Publicidade

Esperança

Por Bíblia Online

A esperança cristã não é desejo vago — é certeza inabalável fundamentada nas promessas de Deus. Ela é âncora da alma, firme e segura, que penetra até o interior do véu.

Esperança viva

Bendito seja Deus que nos gerou de novo para uma esperança viva, mediante a ressurreição de Jesus Cristo.

Addii Jiraattuu

Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif galanni te’u! Inni marartii ifii guddo’oon du’a keessaa ka’iisa Yesuus Kiristoosiitiin addii jiraattuu tanatti akka jiraannuuf haareya godhee nu uumateera.

Addii Jiraattuu

Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif galanni te’u! Inni marartii ifii guddo’oon du’a keessaa ka’iisa Yesuus Kiristoosiitiin addii jiraattuu tanatti akka jiraannuuf haareya godhee nu uumateera.

Kiristoos ammoo akka Gootta’aatitti adda baasa’aatii ulfeessa’a. Marroo addii isin keessa jirtuu, nama isin gaafatu maraaf deebii kenniisaaf yennaa maraa ka qophoottane te’aa.

Kiristoos ammoo akka Gootta’aatitti adda baasa’aatii ulfeessa’a. Marroo addii isin keessa jirtuu, nama isin gaafatu maraaf deebii kenniisaaf yennaa maraa ka qophoottane te’aa.

Nami Kiristoositti addii tana qabu mara, akkuma Kiristoos qulqullichaa ifi hin qulqulleessa.

Esperança que não decepciona

A esperança não decepciona, pois o amor de Deus é derramado em nossos corações pelo Espírito Santo.

Jaalalli Waaqaa karaa Ayyaana Woyyicha nuuf kennameetiin, gadhaa keenna waan guuteeruuf, addiin nu hin qaanessitu.

Jaalalli Waaqaa karaa Ayyaana Woyyicha nuuf kennameetiin, gadhaa keenna waan guuteeruuf, addiin nu hin qaanessitu.

Waaqa Duratti Balchoomuu

Tanaaf, eega dhugeeffanna’aan Waaqa duratti balchoonne, karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin Waaqa woliin nageya qanna. Kiristoos gara badhaadha Waaqaa, ka amma ittiin dhaabbannee jirru kanaa nu fideera; nuutille addii ulfinna Waaqaa ittiin qoodannuun ifi jajna.

Tana qofaan adoo hin te’in, rakkinni ciniinnatanee ossiisa akka nu’uu fidu waan beennuuf, rakkinna keennalle’een ifi jajna. Ciniinnatanee ossiisille mirkaneessiisa Waaqaa fida; mirkaneessiis Waaqaalle addii fida.

Nuuti yennaa fayyine waan addi’iin eegataa jirrutti jira; wonni addii godhannu waan fudhanneerru yoo te’e, addii te’iisi isaa hin hafa. Waan fudhateeru ka addi’iin eegatu eennu ree? Waan hin fudhatin yoo addii godhanne ammoo, ossaan hin eeganna.

Waan hin fudhatin yoo addii godhanne ammoo, ossaan hin eeganna.

Addii qaddanuun gammada’a; rakkinna ossadha’a; yennaa mara daadimadha’a.

Addiin teessan hunna Ayyaana Woyyichaatiin ittuma akka guddattu, Waaqi addii namaaf kennu, isatti dhugeeffachuu keessaniin, gammadaa fi nageya maraan isin guutuu ti.

Addiin teessan hunna Ayyaana Woyyichaatiin ittuma akka guddattu, Waaqi addii namaaf kennu, isatti dhugeeffachuu keessaniin, gammadaa fi nageya maraan isin guutuu ti.

A fé é a certeza

A fé é a certeza do que se espera. Mantenhamos firme a confissão da esperança, pois fiel é o que prometeu.

Dhugeeffannaa

Dhugeeffannaa jechuun waan addi’iin eeggatamu tokko, «Dhuguma hin te’a» jedhanee fudhatiisa; waan ilaan hin dhaggine tokkolle akka waan dhaggamuutitti laakkowiisa.

Dhugeeffannaa

Dhugeeffannaa jechuun waan addi’iin eeggatamu tokko, «Dhuguma hin te’a» jedhanee fudhatiisa; waan ilaan hin dhaggine tokkolle akka waan dhaggamuutitti laakkowiisa.

Waaqi waadaa nu’uuf gale addatamaa waan te’eef, addii dhugeeffannee dhugaa baanuuf tana, kowa’a adoo asii fi achi hin jedhin jabeessinee qabanna.

