Estudar a Bíblia
Estudar a Bíblia é mergulhar na mente de Deus. A Palavra é lâmpada para os pés, espada do Espírito e alimento para a alma. O cristão que estuda cresce em sabedoria e maturidade.
A importância do estudo
Os bereanos eram mais nobres porque examinavam as Escrituras diariamente. Estudar a Bíblia é mandamento e privilégio.
Yihudooti Berii’a jiranu worra Tasalonqe’ee caalaa yaada dansaa qaban. Isaan wonni Phawuloos dubbate dhugaa akka teete beekiisaaf, guyyuma guyya’aan fedhii guddo’oon Barreeffama Woyyicha qorqorane.
Ati akka hojjataa ilaallamee fudhatamee, ka hujii ifiititti hin fokkifanne, ka dubbii dhugaa Waaqaa sirri’itti barsiisuu, fuula Waaqaa duratti ifi dhiyeessiisaaf jabaadhu.
Ati Barreeffama Woyyicha, qarooma Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan fayyinni ittiin dhaggamu si’iif kenniisa dande’u ijoollummaa teetiin jalqaddee beetteerta. Barreeffam Woyyichi duudiin qajeelfama Ayyaana Waaqaatiin waan barreeffameef, dhugaa barsiisiisaaf, worra dokonkore xixiisaaf, balleessaa sirreessiisaa fi karaa balchumma’aatitti qajeelchiisaaf bu’aa qabeessa. Nami Waaqaa hujii dansaa maraaf ka dandeettii qabu te’ee, ka hidhatee qophowe akka te’u godha.
Haga ani dhufutti, Barreeffama Woyyicha kolba’aaf dubbisiisa, lallabiisaa fi barsiisiisatti jabaadhu.
Isin Barreeffama Woyyootaan waan jiruu bara baraa dhaggattanu seetanee, Barreeffama Woyyoota qorqortan. Barreeffam Woyyooti kunuu marroo tiyya dhugaa bayan!
Meditar e guardar
Não se aparte a lei do Senhor da tua boca. Medita nela de dia e de noite para que cumpras tudo o que nela está escrito.
Kitaab Seeraa kun afaan keeti keessaa hin dhabamin. Waan isa keessatti barreeffame duudii akka muummessitu, halkanii fi guyyaa isa yaadadhu; yoo tana goote, wonni marti qajeelaan sii teeti.
Jechi keeti miila kiyyaaf issa’a;
daandii tiyyaafille ifa.
Seera Waaqaa Jaalatiisa
Ani attam attam seera keeti jaaladha!
Ani guyyaa guutuu itti deddeebi’ee isa yaada.
Ajaji keeti yennaa mara na woliin waan jiruuf,
diinota kiyya caalaa qaroo na godha.
Ani seera keeti itti deddeebi’ee waan yaaduuf,
barsiisota tiyya mara caalaa qarummaa qaba.
Seera Mootii Waan Maraatiif Ajajamuu
Dargaggooti attamiin karaa ifii
qulqullumma’aan eegatiisa dande’an?
Karaa ifii akka jecha keetiititti eegatiisaan.
Ani gadhaa tokkochaan si barbaada;
ajaja keeti irraa akka goru na hin lakkisin.
Akka si hin yakkineef,
jecha keeti gadhaa kiyya keessatti dhoffadheera.
Ee Mootii Waan Maraa, ati ka leellifante;
seera keeti na barsiisi.
Ani qajeelfama afaan keetii baye mara,
afaan kiyyaan hin lallaba.
Akkuma nami durummaa guddo’otti gammadu,
ani qajeelfama keeti hordofiisatti
hin gammada.
Ani ajaja keeti irra deddeebi’ee itti hin yaada;
karaa keeti irraa ila tiyya hin buqqifadhu.
Ani seera keetiin hin gammada;
ani jecha keeti hin dedhu.
Muraa haqaa teeti yennaa baradhe,
ani gadhaa qajeela’aan si leellisa.
Estudo diligente
Esdras preparou o coração para buscar e ensinar a lei. O estudo exige disciplina, constância e coração aberto.
Hunni Waaqaa dansaan isa woliin waan jirtuuf, ji’a tokkeesso’oo guyyaa tokkeesso’ootitti Baabilonii ka’ee, ji’a shaneesso’oo guyyaa tokkeesso’ootitti Yerusaalem geye. Izraan seera Waaqaa qorqoree hujii irra oolchiisaaf, akkasuma ajaja Waaqaa, seeraa fi sirna Waaqaa kolbaa Israa’elii duudii barsiisiisaaf jiruu ifii duudii kenneera.
