Família
A família é a primeira instituição criada por Deus. Ele a projetou para ser escola de amor, fé e formação de caráter. A Bíblia honra a família e nos ensina a cuidar dela.
Eu e minha casa
Eu e minha casa serviremos ao Senhor. A família que serve a Deus juntos permanece unida e fortalecida em todas as circunstâncias.
Yoo isin isa waaqonfatiisaaf fedha hin qabaatin ammoo, waaqota abbootiin teessan ta durii laga Efraaxiisiitiin gamatti waaqonfatte yookiin waaqota Amoorotaa ka lafa isin amma keessa le’aartanuu waaqonfatiisaaf murteeffadha’a. Anii fi maatiin tiyya ammoo Mootii Waan Maraa hin waaqonfanna» jedhe.
Yoo isin isa waaqonfatiisaaf fedha hin qabaatin ammoo, waaqota abbootiin teessan ta durii laga Efraaxiisiitiin gamatti waaqonfatte yookiin waaqota Amoorotaa ka lafa isin amma keessa le’aartanuu waaqonfatiisaaf murteeffadha’a. Anii fi maatiin tiyya ammoo Mootii Waan Maraa hin waaqonfanna» jedhe.
Isaan deebisanee, «Goottaa Yesuusitti dhugeeffadhu; ati hin fayyita; maatiin teetille hin fayyiti» jedhane.
Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna abbootii teenna ta durii woliin akkuma jiraate, nu wolille’een jiraatuu ti; inni nu hin lakkisin; nu hin gatinille’e.
Criar os filhos
Instrui a criança no caminho em que deve andar. O lar é a primeira escola de fé e obediência.
Ijoollee karaa sirri’ii barsiisi;
yennaa dulloomanelle isaan
karaa san irraa hin goranu.
Ijoollee karaa sirri’ii barsiisi;
yennaa dulloomanelle isaan
karaa san irraa hin goranu.
Ilma kiyya, gorsa abbaa keetii dhage’i;
barsiisa haadha teetiille hin lakkisin
Barsiisi isaanii,
mataa keetiif akka kallacha ulfinnaa ti;
morma keetiifille,
akka meya seesaaf diramee ti.
Gaarayyeeffatiisa Irraa Ifi Eeggatiisa
Ilma kiyya, ajaja abbaa keetii eegadhu;
barsiisa haadha teetiille hin lakkisin.
Ajajoota ani adha si ajaju kana ijjumaa hin dedhin. Ajajoota kana irra deddeebi’iitii ijoollee teeti barsiisi. Yennaa mana teettu, yennaa karaa ideentu, yennaa irkattu fi yennaa kaatu marroo ajajoota kanaa dubbadhu.
Ajajoota ani adha si ajaju kana ijjumaa hin dedhin. Ajajoota kana irra deddeebi’iitii ijoollee teeti barsiisi. Yennaa mana teettu, yennaa karaa ideentu, yennaa irkattu fi yennaa kaatu marroo ajajoota kanaa dubbadhu.
Abbootii! Ijoollee teessan adabaa fi gorsa Gootta’aatiin guddisa’a malee, akka aartu hin godhina’a.
Abbootii! Ijoollee teessan adabaa fi gorsa Gootta’aatiin guddisa’a malee, akka aartu hin godhina’a.
Ijoolle’ee Fi Worra Isaanii
Ijoolle! Waan barbaachisaa te’eef, abbooti’ii fi haadhotii teessaniif akka Goottaan fedhutti ajajama’a. «Abba’aa fi haadha teeti ulfeessi» ajaja jedhu woliin addiin qara kennante:
Honrar e amar
Honra teu pai e tua mãe. A família funciona com perdão, paciência e amor incondicional entre todos os seus membros.
«Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si’iif kennu keessatti bara dheeraa akka leetu, abba’aa fi haadha teetiif ulfinna kenni.
«Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si’iif kennu keessatti bara dheeraa akka leetu, abba’aa fi haadha teetiif ulfinna kenni.
haadhaa fi abbaa keetiif ulfinna kenni; ammalle, ollaa keeti akka mataa keetii jaaladhu› ka jedhu» jedheen.
Yesuus Dhirsaa Fi Niitiin Akka Wol Hin Lakkinne Barsiise
Yesuus yennaa dubbii tana dubbatee fixe, Galiilaa lakkisee laga Yordaanosiitiin gama gara lafa Yihuda’aa dhaqe. Gumiin guddoon isa hordottee, innille achitti isaan fayyise.
Worri Fariisaayotaa gariin gara Yesuusii dhufanee, haga isa ilaaliisaaf barbaadanee, «Nami tokko Sababuma fedheefuu haadha manaa ifii lakkisuun seeraa?» jedhanee isa gaafatane.
Yesuus deebisee, «Waaqi jalqaba, ‹dhiiraa fi dubartii› tolchee akka isaan dade hin dubbinnee?» jedhe. Itti dabaleelle, «Waan kanaaf nami haadhaa fi abbaa ifii hin lakkisa, haadha manaa ifiitiin wolitti maxxana; lamaanuu foon tokko hin te’an. Maarre isaan haganaa achi foon tokko malee, lamaa moti. Tanaaf waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin» jedhe.
Fariisaayoti, «Abbaan manaa woraqata lakkeessaa kenneefii akka isii lakkisu, Muuseen maaf ajaje ree?» jedhaneen.
Yesuus deebisee, «Sababa mataa-jabeenna keessaniitiif Muuseen akka isin haadhotii manaa teessan lakkittanu isinii eeyyame malee, jalqaba irratti akkasii moti. Anille isiniin jedha, yoo isiin gaarayyeeffatte malee, nami haadha manaa ifii lakkisee ta dhibii fuudhu, hin gaarayyeeffata» isaaniin jedhe.
Barattooti isaa deebisanee, «Wonni abbaa manaatii fi haadha manaa yoo akkas teete, fuudhuu dhabuu woyya» jedhaneen. Yesuus deebisee, «Worra kennanteef malee, barsiisa kana nami marti dande’ee hin fudhatu. Worri guneessa te’anee dhalatane jiran, worri harka namaatiin guneessa te’anelle jiran, worri mootummaa Waaqaatiif jedhanee guneessa ifi godhaneelle jiran. Nami kana fudhatiisa dande’u fudhatuu ti» isaaniin jedhe.
Yesuus Ijoollee Didiqqoo Eebbise
Achiin duuba akka Yesuus harka ifiitiin qaqqabee daadimatuuf ijoollee didiqqoo gara isaa fidane. Barattooti isaa ammoo worra ijoollee fide xixane; Yesuus ammoo, «Mootummaan Waaqaa ta worra akkasii waan teeteef, ijoollee lakkisa’a, gara kiyya dhuttuutii hin dhooggina’a» jedhe. Innille harka ifiitiin ijoollee qaqqabee achii ka’ee deeme.
Namicha Dargaggeessa Dureessa
Achiin duuba namichi tokko gara Yesuusii dhufee, «Barsiisa’a, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf, hujii dansaa maan hujuu qaba?» jedheen.
Yesuus deebisee, «Marroo hujii dansa’aa maaf na gaafatta? Dansaan Waaqa tokkocha qofa. Jiru’utti galiisaaf yoo feete, ajajoota Waaqaa eegadhu» jedheen.
Namichi dargaggeessi, «Ajajooti kam inni?» jedheen. Yesuus deebise, « ‹Hin ijjeesin; hin gaarayyeeffatin; hin hatin; dharaan dhugaa hin bayin; haadhaa fi abbaa keetiif ulfinna kenni; ammalle, ollaa keeti akka mataa keetii jaaladhu› ka jedhu» jedheen. Dargageessille deebisee, «Ani ajajoota kana eegadheera; ammaa wonni narraa dhidhateeru maan?» jedhe. Yesuus deebisee, «Ka dhidhuu hin qanne te’uu yoo feete, dhaqii, waan qaddu mara gurgurii beesee hiyyeeyyi’iif kenni; ol-gubba’atti karra hin qabaatta; achiin duuba koyiitii, na hordofi» jedheen.
