Pular para o conteúdo
Publicidade

Salmos 146

Waaqa Fayyisaa Leellisuu

1 Mootii Waan Maraa leellisa’a!

Ee lubbuu tiyya

Mootii Waan Maraa leellisi!

2 Ani bara le’ii tiyyaa mara

Mootii Waan Maraa leellisa;

haga jiru mara Waaqa kiyyaaf

faaruu leellisaa hin faarfadha.

3 Worra isin baasuu hin dandeenne,

qondaaltota ilmaan namaa

itti hin addatina’a!

4 Isaan yennaa du’anu,

gara biyye’ee deebi’an;

guyyuma san karoorri isaanii hin bada.

5 Nami Waaqi Yaaqoobii qarqaarsa isaa te’e,

ka Mootii Waan Maraa

Waaqa ifii addii godhatu gammaduu ti.

6 Mootiin Waan Maraa ol-gubbaaa fi lafa,

abbaaya’aa fi

waan isaan keessa jiru mara dade;

inni haga bara baraa

addatamummaa ifii hin eegata.

7 Inni worra cunqurfameef

haqaan mura;

worra beeloteef sagalee kenna.

Mootiin Waan Maraa

worra hidhame bilisa baasee,

8 worra ballaa ila bana.

Worra gad jedhe ol qaba;

worra balchaa jaalata.

9 Mootiin Waan Maraa alagaa hin eega;

inni ijoollee abba’aa fi haadha hin qannee fi

haadhotii hiyyeessaa hin qarqaara;

karaa worra hama’aa ammoo hin balleessa.

10 Ee Xiyoon,

Waaqi keeti Mootiin Waan Maraa,

dhalootaa haga dhalootaatitti,

haga bara baraa hin bulcha.

Mootii Waan Maraa leellisa’a.

Veja também