Pular para o conteúdo
Publicidade

Encorajamento

Por Bíblia Online

O encorajamento é uma das vocações mais lindas do cristão. A Bíblia transborda de palavras de ânimo: não temas, levanta-te, Eu sou contigo. Deus nos encoraja para encorajarmos outros.

Não temas

Deus diz repetidamente: não temas, Eu sou contigo. Ele fortalece, sustenta e caminha ao nosso lado em cada desafio.

Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii;

hin raafamin; ani Waaqa keetii.

Ani sin jabeessa; sin gargaaras;

ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.

Yommuu ati bishaan keessa dabartu,

ani si wajjinan jira;

yommuu ati lageen ceetus, isaan si hin liqimsan.

Yommuu ibidda keessa deemtu,

ati hin gubattu;

arrabni ibiddaas si hin gubu.

Waan ati ija koo duratti jaallatamaa fi kabajamaa taateef,

anis waanan si jaalladhuuf,

qooda kee namoota

qooda lubbuu keetii immoo saboota nan kenna.

Ani si wajjinan jiraatii hin sodaatin;

ani ijoollee kee baʼa biiftuutii nan fida;

lixa biiftuutiis walitti sin qaba.

"Hin sodaatin; ati hin qaanoftuutii.

Hin yaaddaʼin; ati hin salphattuutii;

Qaanii ijoollummaa keetii ni dagatta;

tuffii dhirsi kee sirraa duunaan sirra gaʼes siʼachi hin yaadattu.

Murtii fi Fayyina

"Ani warra na hin iyyaafatinitti nan mulʼadhe;

warri na hin barbaadinis na argatan.

Ani saba maqaa koo hin waammatiniin,

Ani asan jira; ani asan jiranan jedhe.

Warri Waaqayyoon abdatan garuu

humna isaanii ni haaromfatu.

Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu;

ni fiigu; hin dadhaban;

ni deemu; hin bututan.

Anis sagalee Gooftaa kan, "Ani eenyunan ergadha? Eenyutu nuuf deema?" jedhu nan dhagaʼe.

Kana irratti ani, "Kunoo anuu jira. Na ergi!" nan jedhe.

Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Waaqayyo Waaqni kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin."

Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Waaqayyo Waaqni kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin."

Sabnis akkana jedhee deebiseef; "Waaqota biraa tajaajiluudhaaf jennee Waaqayyoon dhiisuun nurraa haa fagaatu! Kan biyya Gibxi, biyya garbummaa sana keessaa nuu fi abbootii keenya baasee waan mallattoowwan gurguddaa sana ija keenya duratti hojjete Waaqayyo Waaqa keenyaa dha. Inni karaa keenya hunda irrattii fi saboota nu gidduu isaanii tarre sana hunda gidduutti nu eege.

Cimaa; jabaadhaa. Waaqayyo Waaqni keessan isin wajjin deemaatii isin sababii isaaniitiif jettanii hin sodaatinaa yookaan hin rifatinaa; inni gonkumaa isin hin dhiisu yookaan isin hin gatu."

Waaqayyo mataan isaa si dura ni deema; si wajjinis ni jiraata; inni si hin dhiisu yookaan si hin gatu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin."

Deus está conosco

Se Deus é por nós, quem será contra nós? Tudo posso naquele que me fortalece. Ele nos encoraja pela sua presença.

Egaa kana irratti maal jenna ree? Erga Waaqni nu wajjin taʼee eenyutu nuun mormuu dandaʼa?

Isin Hafuura ilmummaa isa nu ittiin, "Aabbaa, yaa Abbaa" jennee waammannu sana argattan malee Hafuura garbummaa kan gara sodaatti isin deebisu hin arganne.

Tokkoon tokkoon keenya ollaa keenya ijaaruuf, akka isatti toluuf waan isa gammachiisu gochuu qabna.

Waaqni obsaa fi jajjabina namaa kennu sun akka isin yaaduma Kiristoos Yesuus qabaate sana walii qabaattan isin haa gargaaru.

Akka isin jabaattaniifis kennaa hafuuraa isinii hiruuf isin arguu baayʼee nan hawwa; kunis akka isinii fi ani amantii keenyaan wal jajjabeessinuuf.

Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.

inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun hamma guyyaa Kiristoos Yesuusitti akka raawwatu nan amana.

Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.

Duuti Akka Hin Hafnee fi Hiikkaa Inni Kiristaanaaf Kennu

Kanaafuu nu abdii hin kutannu. Yoo namummaan keenya inni alaan mulʼatu dhumaa deeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa garuu guyyuma guyyaan haaromfamaa deema.

Dhiphinni keenya inni salphaanii fi yeroodhaaf turu kun ulfina bara baraa kan waan hunda caalu nuuf fida.

Garuu akka humni waan hunda caalu kun Waaqa irraa malee nu biraa hin dhufin argisiisuuf nu badhaadhummaa kana qodaa suphee keessaa qabna. Nu karaa hundaan ni dhiibamna; garuu hin caccabnu; ni burjaajofna; garuu abdii hin kutannu; ni ariʼatamna, garuu hin gatamnu; lafaan dhaʼamna, garuu hin badnu. Akka jireenyi Yesuus dhagna keenyaan mulʼifamuuf nu yeroo hunda duʼa Yesuus dhagna keenyatti baannee deemna. Nu warri lubbuun jirru akka jireenyi isaa foon keenya kan duʼu keessaan mulʼifamuuf yeroo hunda Yesuusiif jennee duʼatti dabarfamnee kennamnaatii.

Tajaajila Araaraa

Nu Gooftaa sodaachuun maal akka taʼe waan beeknuuf namoota amansiisuuf yaalii goona. Eenyummaan keenya Waaqa biratti beekamaa dha; yaada garaa keessaniitiifis beekamaa akka taʼe nan abdadha. Nu akka isin nuun boontaniif carraa isinii kennuuf malee amma illee isin biratti of galateeffachuuf miti; kunis isin warra waan garaa keessa jiru caalaa waan ijatti mulʼatuun boonaniif deebii kennuu akka dandeessaniif. Nu yoo akka namoonni tokko tokko jedhan sana "qalbii dabarsine," Waaqaaf jennee ti; yoo qalbii qabeeyyii taane immoo isiniif jennee ti. Jaalalli Kiristoos nu dirqisiisaatii; sababiin isaas waan namni tokko nama hundaaf duʼeef namni hundi kan duʼe taʼuu isaa amansiifamneerra. Innis akka warri lubbuun jiran siʼachi isa isaaniif jedhee duʼee duʼaa kaafame sanaaf malee akka ofii isaaniitiif hin jiraanneef nama hundumaaf duʼe.

Kanaafuu nu ammaa jalqabnee nama tokko iyyuu akka ilaalcha fooniitti hin ilaallu. Yoo kanaan dura akka ilaalcha addunyaatti Kiristoosin ilaalaa turre iyyuu, siʼachi akkas hin goonu. Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera. Kun hundinuus Waaqa Kiristoosiin ofitti nu araarsee fi tajaajila araaraa nuu kenne sana irraa dhufe; kunis, Waaqni cubbuu namootaa isaanitti lakkaaʼuu dhiisuudhaan Kiristoosiin addunyaa ofitti araarsaa ture jechuu dha. Innis ergaa araaraa sana imaanaa nutti kenneera. Kanaafuu nu bakka buʼoota Kiristoos; Waaqnis karaa keenyaan isin sossobata; nus akka isin Waaqatti araaramtaniif qooda Kiristoos taanee isin kadhanna. Akka nu isumaan qajeelummaa Waaqaa taanuuf Waaqni nuuf jedhee Kiristoos isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.

Erga fedhiin jiraate kennaan sun akkuma waan namni qabuutti fudhatama malee akka waan namni hin qabneetti miti.

Waaqa Nama Jajjabeessuuf Galata Galchuu

Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan araaraatii fi Waaqni jajjabina hundaa haa eebbifamu; inni akka nu jajjabina Waaqa biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.

Ânimo nas lutas

No mundo tereis aflições, mas tende bom ânimo — Eu venci o mundo. O Senhor é refúgio seguro em toda tribulação.

