Publicidade

Juízes 5

Faaruu Debora'aatii Fi Baaraaqii

1 Guyyaa san Debora'aa fi ilmi Abiino'aamii Baaraaqi faaruu asii gad jirtu faarfatanee,

2 «Sooressitooti Israa'eloota waan sooressaneef,

kolbaalle fedhii ifiitiin

duuliisaaf waan murteeffatteef

Mootii Waan Maraa galateeffadha'a!

3 «Isin Mootoleen, dhage'a'a!

Isin sooreyyiin, caqasa'a!

Ani Mootii Waan Maraatiif hin faarsa!

Mootii Waan Maraa

Waaqa Israa'elii hin leellifadha.

4 «Ee Mootii Waan Maraa,

yennaa ati gaara Se'iirii irraa kaate,

yennaa ati biyya Edoomii keessa deente

latti tachootee,

ol-gubbaan bisaan dhangalaatte;

duumensille bokkeya roobisiise.

5 Gaaroti Mootii Waan Maraa

Waaqa Siina'aa duratti,

fuula Mootii Waan Maraa

Waaqa Israa'elii duratti tacho'ane.

6 «Bara Shamgaarii ilma Anaatii,

bara Yaa'elii

karaan guddaan one;

worri karaa deemulle

karaa miliffataatiin deemaniiyyu.

7 Haga guyyaa ani Deboraan

Israa'eliif akka haadhaa te'ee ka'etti,

qachaan Israa'elii oneera.

8 Achiin duuba Israa'elooti

waaqota dur hin beenne yennaa filatane,

lolli gara karra qacha'aa dhufe;

Israa'eloota kuma afurtama oddu'utti,

wonteen yookiin eboon hin dhagganne.

9 Gadhaan kiyya

dura aantota worra woraanaa ka Israa'elii,

ka fedhii ifiitiin duuliisaaf murteeffate bira jira.

Mootii Waan Maraa leellisa'a!

10 «Isin worri harree adaadii irraa teettanu,

worri gilaasii seefante irra teettanu,

worri karaa irralle deddeentanu,

marroo waan kanaa hima'a.

11 Qeexala worra heddu'uu

ka adaala boolla bisaaniitii dhage'amu dhage'a'a;

qeexalli sun injifachaa Mootii Waan Maraa,

injifachaa kolbaa Israa'eliille hima.

«Achiin duuba kolbaan Mootii Waan Maraa

gara karra qacha'aa gad buute.

12 Debora'a, ka'i, Ka'i!

Ka'i, ka'iitii faarfadhu!

Baaraaqii ilma Abiino'aamii,

atille ka'i!

Worra boojite qabadhuu deemi.

13 «Achiin duuba worri hafe

gara qondaaltotaa gad bu'ane.

Kolbaan Mootii Waan Maraa marroo tiyyaaf

worra hunnaameyyii loliisaaf dhutte.

14 Worri dhufelle, sanyii Efreemii keessaa gariin

addee dur worri Amaaleqootaa le'u irraa dhufane.

Worri dhibiille sanyii Beniyaamii keessaa dhufane.

Sanyii Maakiirii keessaa

dura aantoti worra woraanaa,

sanyii Zebuloon keessaa

worri ulee bokku'uu qabatu dhufane.

15 Sooressitooti sanyii Yisaakorii

Deboraa woliin dhufane;

Baaraaqille sanyii Yisaakorii woliin dhufee,

gara dhooqaa isa gula ori'e.

Sanyiin Ruubenii yennaa dheertuu itti yaadanee

murteeffatiisa hin dandeenne.

16 Maaf odduu gooree hoole'ee teettane?

Madha hoole'ee dhage'iisaafii?

Eeti'i, sanyiin Ruubenii yennaa dheertuu itti yaadanee

murteeffatiisa hin dandeenne.

17 Sanyiin Giil'aad laga Yordaanosii irraa

gara aduun baatutti turte;

sanyiin Daanii maaf hoboloo guddittii keessa turte?

Sanyiin Asheerii qarqara abbaaya'aa,

addee buufata hobolo'oo turte.

18 Sanyiin Zebuloonii du'aaf ifi dabarsitee kennite.

Sanyiin Niftaalemille

koobota woraanaa irratti akkasuma goote.

19 «Moototi dhufanee lolane;

yennaa san mootota Kana'aanii

qachaa Ta'ana'aatitti

bisaan Megidoo biratti lolane

ammoo meetii takkaalle,

waan dhibiille hin saanne.

20 Urjooti ol-gubbaa irra,

daandii ifii irra deemaa Siiseraa lolte.

21 Lagi Qiisonii ka durii durii sun,

isaan haree dabare.

Lubbuu tiyya,

jabaadhuu deem!

22 Fardoon Kotte'een hididditte;

gulufaa gulufaa

gara fardoo jajjaba Siisaara'aa dhaxxe.

23 Ergamaan Mootii Waan Maraa,

‹Qachaa Merozii abaara'a!

Worri qachaa san keessa le'u,

Worra hunnaameyyii loliisaan,

Mootii Waan Maraa qarqaariisaaf

waan hin dhufiniif, akka malee abaara'a› jedhe.

24 «Niitiin Heberii Qenichaa Yaa'el,

dubartoota mara caalaa

ta hiree dansaa qaddu teetuu ti;

dubartoota dunkaanii keessa leetu caalaa

ta hiree dansaa qaddu teetuu ti.

25 Siiseraan, bisaan kadhate;

isiin ammoo aanan isaaf kennite;

qodaa goottole'eetitti itittuu dhikeessiteef.

26 Isiin harka tokkoon

togaa dunkaanaa qabattee,

harka middaatiin

burrisa hojjattootaa qabattee,

Siiseraa dhoottee mataa butuchitee,

shikaala san guunaa gurra isaatitti dhoottee

jalaa fullaache.

27 Inni laafee,

miila isi'ii jalatti jige;

Adduma jige sanitti du'e.

28 «Haati Siisera'aa

karaa foddaa manaatiin gad ilaaltee,

iyyitee, ‹Garreettaan fardaan harkifamu

ka mucaa kiyyaa maaf ture?

hididdeettiin kottee fardaa

maaf hin dhage'anne?› jette.

29 Dubartooti tajaajiltooti isi'ii qarooleen,

gaaffii isi'iitiif deebii kennane;

isiin ifumaan ifiin dubbattee,

30 ‹Isaan boojuu booji'anee,

dubartii tokko tokko yookiin lama lama

loltoota tokko tokkoofuu,

Siisera'aaf woyaa kuula adda addaatiin seefante,

morma worra booji'eetiif

woyaa kuula adda addaatiin seefante

qoodamiisatti jiranii motii?› jette.

31 «Ee Mootii Waan Maraa,

diinoti keeti marti badanuu ti.

Worri si jaalatu ammoo,

akka aduun ganamaa akka malee issitu,

issanuu ti» jette.

Achiin duuba biyya sanitti woggaa afurtama nageenni te'e.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-