Waaqi waadaa nu’uuf gale addatamaa waan te’eef, addii dhugeeffannee dhugaa baanuuf tana, kowa’a adoo asii fi achi hin jedhin jabeessinee qabanna.

Akkuma addiin Waaqi itti isin waame takkaa teete, nafa tokkoo fi Ayyaana tokkotti jira.

Addiin inni itti isin waame maan akka teete, eebbi baasaa ka inni kolbaa ifiitiif addii kennu durummaa attamii akka te’e, qalbiin teessan banantee ifa isaa akka dhaggitanu,

Waaqi dhossaa ifii ta ulfinna guutuu qaddu tana worra Yihudoota hin te’in oddu’utti, kolbaa ifiititti mudhisuu filateera. Dhossaan mudhatte tunille Kiristoosii isin keessa jiru; inni ulfinna isin dhaggattanuuf addii keessan.

Sababille Kiristoos Yesuusitti dhugeeffatuu keessanii fi kolbaa Waaqaa mara jaalachuu keessan dhageenneerra. Jecha Waaqaa ka teete Oduun Gammadaa, yennaa jalqaba gara keessan geette, addii isii keessa jirtu dhageettaneertan; tanaaf dhugeeffanna’aa fi jaalalli keessan addii ol-gubbaatti qophoottee, isin eegattu irratti hundootte.

Esperança e confiança

Eu sei os planos que tenho para vocês — planos de paz e esperança. Deus é a fonte de toda esperança.

Ani Yaada isiniif qabu hin beeka; yaad kunille yaada nageyaa, ka addii gara duraa isiniif kennu malee, ka isin miidhuu moti.

Ani Yaada isiniif qabu hin beeka; yaad kunille yaada nageyaa, ka addii gara duraa isiniif kennu malee, ka isin miidhuu moti.

Isin worri Mootii Waan Maraatitti addii godhattanu marti,

jabaadha’a; jajjabaadha’a.

Isin worri Mootii Waan Maraatitti addii godhattanu marti,

jabaadha’a; jajjabaadha’a.

Ee lubbuu tiyya maaf gaddita?

Na keessatti maaf jeeqanta?

Ani deebi’ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf,

Waaqa keetitti addii godhadhu.

Ee lubbuu tiyya maaf gaddita?

Na keessatti maaf jeeqanta?

Ani deebi’ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf,

Waaqa keetitti addii godhadhu.

Ati addee ani itti dhokadhu;

wontee tiyyalle’e.

Ani jecha keetitti addii godhadha.

Ati addee ani itti dhokadhu;

wontee tiyyalle’e.

Ani jecha keetitti addii godhadha.

Lubbuun tiyya

fayyisiisa keeti dharra’iisaan gaggaddi;

ani ammoo jecha keetitti addii godhadha.

Nami Waaqi Yaaqoobii qarqaarsa isaa te’e,

ka Mootii Waan Maraa

Waaqa ifii addii godhatu gammaduu ti.

Ee Waaqa kiyya, ani sitti addadha.

Akka fokkifadhu na hin godhin;

diinoti kiyya natti hin gammadin.

Worri addii sitti godhatu hin fokkifatu;

worri si’iif hin addatanne ammoo hin fokkifatan.

Esperança eterna

Somos salvos na esperança. Aquele que prometeu é fiel. A esperança está guardada nos céus para os que creem.

Badhaadha isaatiin balchoonnee, jiruu bara baraa ta addi’iin eegannu san akka dhaalluuf inni tana godhe.

Nuuti Waaqa jiraataa fayyisaa nama duudi’ii, keessattuu ka worra isatti dhugeeffatuu te’etti waan addannuuf huji’iin dadhabaa farralle dhaggina.

Ka hin duune isa qofa; inni ifa eennulle itti dhiyaatu’uuf hin dandeenne keessa le’a. Nami tokkolle isa hin dhaggine; eennulle isa dhaggu’uuf hin dande’u. Ulfinnii fi hunni bara baraa isaaf te’u! Ameen.

Worri amma biyya lafaa tanatti dureeyyii te’ane akka hin koorre, yookiin addii isaanii karra hin addachiinne irratti adoo hin te’in, akka ittiin gammannuuf Waaqa waan duuchii fakkansee nu’uuf kennutti akka addii godhatanu isaan ajaji.

Waaqa Abbaa keennaa duratti hujii dhugeeffannaa teessanii, jaalalaaf jettanee attam akka dadhaddanee fi addiin isin Goottaa keenna Yesuus Kiristoositti qaddanu attam jadduu akka teete hin qaabanna.

