Falar
A Bíblia tem muito a ensinar sobre a arte de falar. As palavras têm poder de vida e de morte — podem edificar ou destruir, curar ou ferir, aproximar ou afastar.
O poder das palavras
A morte e a vida estão no poder da língua. A palavra branda desvia a ira, mas a palavra dura suscita o furor.
Arrabi hunna du’aa fi jiru’uu qaba;
worri isa jaalatu bu’aa isaa hin nyaata.
Deebiin dansaan aarii qabbaneessiti;
jechi jabaan aarii kakkaasa.
Arrabi dansaan muka jiru’uu ti;
arrabi dabaan ammoo yaada namaa cassa.
Nami deebii malte namaaf deebisiisaan gammada;
dubbiin yennaa isi’ii maltetti
dubbatantu attam attam dansa’a!
Gorsi yoo hin jiraatin karoorri hin milkowu;
gorsitooti yoo heddatte ammoo
karoorri hin milkowa.
Falar com sabedoria
No muito falar não falta transgressão. A boca do justo fala sabedoria, e quem guarda os lábios guarda a si mesmo.
Jechoota bacaa keessaa,
cubbuun hin dhabantu;
nami arraba ifii eegatu ammoo qaro’o.
Nami afaan ifii eegatu,
jiruu ifii eegata;
ka ifi eegataa hin dubbanne ammoo hin bada.
Gowwaanuu yoo cadhise qaroo fakkaata;
afaan ifiille yoo qabate
akka hubata’aatitti ilaallama.
Nami hamatu dhossaa eegee hin dande’u;
nami addatamaan ammoo dhossaa eega.
«Ati worra ifiif dubbatuu hin dandeenneef dubbadhu;
worra qarqaarsa hin qanne maraaf falmadhu.
Dubbiin afaan nama qaro’oo keessaa baatu, fudhatama qaddi; nami gowwaan ammoo dubbuma ifiitiin bada.
Falar a verdade
Cada palavra ociosa será pesada no dia do juízo. Fale a verdade, edifique com a boca e confesse Cristo com os lábios.
Ani isinitti hima, guyyaa mura’aa dubbii gadhee afaan keessanii baate maraaf deebii kennitan;
«Obboleessi keeti yoo si yakke, dhaqii lafa isin lamaan qofi jirtanutti yakkaa isaa itti himi. Inni yoo si dhage’e, ati deebittee obboleessa keeti isa godhatta.
«Yennaa daadimattanu akka worra Yihudoota hin te’inii, jecha bu’aa hin qanne itti hin deddeebi’ina’a; isaan heddummaa jechoota isaaniitiif, waaqi waan isaaniif dhage’u seyan.
Tanaaf wonni isin dukkana keessatti dubbattane, ifa guyya’aatitti bayee hin dhage’ama, wonni isin diinqa cufamaa keessatti qofuu haasottane guutuu manaa irratti hin lallabama» jedhe.
Nami dansaan dansummaa gadhaa ifii keessaa waan dansaa baasa; nami hamaalle hammeenna gadhaa ifii keessaa waan hamaa baasa. Waan gadhaa guute afaan dubbata.
Yesuus Goottaa akka te’e, afaan keetiin yoo dhugaa baate, Waaqi du’a keessaa akka isa kaaselle, gadhaa keessatti yoo dhugeeffatte, ati hin fayyita.
Akkuma kana Ayyaanni dadhabbii teenna nu qarqaara; attam akka daadimannu nuuti waan hin beenneef, Ayyaanni ammoo aaduu dubbi’iin himantee hin dandeenneen nu’uuf daadimata.
Edificar com palavras
Não saia da boca nenhuma palavra torpe. Sejam prontos para ouvir, tardios para falar, e tardios para a ira.
Dubbii bu’aa qadduu fi akka barbaachittetti ta ijaartu, worra dhage’uufille badhaadha ta kennitu malee, dubbiin hantuun afaan keessanii hin bayin.
Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, tana hubatuu qaddan! Nami martinuu dhage’iisaaf ka ariifate, dubbatiisaa fi aariisaaf ka hin ariifanne te’uu ti;
Nuuti martinuu dokonkora hedduu goona; nami dubbii ifiitiin hin dokonkorre, nama nafa ifii duudii toowatuu dande’u, nama miju’u.
Eebbisa’a malee, hammeenna hammeennaan, arraba arrabaan hin deebisina’a; sababille isin waan akkasii kana godhiisaan eebba akka dhaaltanuuf waammantane.
Ijoolle! Dubbi’iin yookiin afaan calla’aan adoo hin te’in, huji’ii fi dhuga’aan wol jaalannuu ti.
Mootii Waan Maraa galateeffadha’a;
maqaa isaa waammadha’a;
waan inni huje
gosa biyya adda addaa oddu’utti beessisa’a.
Guyyaa guutuu leellisii fi ulfinni keeti
afaan kiyya guuteera.