Publicidade

Ensinar

Por Bíblia Online

Ensinar é mandamento e dom. A Bíblia exorta pais, líderes e mestres a transmitir a verdade divina com fidelidade, paciência e sabedoria para as próximas gerações.

Ensinar a Palavra

Toda Escritura é útil para ensinar. Quem ouve as palavras de Jesus e as pratica é como o homem sábio que construiu sobre a rocha.

Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Waaqaatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu; kunis akka namni Waaqaa hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.

Ijaartota Ogeeyyii fi Gowwoota

"Kanaafuu namni dubbii koo kana dhagaʼee hojiidhaan argisiisu hundi, nama ogeessa mana isaa kattaa irratti ijaarrate fakkaata.

Dubbiin Kiristoos baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Waaqa galateeffadhaa.

Nu akka obsaa fi jajjabina Katabbiiwwan Qulqulluun kennaniin abdii qabaannuuf wanti duraan barreeffame hundi barumsa keenyaaf barreeffameetii.

Fakkeenya Solomoon Ilma Daawit, mootii Israaʼel:

Ogummaa fi qajeelfama qabaachuudhaaf,

dubbii beekumsa guddaa hubachuudhaaf;

ogummaadhaan jiraachuudhaan, qajeelummaadhaan,

murtii qajeelaa kennuu fi nama wal qixxeessuudhaan qajeelfama argachuudhaaf;

warra waa hin beekneef of eeggannoo kennuudhaaf,

dargaggootaaf immoo beekumsaa fi hubannaa kennuudhaaf,

ogeeyyiin dhaggeeffatanii barumsa isaanii irratti waa haa dabalatan;

warri qalbii qabanis qajeelfama haa argatan;

kunis fakkeenyaa fi hiikkaa,

jechaa fi hibboo ogeeyyii hubachuudhaaf.

Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti;

gowwoonni garuu ogummaa fi adabamuu tuffatu.

Instruir as gerações

Ensina a criança nos caminhos de Deus. A geração que não conhece o Senhor perde a herança espiritual da fé.

Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan Waaqayyo Waaqa kee jaalladhu. Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.

Gowwoomfamuu Irraa Of Eeguu

Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu;

barsiisa haadha keetii illee hin gatin.

Wanni kun mataa kee miidhagsuudhaaf gonfoo,

morma kee bareechuudhaaf immoo faaya siif taʼa.

Akeekkachiisa Waaʼee Ejjaa Irratti Kenname

Yaa ilma ko, ajaja abbaa keetii eegi;

barsiisa haadha keetii illee hin gatin.

Bara baraan garaa keetti qabadhu;

morma keettis hidhadhu.

Yeroo ati deemtu isaan si qajeelchu;

yeroo ati raftu si eegu;

yeroo ati hirribaa kaatu illee si haasofsiisu.

Ajajni kun ibsaadhaatii;

barsiisni kunis ifa;

sirreeffamni amalaa immoo karaa jireenyaa ti;

Ogummaa argadhu; hubannaas argadhu;

dubbii koo hin dagatin yookaan irraa hin jalʼatin.

Ogummaa hin dhiisin; isheen si eegdii;

ishee jaalladhu; isheenis si tiksitii.

Ogummaan waan hunda caalti; kanaafuu ogummaa argadhu.

Yoo isheen waan ati qabdu hunda si baasifte illee hubannaa argadhu.

Ogummaa kabaji; inni ol si guddisaatii;

isa hammadhu; innis si kabajaatii.

Qajeelfama jabeessii qabadhu; gad hin dhiisin;

waan inni jireenya kee taʼeef jabeessii eeggadhu.

Daandii hamootaa irra miilla kee hin dhaabin

yookaan karaa jalʼootaa irra hin deemin.

Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu;

burqaan jireenyaa achii baʼaatii.

Dubbii jalʼinaa afaan kee keessaa balleessi;

haasaa hamaas arraba kee irraa fageessi.

Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu;

atis xiyyeeffadhuu fuula kee dura ilaali.

Miilla keetiif daandii wal qixxeeffadhu;

karaan kee hundinuu haa jabaatu.

Gara mirgaatti yookaan gara bitaatti hin gorin;

miilla kee hammina irraa eeggadhu.

Barsiisni nama ogeessaa burqaa jireenyaa ti;

kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.

"Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti;

isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.

Yaa saba ko, barsiisa koo dhagaʼaa;

dubbii afaan koo dhaggeeffadhaa.

Ani fakkeenyaan afaan koo nan banadha;

waan durumaa jalqabee dhokfames nan dubbadha.

Kunis waanuma nu dhageenyee fi waanuma nu beeknu,

waan abbootiin keenya nutti himanii dha.

Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu;

hojii Waaqayyoo ulfina qabeessa sana,

humna isaatii fi dinqii inni hojjete,

dhaloota itti aanutti ni himna.

Erga dhaloonni sun guutuun gara abbootii isaaniitti walitti qabamanii booddee dhaloonni Waaqayyoon hin beekin yookaan waan inni saba Israaʼeliif godhe hin beekin kan biraa kaʼe.

Fidelidade no ensino

Quem ensina com fidelidade merece dupla honra. Cuidado com doutrinas falsas — permaneçam na doutrina de Cristo.

Jaarsolii Waldaa

Jaarsoliin sirriitti waldaa kiristaanaa bulchan keessumattuu warri hojiin isaanii lallabuu fi barsiisuu taʼe ulfina dachaa argachuu qabu. Katabbiin Qulqulluun, "Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin;" akkasumas, "Hojjetaaf mindaa isaa argachuun ni mala" jedhaatii.

Garuu dubbii faayidaa hin qabne irraa fagaadhu; dubbiin akkasii ittuma caalchisee nama Waaqaa taʼuu irraa nama fageessaatii. Barsiisni isaaniis akka dhukkuba gaangiriinii babalʼachaa deema. Himenewoosii fi Filexoosis isaan keessatti argamu;

Namni barsiisa Kiristoosiin hin jiraanne kan barsiisa sana keessaa baʼu kam iyyuu Waaqa hin qabu; namni barsiisa Kiristoosiin jiraatu hundinuu immoo Abbaas Ilmas qaba.

Yesuus Ayyaana Irratti Barsiisuu Isaa

Gara walakkaa Ayyaanichaattis Yesuus mana qulqullummaa seenee barsiisuu jalqabe. Yihuudoonnis dinqifatanii, "Namichi kun akkamitti utuu hin baratin beekumsa akkanaa qabaate?" jedhan.

Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "Barsiisni koo kan isa na ergeeti malee kan koo miti. Namni fedhii Waaqaa gochuu barbaadu kam iyyuu barsiisni koo Waaqa biraa dhufuu fi dhufuu baachuu isaa yookaan ani ofuma kootiin dubbachuu fi dubbachuu baachuu koo ni beeka. Namni ofuma isaatiin dubbatu inni ofuma isaatii ulfina argachuu barbaada; namni ulfina kan isa erge sanaa barbaadu garuu inni nama dhugaa ti; jalʼinnis isa keessa hin jiru.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-