo jecha isaatiif, isa leellifadha;
ani Waaqatti addadha; hin sodaadhu;
nami foonii maan na godhuu dande’a?
Goottaa Waaqa keenna,
ila dansa’aan nu ilaali;
hujii harka keennaalle nuu milkeessi;
ee, nuu milkeessi.
Ani ila tiyyaan gara koobaa ol ilaale;
qarqaarsi kiyya eessaa dhufa?
Qarqaarsi kiyya ka ol-gubba’aa fi lafa dade,
Mootii Waan Maraa biraa dhufa.
Mootiin Waan Maraa
fuula kiyya dura akka naaf jiru,
ani yennaa mara hin beeka.
Inni midda kiyya waan jiruuf,
ani hin raafamu.
Mootiin Waan Maraa worra cunqurfameef,
addee itti baqatanu;
yennaa rakko’oo dalleya jaba’a.
Ee Mootii Waan Maraa,
ati worra si barbaadu waan hin lakkinneef,
worri maqaa keeti beeku sitti addata.
Waan Waaqi isiniif yaaduuf, waan isin yaachisu duudii isa irratti gata’a.
Amma yennaa gabaaddu’uuf haga ilaallatama gara garaatiin gadditanulle, marroo waan kanaa guddoo gammada’a.
Waan dansaa godhiisaaf yoo hinaattane ka isin irratti hantuu huju eennu? Waan dansaa hujiisaan rakkoo yoo fudhattanelle eebba hin dhaggattan; sossodaachisiisa namaa hin sodaatina’a; hin raafaminaalle’e.
Encorajar uns aos outros
Encorajai-vos mutuamente e edificai-vos uns aos outros. Não desanimemos — a bondade do Senhor é nova a cada manhã.
Maarre akkuma amma godhiisatti jirtanu, wol jajjabeessaa wol ijaara’a.
Maarre akkuma amma godhiisatti jirtanu, wol jajjabeessaa wol ijaara’a.
Jaalalaa fi hujii dansa’aan dammandhee akka leenuuf, kowa’a wolii yaadannaa. Yennaa mara wolitti qabamaa wol jajjabeessinuuti malee, akkuma worri gariin lakkisiisa barate, wolitti qabamiisa me lakkinnuu ti; guyyaan dhufiisa Gootta’aa akka dhikaate qaabataa waan kana irra caalaa godha’a.
Jaalala beese’ee irraa if qusadha’a; wonni isin qaddanu isin gewuu ti. Waaqi, «Ani ijjumaa si hin lakkisu, ijjumaa si hin gatu» jedheera. Maarre sodaa malee,
«Goottaan gargaaraa kiyya,
ani hin sodaadhu;
nami maan na godhuu dande’a ree?» hin jenna.
Tanaaf obboleeyyan tiyya ta jaalatantane! Jabaadha’aa dhaabbadha’a. Waan tokkolle’een hin daaqina’a. Hujii Gootta’aatiif ka dadhaddanu toluma akka hin te’in beeka’aatii, yennaa mara hujii Gootta’aa hujiisaaf jabaadha’a.
Dammaqa’a; dhugeeffanna’aan jabaadha’aa dhaabbadha’a; jajjabaadha’aa, jabaadha’a.
Dammaqa’a; dhugeeffanna’aan jabaadha’aa dhaabbadha’a; jajjabaadha’aa, jabaadha’a.
Ayyaanni Waaqi nu’uuf kenne ka hunnaa, ka jaalalaatii fi ka ifi qabatu’uuti malee, Ayyaana soda’aatii moti.
Achiin duuba Daawiti ilma ifii Solomooniin, «Jabaadhu, jajjabaadhuutii huji. Waaqi kiyya, Mootiin Waan Maraa Waaqi si woliin waan jiruuf, hin sodaatin, hin nayinille’e. Haga hujiin Galma Waaqaa tun hobbaatutti inni si hin lakkisu yookiin si hin gatu.
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si woliin jira;
hunni isaa injifannoo sii kenniti;
inni guddoo sitti hin gammada;
jaalala ifiitiin jiruu teeti hin haaressa;
inni faaru’uun si’itti hin gammada» hin jedhan.
Ani Yaada isiniif qabu hin beeka; yaad kunille yaada nageyaa, ka addii gara duraa isiniif kennu malee, ka isin miidhuu moti.
Jabaatanee hujiis bu’aa qaba;
oduu callaa odeessiis ammoo
gara hiyyumma’aa qofa nama geessiti.
Inni isaaniin, «Ana faana kowa’a! Ani guurtuu namaa isin tolcha» jedhe. Isaanille yennuma san caccoota ifii achitti dhiisanee, isa faana deemane.
Deus chama pelo nome
Ao longo da Bíblia, Deus chamou seus servos pelo nome — Abraão, Moisés, Samuel, Paulo — encorajando cada um pessoalmente.
Halkan Waaqi mudhi’iin, «Yaaqoob, Yaaqoob!» jedhee waame.
Yaaqoobille, «Ani kunoo as jira» jedhe.
Achiin duuba Ergamaan Waaqaa oojju’uun, ‹Yaaqoob!› jedhee na waame; anille, ‹As jira› jedheen.
Ergamaan Mootii Waan Maraa ammoo ol-gubbaa irraa, «Abrahaam, Abrahaam!» jedhee isaa waame. Abrahaamille, «Kunoo as jira» jedhe.
Mootiin Waan Maraa Waaqi akka Muuseen ilaaliisaaf dhaqe yennaa dhagge, tusee keessaa, «Muuse’e! Muuse’e!» jedhee waame.
Muuseelle, «Ani kunoo as jira!» jedheen.
Eliin ammoo Saamu’el waamee, «Ilma kiyya Saamu’el» jedhe.
Saamu’elille, «Kunoo, ani as jira» jedhe.
Yennaa san barataan Anaaniiyaas jedhamu tokko, Damaasqoo keessa jiraayyu. Goottaan mudhi’iin «Anaaniiyaas» jedheen.
Innille deebisee, «Kunoo ani as jira, Gootta’a» jedhe.
Maarre Maariyaam, «Ani tajaajiltuu Gootta’aa ti. Akkuma ati jette naaf teetuutii!» jette. Achiin duuba ergantichi Waaqaa isii biraa deeme.
«Sinbirrooti didiqqoon shanan saantimii lamaanitti gurgurantii motii? Te’uu malee isaan san keessaa takkattiin Waaqa duratti dedhantee hin jirtu. Rifeensi mataa keessaniituu maraa laakkowameera. Maarre hin sodaatina’a; isin sinbirroota didiqqoo san caalaa gatii guddoo qaddan.