"Akka isin anaan nagaa qabaattaniif ani wantoota kanneen isinitti himeera. Addunyaa kana irratti rakkinni isin argata. Garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼadheeraa."

"Akka isin anaan nagaa qabaattaniif ani wantoota kanneen isinitti himeera. Addunyaa kana irratti rakkinni isin argata. Garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼadheeraa."

Ani nagaa isin biratti nan hambisa; nagaa koos isiniif nan kenna. Ani akka addunyaan kennutti isiniif hin kennu. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatinis.

Ani nagaa isin biratti nan hambisa; nagaa koos isiniif nan kenna. Ani akka addunyaan kennutti isiniif hin kennu. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatinis.

Jaalala keessa sodaan hin jiru. Sodaan waan adabbii wajjin wal qabatee jiruuf jaalalli mudaa hin qabne sodaa of keessaa baasee gata. Namni sodaatu tokko jaalalli isaa guutuu miti.

Promessas de conforto

Vinde a mim os cansados e sobrecarregados. Lança sobre Ele tuas ansiedades, pois Ele cuida de ti.

"Isin dadhabdoonni, warri baʼaan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa; ani isinan boqochiisa.

Warra foon malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Qooda kanaa Isa gahaannam keessatti foonii fi lubbuu balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa.

Yaaddoo kee Waaqayyotti kennadhu;

inni si jiraachisa;

namni qajeelaan akka jeqamus hin godhu.

Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee

ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu;

uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.

Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee

ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu;

uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.

Waaqayyo ibsaa kootii fi fayyina koo ti;

ani eenyunan sodaadha?

Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti;

eenyutu na sodaachisa?

Waaqayyoon eeggadhu;

cimi; jabaadhus;

Waaqayyoon eeggadhu.

Warri Waaqayyoon abdattan hundinuu jabaadhaa;

garaan keessan hin sodaatin.

Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas;

ani ija koo jaalalaatiin sin ilaala; sin gorsa.

Waaqni daʼoo fi jabina keenya;

inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.

Kanaafuu yoo lafti raafamtee

tulluuwwanis garaa galaanaa keessa gadi buʼan iyyuu nu hin sodaannu.

Utuu bishaan isaas huursee hoomachaaʼee

tulluuwwanis raafama isaatiin sochoʼan iyyuu nu hin sodaannu.

Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha.

Waaqa ani dubbii isaa jajadhu,

Waaqa nan amanadha; homaa hin sodaadhu.

Namni duʼa hin oolle maal na gochuu dandaʼa?

Eebbi Waaqa keenya Gooftichaa nurra haa buʼu;

hojii harka keenyaas jabeessii nuu dhaabi;

eeyyee, hojii harka keenyaa jabeessii nuu dhaabi.

Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha;

gargaarsi koo eessaa dhufa?

Gargaarsi koo Waaqayyo

samii fi lafa uume biraa dhufa.

Ani yeroo hunda fuula koo duraa Waaqayyoon qaba.

Waan inni mirga koo jiruuf ani hin raafamu.

Waaqayyo warra cunqurfamaniif irkoo dha;

yeroo rakkinaattis daʼoo dha.

Warri maqaa kee beekan si amanatu;

yaa Waaqayyo, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.

Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hunda isa irra kaaʼadhaa.

Isinis yoo amma yeroo gabaabaaf qorumsa gosa garaa garaa keessa darbuu qabaattan iyyuu waan kanaan akka malee gammaddan.

Isin gaarii hojjechuuf yoo hinaaftan, eenyutu isin miidha? Garuu yoo qajeelummaaf jettanii dhiphattan isin eebbifamoo dha. "Sodaachisuu isaanii hin sodaatinaa; hin jeeqaminaas."

Encorajar uns aos outros

Encorajai-vos mutuamente e edificai-vos uns aos outros. Não desanimemos — a bondade do Senhor é nova a cada manhã.

Kanaafuu akkuma amma gochaa jirtan kana wal jajjabeessaa; wal ijaaraas.

Kanaafuu akkuma amma gochaa jirtan kana wal jajjabeessaa; wal ijaaraas.

