Estudar a Bíblia
Estudar a Bíblia é mergulhar na mente de Deus. A Palavra é lâmpada para os pés, espada do Espírito e alimento para a alma. O cristão que estuda cresce em sabedoria e maturidade.
A importância do estudo
Os bereanos eram mais nobres porque examinavam as Escrituras diariamente. Estudar a Bíblia é mandamento e privilégio.
Yihuudoonni Beeriyaa Yihuudoota Tasaloniiqee irra qalbii qabeeyyii turan; isaanis fedhii guddaan dubbii sana fudhatanii akka wanni Phaawulos jedhe sun dhugaa taʼee fi akka dhugaa hin taʼin ilaaluuf jedhanii guyyuma guyyaan Katabbiiwwan Qulqulluu qorachaa turaniitii.
Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjetaa qoratamee fudhatame kan itti hin qaanofne taʼiitii fuula Waaqaa duratti of dhiʼeessuuf tattaaffadhu.
akkasumas ati ijoollummaa keetii jalqabdee Katabbiiwwan Qulqulluu kanneen waaʼee fayyina karaa Kiristoos Yesuusitti amanuutiin argamu sanaaf ogeessa si taasisuu dandaʼan akkamitti akka baratte ni beekta. Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Waaqaatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu; kunis akka namni Waaqaa hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.
Hamma ani dhufutti Katabbii Qulqulluu namootaaf dubbisuutti, gorsuu fi barsiisuutti jabaadhu.
Isin Katabbiiwwan Qulqulluudhaan jireenya bara baraa arganna jettanii waan yaaddaniif Katabbiiwwan Qulqulluu sana qorattu. Katabbiiwwan Qulqulluun kunneenis waaʼee koo dhugaa baʼu;
Meditar e guardar
Não se aparte a lei do Senhor da tua boca. Medita nela de dia e de noite para que cumpras tudo o que nela está escrito.
Kitaabni Seeraa kun afaan keetii hin buʼin. Waan isa keessatti barreeffame hunda gochuuf akka of eeggattuufis halkanii guyyaa itti yaadi. Akkasiinis ati ni badhaata; ni milkooftas.
Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha;
daandii kootiif immoo ifa.
Ani seera kee akkaman jaalladha!
Guyyaa guutuu irra deddeebiʼee waaʼee isaa nan yaada.
Ajajawwan kee waan yeroo hunda na wajjin jiraniif,
diinota koo caalaa ogeessa na godhan.
Ani sababiin irra deddeebiʼee seera kee yaaduuf,
barsiisota koo hundumaa caalaa hubannaa qaba.
Dargaggeessi akkamitti jireenya qulqulluu jiraachuu dandaʼa?
Akka dubbii keetiitti jiraachuudhaan.
Ani garaa koo guutuudhaan sin barbaada;
akka ani ajajawwan kee irraa jalʼadhu na hin godhin.
Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef,
dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.
Yaa Waaqayyo, galanni siif haa taʼu;
sirna kee na barsiisi.
Ani seera afaan keetii baʼu hundumaa,
afaan kootiin nan dubbadha.
Akkuma namni tokko badhaadhummaa guddaatti gammadu,
ani ajaja kee faana buʼuutti nan gammada.
Ajajawwan kee irra deddeebiʼee nan yaada;
karaa kee irraas ija koo hin buqqifadhu.
Ani sirna keetti nan gammada;
dubbii kees hin dagadhu.
ג Giimeel
Ani yommuun seera kee qajeelaa sana baradhutti,
garaa tolaadhaan sin galateeffadha.
Estudo diligente
Esdras preparou o coração para buscar e ensinar a lei. O estudo exige disciplina, constância e coração aberto.
Innis bultii tokkoffaa jiʼa jalqabaatti karaa isaa Baabilonii jalqabee bultii tokkoffaa jiʼa shanaffaatti Yerusaalem gaʼe; harki Waaqa isaa tolaan sun isa irra tureetii. Izraan Seera Waaqayyoo quʼachuu fi eeguudhaaf akkasumas labsii fi ajaja seerichaa Israaʼel keessatti barsiisuudhaaf of kennee tureetii.
Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan Waaqayyo Waaqa kee jaalladhu. Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi. Akka mallattootti harkatti hidhadhu; adda kee irrattis maxxanfadhu. Michichilawwan balbala mana keetiitii fi karrawwan kee irrattis isaan barreessi.
Inni yommuu teessoo mootummaa isaa irra taaʼutti garagalchaa seera kanaa luboota Lewwota taʼan irraa fudhatee kitaaba maramaa irratti ofii isaatii haa barreeffatu. Inni akka Waaqayyo Waaqa isaa sodaachuu baratuuf dubbii seera kanaa hundaa fi ajajawwan kanneen of eeggannaadhaan duukaa buʼuuf kitaabichi isa wajjin haa turu; innis bara jireenya isaa guutuu haa dubbisu; kunis akka inni akka waan obboloota isaa caaluutti of ilaalee seericha irraa gara mirgaatti yookaan bitaatti hin gorreef. Akkasiinis innii fi sanyiin isaa mootummaa isaa irratti Israaʼel keessatti bara dheeraadhaaf ni mooʼu.
Fakkeenya Solomoon Ilma Daawit, mootii Israaʼel:
Ogummaa fi qajeelfama qabaachuudhaaf,
dubbii beekumsa guddaa hubachuudhaaf;
ogummaadhaan jiraachuudhaan, qajeelummaadhaan,
murtii qajeelaa kennuu fi nama wal qixxeessuudhaan qajeelfama argachuudhaaf;
warra waa hin beekneef of eeggannoo kennuudhaaf,
dargaggootaaf immoo beekumsaa fi hubannaa kennuudhaaf,
ogeeyyiin dhaggeeffatanii barumsa isaanii irratti waa haa dabalatan;
warri qalbii qabanis qajeelfama haa argatan;
kunis fakkeenyaa fi hiikkaa,
jechaa fi hibboo ogeeyyii hubachuudhaaf.
Eebba Ogummaa
Yaa ilma ko, barumsa ani siif kennu hin dagatin;
ajaja koos garaatti qabadhu;
isaan bara baayʼee fi umurii dheeraa,
nagaa fi badhaadhummaa siif dabaluutii.
Qajeelfama jabeessii qabadhu; gad hin dhiisin;
waan inni jireenya kee taʼeef jabeessii eeggadhu.
Ajajni kun ibsaadhaatii;
barsiisni kunis ifa;
sirreeffamni amalaa immoo karaa jireenyaa ti;
Proteção e crescimento
Quem ignora a Palavra perece. Toda Escritura é útil — crescei na graça e no conhecimento do nosso Senhor.
sabni koo beekumsa dhabuudhaan badeera.
"Waan ati beekumsa tuffatteef
anis akka ati luba naaf hin taaneef si tuffadheera;
sababii ati seera Waaqa keetii gatteef
anis ilmaan kee nan gata.
Akka seeraa fi dhuga baʼumsa sanaatti jiraadhaa! Isaan yoo akka dubbii kanaatti dubbachuu baatan ifa barii hin qaban jechuu dha.
Yesuus immoo akkana jedhee deebise; "Isin waan Katabbiiwwan Qulqulluu yookaan humna Waaqaa hin beekneef dogoggortu mitii?
Nu akka obsaa fi jajjabina Katabbiiwwan Qulqulluun kennaniin abdii qabaannuuf wanti duraan barreeffame hundi barumsa keenyaaf barreeffameetii.
Yaada Xumuraa
Kanaaf yaa michoota jaallatamoo, isin sababii duraan dursitanii waan kana beektaniif akka dogoggora finciltootaatiin fudhatamnii hundee jabaattanii irra dhaabattan irraa hin kufneef of eeggadhaa. Garuu ayyaanaa fi beekumsa Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin guddadhaa.
Ammas, bara baraanis ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.
Raajonni waaʼee ayyaana isinii kennamuuf jiru sanaa dubbatan sun itti jabaatanii waaʼee fayyina kanaa qorachaa, iyyaafachaas turan; isaanis yommuu Hafuurri Kiristoos inni isaan keessa ture sun waaʼee dhiphina Kiristoosiitii fi waaʼee ulfina itti aanu sanaa duraan dursee dubbatetti yoomii fi haala akkamii keessa akka taʼu beekuuf yaalaa turan.