Mootii Waan Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti’ii fi hunna teeti maraan jaaladhu. Ajajoota ani adha si ajaju kana ijjumaa hin dedhin. Ajajoota kana irra deddeebi’iitii ijoollee teeti barsiisi. Yennaa mana teettu, yennaa karaa ideentu, yennaa irkattu fi yennaa kaatu marroo ajajoota kanaa dubbadhu. Beessisa akka sii te’uuf harka keeti irratti hidhadhu; adda keeti irralle’etti hidhadhu. Mikikkila balbala mana keetiitii fi seensuma karra teetii irratti barreessi.
Inni barcumaa mootummaa ifii irra yennaa tee’u, kitaaba Lewwoota hayyoota bira jiru ka seerri Waaqaa irratti barreeffameeru kana irraa barreeffatee, woraabbii tokko qabaatuu ti. Inni jechoota seeraa fi seerata kanaa mara eegatiisaan, muummessiisalle’een, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii sodaatiisa akka ittiin baratu, isa bira tee’uu ti. Inni bara jiruu ifii mara isa dubbisuu ti. Obboleeyyan ifii Israa’eloota irratti akka inni hin koorre, Israa’el keessatti mootummaan isaatii fi ijoolleen isaa bara dheeraa akka jiraatanu, ajaja Waaqaa irraa gara middaa yookiin gara bita’aa akka inni hin gorre isa eega.
Bu’aa Fakkeennaa
Fakkeenni Solomoonii ilma Daawitii, ka mootii Israa’elii ka asii gad jiranu:
Isaan kun namooti qarumma’aa fi
qajeelfama dansaa akka fudhatanu,
jechoota beekkumsa ifi keessaa qabanu,
akka hubatanu,
balchumma’aa fi haqaan,
waan dhugaa te’e godhiisaan,
amala qarumma’aatiin
qajeelfama akka fudhatanu,
worri beekkumsaan hin bilchaatin,
hubantii akka qabaatanu,
dargaggooti beekkumsaa fi,
qalbii akka qabaatanu qarqaaran.
Worri qarooleen fakkeenna kana caqasanee,
barumsa ifii itti ede’atanuu ti;
worri hubantii qabanulle
qajeelfama irraa fudhatanuu ti.
Akka kanaan isaan fakkeennaa fi mammaassa,
hiikkaa jedhi’iitii fi
hiibboo worra qaroole’eelle hin hubatan.
Gorsa Dargaggootaaf Kenname
Ilma kiyya, waan ani si barsiisu hin dedhin;
ajajoota kiyya gadha’atti qabadhu.
Isaan guyyoota sii ede’anee,
woggoota hedduu si leesisan;
qananumma’aa fi nageya sii kennan.
Gorsa sii kenname jabeessii qabadhu;
gad hin lakkisin;
jiruu teeti waan te’eef,
midhassii eegadhu.
Ajaji kun issa’a;
barsiisi kunille ifa;
qajeelfamaan sirreeffamiis
karaa jiru’uu ti.
Proteção e crescimento
Quem ignora a Palavra perece. Toda Escritura é útil — crescei na graça e no conhecimento do nosso Senhor.
Kolbaan tiyya beekkumsa dhabiisaan baddeerti; isin beekkumsa waan jibbitaneef, anille akka isin hayyoota naaf hin teene isin jibbe; isin seera ana Waaqa keessanii waan deetaneef, anille ijoollee teessan hin dedha.
Worra akka seera kanaatii fi akka dhugaa baya kanaatitti hin dubbanneef latti hin bariitu.
Yesuus isaaniin, «Isin akka malee dokonkortane! Maaf akka teete beettanii? Wonni akkana teeteef, isin Barreeffama Woyyicha yookiin hunna Waaqaa hin beettanu.
Ossaa fi jajjabeenna Barreeffam Woyyichi nuuf kennuun addii akka qabaannu, wonni Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffamane marti nu barsiisu’uuf barreeffante.
Isin ammoo, jaalota tiyya! Waan kana waan duruu beettanuuf dokonkora worra jalliye’eetiin harkifantanee ijjanoo teessan jadduu irraa akka hin banne, ifi eegadha’a. Ammoo badhaadhaa fi beekkuma Gootta’aa fi Fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin ittuma guddadha’a. Ammaa fi haga bara baraa ulfinni isaaf te’u! Ameen.
Raagoti badhaadha Waaqi isiniif kennu kana raagane, fayyinna kana akka maltetti qoranna’aa fi qu’annaa godhaneeran. Ayyaanni Kiristoosii ka isaan keessa jiru, rakkoo Kiristoos dhaqqadduu fi saniin duubatti ulfinna inni dhaggatu dursee waan isaanitti beessiseeruuf, yennaan tun yoomii fi attam akka muummottu qorqoraa turane.