Ensinar
Ensinar é mandamento e dom. A Bíblia exorta pais, líderes e mestres a transmitir a verdade divina com fidelidade, paciência e sabedoria para as próximas gerações.
Ensinar a Palavra
Toda Escritura é útil para ensinar. Quem ouve as palavras de Jesus e as pratica é como o homem sábio que construiu sobre a rocha.
Barreeffam Woyyichi duudiin qajeelfama Ayyaana Waaqaatiin waan barreeffameef, dhugaa barsiisiisaaf, worra dokonkore xixiisaaf, balleessaa sirreessiisaa fi karaa balchumma’aatitti qajeelchiisaaf bu’aa qabeessa. Nami Waaqaa hujii dansaa maraaf ka dandeettii qabu te’ee, ka hidhatee qophowe akka te’u godha.
Yesuus, «Nami jecha kiyya dhage’ee hujii irra oolchu namicha qaroo mana ifii rassaa irratti ijaarrate tokko fakkaatta.
Jechi Kiristoosii durummaa ifiitiin gadhaa keessan keessa le’uu ti; qarooma duudi’iin wol barsiisa’a, wol gorsa’a; faaruu adda addaa, faaruu leellisaatii fi faaruu Ayyaantitti’iin Waaqa gadha’aan galateeffataa faarsa’a.
Ossaa fi jajjabeenna Barreeffam Woyyichi nuuf kennuun addii akka qabaannu, wonni Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffamane marti nu barsiisu’uuf barreeffante.
Fakkeenni Solomoonii ilma Daawitii, ka mootii Israa’elii ka asii gad jiranu:
Isaan kun namooti qarumma’aa fi
qajeelfama dansaa akka fudhatanu,
jechoota beekkumsa ifi keessaa qabanu,
akka hubatanu,
balchumma’aa fi haqaan,
waan dhugaa te’e godhiisaan,
amala qarumma’aatiin
qajeelfama akka fudhatanu,
worri beekkumsaan hin bilchaatin,
hubantii akka qabaatanu,
dargaggooti beekkumsaa fi,
qalbii akka qabaatanu qarqaaran.
Worri qarooleen fakkeenna kana caqasanee,
barumsa ifii itti ede’atanuu ti;
worri hubantii qabanulle
qajeelfama irraa fudhatanuu ti.
Akka kanaan isaan fakkeennaa fi mammaassa,
hiikkaa jedhi’iitii fi
hiibboo worra qaroole’eelle hin hubatan.
Qarummaan jalqabaa,
Mootii Waan Maraa sodaatiisa;
gowwooleen ammoo,
qarumma’aa fi gorsa tuffatti.
Instruir as gerações
Ensina a criança nos caminhos de Deus. A geração que não conhece o Senhor perde a herança espiritual da fé.
Mootii Waan Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti’ii fi hunna teeti maraan jaaladhu. Ajajoota ani adha si ajaju kana ijjumaa hin dedhin. Ajajoota kana irra deddeebi’iitii ijoollee teeti barsiisi. Yennaa mana teettu, yennaa karaa ideentu, yennaa irkattu fi yennaa kaatu marroo ajajoota kanaa dubbadhu.
Ilma kiyya, gorsa abbaa keetii dhage’i;
barsiisa haadha teetiille hin lakkisin
Barsiisi isaanii,
mataa keetiif akka kallacha ulfinnaa ti;
morma keetiifille,
akka meya seesaaf diramee ti.
Ilma kiyya, ajaja abbaa keetii eegadhu;
barsiisa haadha teetiille hin lakkisin.
Yennaa mara gadhaa keeti keessa keyadhu;
morma keetille’etti hidhadhu.
Isaan yennaa ati ideentu
si sooressan;
yennaa rattu si eegan;
yennaa ati dammaxxu
si’itti dubbatan.
Ajaji kun issa’a;
barsiisi kunille ifa;
qajeelfamaan sirreeffamiis
karaa jiru’uu ti.
Qarummaa dhaggadhu;
hubantii qabaadhu;
jecha kiyya hin dedhin
yookiin irraa hin deebi’in.
Qarummaan gollaa sii teetii,
isii hin dedhin;
si eeddiitii,
isii jaaladhu.