Dhufa Gootta’aa

Obboleeyyan tiyya! Akka namoota addii hin qannee akka hin gaddine, marroo worra du’ee dhugaa jirtu akka beettanu barbaanna. Yesuus du’ee, du’a keessaa akka ka’e hin dhugeeffanna; maarre Waaqi, worra Yesuusitti dhugeeffatee du’e, isa woliin deebisee akka fidu hin dhugeeffanna.

Addii akkanaa waan qannuuf, sodaa malee dubbanna.

Yoona dhugeeffannaan, addi’ii fi jaalalli, isaan sadiinuu jabaatanee jiraatan; isaan kana keessaa ka caalu ammoo jaalala.

Expressões de esperança

Vinde a mim todos os que estais cansados. A esperança adia a dor e floresce na presença do Senhor.

«Isin worri ba’aa ulfaattuu ba’atee dadhabe marti, gara kiyya kowa’a, ani isin foorfachiisa.

Oduu Gammadaa Ta Fayyinnaa

Ayyaanni Goottaa Mootii Waan Maraa na irra jira;

akka ani oduu gammadaa

worra cunqurfameef lallabu,

na muudeera.

Worra gadhaan isaanii madaye

akka ani fayyisuuf,

worra booji’ame akka ani bilisa baasuuf,

worra hidhame akka ani hiikuuf,

Mootiin Waan Maraa na ergeera.

Worri Mootii Waan Maraa addatu ammoo,

hunna ifii hin haareffatan.

Isaan akka risa’aa koolaan hin ka’an;

hin rukkisan; hin laafanu; hin ideeman; hin dadhabanu.

Ani ifiin, «Waaqi qooda kiyya;

tanaaf isatti addadha» jedhe.

Ani ammoo Mootii Waan Maraa addii hin godhadha; Waaqa fayyisaa kiyya hin eegadha; Waaqi kiyya naaf hin dhage’a.

Addiin yennaa turte gadhaa nama gaddisiitti;

halchaan muummotte ammoo

midhaan muka jiru’uu ti.

Addiin yennaa turte gadhaa nama gaddisiitti;

halchaan muummotte ammoo

midhaan muka jiru’uu ti.

Firmeza na esperança

Esperai no Senhor! O cavalo é vaidade para a segurança, mas o Senhor guarda os que nele esperam.

Ee Mootii Waan Maraa,

akkuma nuuti addii si godhane,

jaalalli keeti ka bara baraa nu irratti te’uu ti.

Ee Mootii Waan Maraa,

akkuma nuuti addii si godhane,

jaalalli keeti ka bara baraa nu irratti te’uu ti.

Lubbuun teenna addi’iin Mootii Waan Maraa eegatti;

inni qarqaaraa keenna; wontee teennalle’e.

Fardi lolaa injifatiisaaf addii bu’aa hin qanne;

jabeenni guddaan isaalle nama baasuu hin dande’u.

Ilti Mootii Waan Maraa ammoo worra isa sodaatu,

worra jaalala isaa ka bara baraatitti addatu ilaalti.

Inni du’a irraa isaan hambura;

bara beelaalle jiru’uun isaan eega.

Ani Mootii Waan Maraa eegadha;

Lubbuun tiyyalle hin eegatti;

addi’iin jecha isaa eegadha.

Lubbuun tiyya Waaqa qofa cadhittee eeggatti;

addiin tiyya isa irraa naa dhutti.

Ee Waaqa fayyisaa keenna,

hujii maade’ee

ta balchumma’aatiin deebii nuuf kennita.

Worri qaccee lafaa

abbaaya’aan gama fagoo jiru martille

addii sitti godhata.

Goottaa kiyya, amma ani maan eegadha ree?

Addiin tiyya si’i.

Ati Waaqa fayyisaa kiyya waan teeteef,

dhugaa teetiin na sooressii, na barsiisi;

ani yennaa mara addii si godhadha.

Ee Mootii Waan Maraa,

ganama qoonqoo tiyya hin dhageetta;

ganama mara si daadimadhee

deebii si irraa eegadha.

Worri rakkataan ammoo

yoomille hin dedhamanu;

addiin worra hiyyeeyyi’iille

haga bara baraa baddee hin hattu.

Mootiin Waan Maraa

Waan hantuu mara irraa si eega;

inni jiruu teeti hin eega.

Mootiin Waan Maraa bayaa fi gala keeti

ammaa jalqabee haga bara baraatitti hin eega.

Mootiin Waan Maraa

fuula kiyya dura akka naaf jiru,

ani yennaa mara hin beeka.

Inni midda kiyya waan jiruuf,

ani hin raafamu.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-