Espírito
O espírito humano é a parte mais profunda do nosso ser — onde Deus habita, onde a fé se ancora e de onde brota a verdadeira adoração. A Bíblia nos chama a viver pelo Espírito.
A natureza do espírito
O espírito está pronto, mas a carne é fraca. A batalha entre carne e espírito é constante e exige vigilância.
Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa kadhadhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha."
"Warri hafuuraan hiyyeeyyii taʼan eebbifamoo dha;
mootummaan samii kan isaaniitii.
Foon Hafuuraan ni mormaatii; Hafuurris fooniin ni morma. Isaan akka isin waan hojjechuu barbaaddan hin hojjenneef wal mormu.
Kanaafuu ani, "Hafuuraan jiraadhaa; yoos hawwii foonii hin guuttaniitii" jedha.
Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.
Nu erga Hafuuraan jiraannee kottaa Hafuuraan haa deddeebinu.
Yaadni foonii duʼa; yaadni Hafuuraa garuu jireenyaa fi nagaa dha.
O Espírito de Deus em nós
Vosso corpo é templo do Espírito Santo. Deus fortalece com poder no homem interior pelo seu Espírito.
Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Waaqa irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti; isin gatiin bitamtan; kanaafuu dhagna keessaniin Waaqaaf ulfina kennaa.
Namni Gooftaa wajjin tokko taʼe garuu Gooftaa wajjin hafuuraan tokko.
Hafuura isa keessa jiru malee yaada nama tokkoo eenyutu beeka? Akkasuma immoo Hafuura Waaqaa malee kan yaada Waaqaa beeku tokko iyyuu hin jiru.
Yoos ani maalan godha ree? Hafuura kootiin nan kadhadha; qalbii kootiinis nan kadhadha; hafuura kootiin nan faarfadha; qalbii kootiinis nan faarfadha.
Inni akkuma badhaadhummaa ulfina isaatti karaa Hafuura isaatiin namummaa keessan kan keessaa humnaan akka cimsuuf nan kadhadha; akka Kiristoosis karaa amantiitiin garaa keessan keessa jiraatuuf nan kadhadha. Akka isin hidda gad fageeffattanii jaalalaan dhaabattaniifis nan kadhadha;
Waaqni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan ulfinaa, akka isin guutummaatti isa beektaniif Hafuura ogummaa fi mulʼataa akka isinii kennu nan kadhadha.
Isin Hafuura ilmummaa isa nu ittiin, "Aabbaa, yaa Abbaa" jennee waammannu sana argattan malee Hafuura garbummaa kan gara sodaatti isin deebisu hin arganne. Akka nu ijoollee Waaqaa taane kan hafuura keenya wajjin dhugaa baʼus Hafuuruma sana.
Akka nu ijoollee Waaqaa taane kan hafuura keenya wajjin dhugaa baʼus Hafuuruma sana.
Isin Hafuura ilmummaa isa nu ittiin, "Aabbaa, yaa Abbaa" jennee waammannu sana argattan malee Hafuura garbummaa kan gara sodaatti isin deebisu hin arganne.
Yoo Kiristoos isin keessa jiraate garuu dhagni keessan sababii cubbuutiin duʼaa dha; hafuurri keessan immoo sababii qajeelummaatiin jiraataa dha.
Warri Hafuura Waaqaatiin qajeelfaman hundinuu ilmaan Waaqaatii.
Akkasumas Hafuurri dadhabbii keenya irratti nu gargaara. Nu waan kadhachuu qabnu hin beeknuutii; hafuurri mataan isaa garuu aaduu ibsamuu hin dandaʼamneen nuuf kadhata.
Gooftaa tajaajiluu keessatti hafuura gubaa qabaadhaa malee hinaaffaa hin dhabinaa.
Isinis akka humna Hafuura Qulqulluutiin abdiitti akka malee guddattaniif, Waaqni abdii sun isa amanachuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu.
Vida no Espírito
Deus é Espírito e importa que os que o adoram o adorem em espírito e em verdade. O Espírito vivifica e transforma.
Waaqni hafuura; warri isa waaqeffatanis Hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu."
Warri dhugaan waaqeffatan yeroon isaan itti hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa waaqeffatan tokko ni dhufa; amma iyyuu dhufeera; Abbaan warra akkasitti isa waaqeffatan barbaada. Waaqni hafuura; warri isa waaqeffatanis Hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu."
Nu warri utuu fuulli keenya hin haguugamin ulfina Gooftaa calaqqisnu hundi ulfina ittuma caalee guddachaa deemu kan Gooftaa Hafuura taʼe irraa dhufuun gara bifa isaatti geeddaramaa jirra.
Kanaafuu yaa jaallatamtoota, nu waan waadaawwan kanneen qabnuuf kottaa Waaqa sodaachaa qulqullina fiixaan baasuudhaan waan foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of qulqulleessinaa.
Waaqni hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.
Waaqni hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.
akka wanni narra gaʼe kun karaa kadhannaa keessaniitii fi karaa gargaarsa Hafuura Yesuus Kiristoosiin gara furamaatti naa geeddaramu nan beekaatii.
Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu. Ameen.
Promessas do Espírito
Derramarei o meu Espírito sobre toda a carne. O Espírito revela, guia e capacita os filhos de Deus.
Mormii koo qalbeeffadhaa;
ani yaada koo isinii nan dhangalaasa;
dubbii koos isiniifin ibsa.
Nama tokko karaan isaa hundi qulqulluu itti fakkaata;
yaada namaa garuu Waaqayyotu madaala.
Of tuuluun badiisaan dura,
of bokoksuunis kufaatiin dura deema.
Warra of tuulu wajjin boojuu qooddachuu mannaa,
hafuuraan gad of qabanii warra cunqurfame wajjin jiraachuu wayya.
Goota waraanaa irra nama obsa qabu,
nama magaalaa tokko boojiʼee fudhatu irra kan of qabu wayya.
Ibsaan Waaqayyoo hafuura namaa sakattaʼa;
inni keessa namaa illee isumaan qora.
Kanaafuu inni akkana naan jedhe; "Kun dubbii Waaqayyoo kan Zarubaabeliif kennamee dha: ‘Hafuura kootiin malee jabinaan yookaan humnaan miti’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
Bara Tola Waaqayyoo
Sababii Waaqayyo akka ani
hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef,
Hafuurri Waaqayyo Gooftaa narra jira.
Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf,
akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa,
warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera;
Ani garaa gargar hin qoodamne isaaniif nan kenna; hafuura haaraas isaan keessa nan kaaʼa; garaa isaanii isa dhagaa isaan keessaa baasee garaa foonii nan kennaaf. Isaanis sirna koo duukaa buʼu; seera kootiifis ni ajajamu. Isaan saba koo ni taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa.
Waaqayyo Gooftaan lafeewwan kanneeniin akkana jedha: Ani hafuura isinitti nan galcha; isinis lubbuudhaan ni jiraattu.
Cuidar do espírito
Cria em mim um coração puro e renova dentro de mim um espírito reto. O espírito quebrantado Deus não rejeita.
Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi;
Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi.
Fuula kee duraa na hin balleessin;
Hafuura kee Qulqulluus narraa hin fudhatin.
Gammachuu fayyina keetii naa deebisi;
na jiraachisuudhaafis hafuura sarmu naa kenni.
Aarsaan Waaqni fudhatu hafuura cabaa dha;
Yaa Waaqi, ati garaa cabaa fi kan gaabbu hin tuffatu.
Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha;
warra abdii kutatanis ni fayyisa.
Abdii keessan bulchitoota irra,
namoota duʼa hin oolle warra isin gargaaruu hin dandeenye irra hin kaaʼatinaa.
Isaan yeruma lubbuun isaan keessaa baatu gara lafaatti deebiʼu;
guyyuma sanas karoorri isaanii bada.
Dubbiin Waaqaa jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora.
Akkuma dhagni hafuura hin qabne duʼaa taʼe sana, amantiin hojii hin qabnes duʼaa dha.
Waaʼee Falmii Fooniin Mulʼachuu Kiristoos
Yaa michoota, hafuuronni kan Waaqaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaanii ilaaluuf qoradhaa malee hafuurota hunda hin amaninaa; raajonni sobduun hedduun addunyaa seenaniiru.
Inni waan Hafuura isaa irraa nuu kenneef nu akka isa keessa jiraannuu fi akka innis nu keessa jiraatu kanaan ni beekna.
Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, Abbaan keessan inni samii irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif Hafuura Qulqulluu haa kennuu ree!"
Isaanis waan akka arraba ibiddaa tokko isaa gargar qoodamee dhufee tokkoo tokkoo isaanii irra bubbuʼu argan. Hundi isaaniis Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii akkuma hafuurri sun isaan dandeessisetti afaan gara biraatiin dubbachuu jalqaban.
Jalqaba
Jalqabatti Waaqni samiiwwanii fi lafa uume. Lafti kan bifa hin qabnee fi duwwaa turte; dukkannis tuujuba irra ture; Hafuurri Waaqaas bishaan irra sosochoʼa ture.
Garuu hafuura nama keessa jiru,
hafuura Waaqni Waan Hunda Dandaʼu itti baafatutu hubannaa kennaaf.
Utuu funyoon meetii hin citin,
yookaan utuu waciitiin warqee hin cabin isa yaadadhu;
utuu okkoteen burqaa biratti hin caccabin,
yookaan utuu geengoon ittiin bishaan warraaban boolla bishaanii biratti hin cabin,
utuu biyyoon lafa turetti hin deebiʼin,
utuu hafuurris Waaqa isa kennetti hin deebiʼin isa yaadadhu.
Mallattoowwanii fi hojiiwwan dinqii kanneen Waaqni Waan Hundaa Olii naaf godhe isinitti himuun na gammachiisa.
Mallattoowwan isaa akkam gurguddaa dha;
dinqiin isaas akkam jabaa dha!
Mootummaan isaa mootummaa bara baraa ti;
bulchiinsi isaas dhalootaa hamma dhalootaatti jabaatee dhaabata.