Qarummaan waan mara caalti;
tanaaf isii dhaggadhu.
Waan ati qaddu mara si kaffalchiittulle,
hubantii bitadhu.
Ulfinna isi’iif kenni;
isiille ol si qaddi;
isii hanqafadhu;
isiille ulfinna si’iif hin kenniti.
Gorsa sii kenname jabeessii qabadhu;
gad hin lakkisin;
jiruu teeti waan te’eef,
midhassii eegadhu.
Daandii worra hama’aa hin hordofin
yookiin karaa worra hantuu hujuu irra hin deemin.
Maddi jiruu teetii qalbii waan teeteef,
waan mara caalaa
qalbii teeti eegadhu.
Dubbii micciiriisa afaan keeti irraa fageessi;
dubbii malaamaltumma’aa irraa
hidhii teeti eegadhu.
Ilti teeti gara fuula duraa
qajeelaa ilaaltuu ti;
ifiin dura qofa ilaali.
Daandii miilli keeti irra deemu,
wol qixxeeffadhu.
Karaan keeti dansaa te’uu ti.
Gara middaa yookiin gara bita’aa hin gorin;
miila keeti waan hantuu irraa eegadhu.
Barsiisi nama qaro’oo madda jiru’uu ti;
tiyyoo du’aa irraa nama deebisa.
Qarummaan jalqabaa Mootii Waan Maraa sodaatiisa;
Woyyicha san beekiisi hubantii dhaggatiisa.
Ee kolbaa tiyya, barsiisa kiyya caqasa’a;
gurra keessan
gara dubbii afaan kiyyaa deebifadha’a.
Ani fakkeennaan afaan kiyya hin saaqadha;
dubbii dhossa’aa
ta durii jalqaddee dhoffante hin mudhisa.
Dubbiin tun ta dhageennee hin beenne,
ta abbootiin teenna ta durii nutti hinte,
nuuti ijoollee isaanii hin dhossinu;
marroo leellisa Mootii Waan Maraatii fi hunna isaa,
marroo bilbaasa inni hujee,
dhaloota dhufutti hin hinna.
Dhalooti sun marti dhumatteen duuba, dhalooti dhibiin ka Waaqaa fi waan Waaqi kolbaa Israa’eliitiif godhe hin beenne kaate.
Fidelidade no ensino
Quem ensina com fidelidade merece dupla honra. Cuidado com doutrinas falsas — permaneçam na doutrina de Cristo.
Jaarsolee wolde’a kiristaanaa akka dansaa sooressitu, keessumattuu ta jabaattee lalladdee barsiittuuf, ulfinna gudda’atti male. Barreeffam Woyyichi, «Qotiyyoo midhaan dhowiisatti jirtu afaan hin hidhin», akkasuma, «Hojjata’aaf mindaan kennamuu qaba» jedha.
Dubbii Waaqi ittiin hin ulfaannee fi marii gowwittii, ta Waaqa irraa nama fageessitu irraa fagaadhu. Barsiisi akkasii akka madaa foon nyaattee badhataa deentuu ti. Himnewoosii fi Filexoos worra dubbii akkasii dubbatane keessa jiran.
Nami barsiisa Yesuusiitiin hin jiraannee fi irraa goree deemu mara Waaqa hin qabu; nami barsiisa Kiristoosii qabatee ittiin jiraatu mara ammoo Abba’aa fi Ilma qaba.
Jilti wodhakkaa geetteertuun, Yesuus gara Galma Waaqaa dhaqee barsiisuu jalqabe. Yihudooti baallii qabanu guddoo maalalanee, «Namichi kun adoo hin baratin attam akka malee wo beeka?» jedhane. Yesuus deebisee, «Wonni ani barsiisu ka na erge biraa dhutte malee, barsiisa kiyyaa moti. Nami fedhii Waaqaa godhiisa barbaadu marti, wonni ani barsiisu Waaqa irraa akka dhutte yookiin anummaan ifi keessaa fuudhee akka dubbadhu hin beeka. Nami ifi keessaa fuudhee dubbatu, ulfinna ifii waan barbaaduuf tana godha. Nami ulfinna ka isa ergeetiif huju ammoo dhugaamessa; dharti takkaalle isa keessa hin jirtu.