Kottaa jaalalaa fi hojii gaariif wal kakaasuuf itti yaadnaa. Akka namoonni tokko tokko walitti qabamuu dhiisan sana kottaa nu walitti qabamuu hin dhiifnuu; qooda kanaa akka guyyaan sun dhiʼaate waan argitaniif ittuma caalchifnee wal haa jajjabeessinu.

Jireenya keessan jaalala maallaqaa irraa jabeessaa eeggadhaa; wanni qabdan isin haa gaʼu; Waaqni,

"Ani gonkumaa si hin dhiisu;

gonkumaas si hin gatu"

jedheeraatii. Kanaaf nu ija jabinaan,

"Gooftaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu.

Namni maal na gochuu dandaʼa?" jenna.

Kanaafuu yaa obboloota koo jaallatamoo, jabaadhaa dhaabadhaa. Wanni tokko isin hin sochoosin; akka dadhabbiin keessan Gooftaa biratti faayidaa malee hin hafne waan beektaniif yeroo hunda hojii Gooftaatiif guutummaatti of kennaa.

Dammaqaa; amantiitti cimaatii dhaabadhaa; jajjabaadhaa; cimaas.

Dammaqaa; amantiitti cimaatii dhaabadhaa; jajjabaadhaa; cimaas.

Waaqni hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.

Daawit ilma isaa Solomooniin akkana jedhe; "Cimi; jajjabaadhus; hojii sanas hojjedhu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin; Waaqayyo Gooftaan Waaqni koo si wajjin jiraatii. Inni hamma hojiin tajaajila mana qulqullummaa Waaqayyoo dhumutti si hin dhiisu yookaan si hin gatu.

Waaqayyo Waaqni kee

inni si wajjin jiru jabaa dha.

Inni baayʼee sitti gammada;

inni jaalala isaatiin si boqochiisa;

faarfannaadhaanis sitti gammada."

Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Waaqayyo.

Jabaatanii hojjechuun hundi buʼaa buusa;

oduun faayidaa hin qabne garuu hiyyummaa qofa fida.

Yesuusis, "Kottaa, na duukaa buʼaa; anis akka isin qabduu namootaa taataniif isin nan erga" jedheen. Isaanis yommusuma kiyyoo isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.

Deus chama pelo nome

Ao longo da Bíblia, Deus chamou seus servos pelo nome — Abraão, Moisés, Samuel, Paulo — encorajando cada um pessoalmente.

Waaqnis halkan mulʼataan, "Yaaqoob! Yaaqoob!" jedhee Israaʼelitti dubbate.

Innis, "Kunoo ani as jira" jedhee deebise.

Ergamaan Waaqayyoos abjuu keessa, Yaaqoobnaan jedhe. Ani, Kunoo asan jirajedheen deebise.

Ergamaan Waaqayyoo garuu, "Abrahaam! Abrahaam!" jedhee samii keessaa isa waame.

Abrahaamis, "Kunoo asan jira" jedhee deebise.

Waaqayyos yommuu akka Museen ilaaluuf achi gore argetti, Waaqni daggala sana keessaa, "Musee! Musee!" jedhee isa waame.

Museenis, "Kunoo ani asan jira" jedhee deebise.

Eeliin garuu ofitti isa waamee, "Saamuʼeel, yaa ilma koo" jedhe.

Saamuʼeelis deebisee, "Ani asin jira" jedheen.

Damaasqoo keessa barataa Anaaniyaas jedhamu tokkotu ture. Gooftaanis mulʼataan, "Yaa Anaaniyaas!" jedhee isa waame.

Innis, "Yaa Gooftaa, kunoo ani asin jira" jedhee deebise.

Maariyaamis, "Kunoo, ani garbittii Gooftaa ti. Akkuma ati dubbatte naaf haa taʼu" jetteen. Ergamichis ishee dhiisee deeme.

Daaloteen shan saantima lamatti gurguramu mitii? Isaan keessaa garuu tokko iyyuu Waaqni hin irraanfatu. Dhugumaanuu rifeensi mataa keessanii hundi lakkaaʼameera. Hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.

Seja o primeiro