Dargaggeessi sun tana yennaa dhage’e, karra guddoo waan qabuuf, gaddaa achii deeme.
Achiin duuba Yesuus barattoota ifiitiin, «Ani dhuguma isinitti hima, nami dureessi mootummaa ol-gubba’aatitti galiisi guddoo rakkisa’a. Ammalle ani isinitti hima, nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisa irra gaalli qowa limmo’oo keessa hulluuqiisatti irra kaso’o» jedhe.
Barattooti isaa yennaa tana dhage’ane, guddoo maalalanee, «Eentu fayyuu dande’a ree?» jedhane.
Yesuus ammoo gara isaanii ilaalee, «Wonni kun namaaf hin dande’antu, Waaqaaf ammoo wonni marti hin dande’anti» jedhe.
Achiin duuba Pheexroos deebisee, «Ilaa, nuuti waan mara lakkinnee si hordonneerra. Nuuti maan dhaggatu’uu jirra ree?» jedhe.
Yesuus deebisee, «Ani dhuguma isinitti hima, biyya lafaa haareya dhuttutti, Ilmi Namaa barcumaa mootummaa ulfinna ifii gubbaa yennaa tee’u, isin worri na hordottanelle barcumaa mootumma’aa kudhanii lama gubbaa teettanee, gosa Israa’elii kudhanii lamatti murtan. Nami naaf jedhee mana yookiin obboleessa yookiin obboleettii yookiin abbaa yookiin haadha yookiin ijoollee yookiin fichaa lakkise, dachaa dhibba hin fudhata; jiruu bara baraalle hin dhaggata. Ammoo worri hedduun amma dura jiru worra duuba jiru hin te’a; worri duuba jirulle worra dura jiru hin te’a» isaaniin jedhe.
Akkuma Waaqi karaa Kiristoosiitiin isiniif araarame, woliif araarama’a, woliif arjooma’a, gadhaalle woliif laafa’a.
Te’uu malee, isin martinuu akkuma ifi jaalattanu haadha manaa teessan jaaladha’a; haati manaalle abbaa manaa ifii ulfeessituu ti.
Eennulle «Ani Waaqa hin jaaladha» jedhaa, obboleessa ifii ammoo yoo jibbe, inni dharaamessa; obboleessa ifii ka ilaan dhaggu ka hin jaalanne, Waaqa ilaan hin dhaggine jaalatuu hin dande’u.
Cuidar da família
Quem não cuida dos seus negou a fé. A família é responsabilidade sagrada — prover, proteger e abençoar é mandamento divino.
Nami tokko fira ifiitiif, keessattuu maatii ifiitii ka hin qarqaarre, nama dhugeeffannaa ifii mormate; inni nama hin dhugeeffatin caalaalle hama’a.
Nami tokko fira ifiitiif, keessattuu maatii ifiitii ka hin qarqaarre, nama dhugeeffannaa ifii mormate; inni nama hin dhugeeffatin caalaalle hama’a.
Isiin ijoollee yookiin akkoowwan yoo qabaatte ammoo, ijoolleen sun duraan dursitee maatii ifii qarqaaraa, haadhaa fi abba’aaf, akko’oo fi akaakoo ifiitille’eef haluu guddisaa isaaniif deebisaa, dhugeeffannaa ifii huji’iin mudhisiisa baratanuu ti. Sababille wonni kun Waaqa hin gammachiitti.
Gargar Bayiisa Wolde’a Kiristaanaa Keessa Jiru
Obboleeyyan tiyya, gargar bayiisi odduu teessanitti hin jiraatin; isin duudiin waan dubbattanutti akka wolii galtanu, yaadaa fi akeettii takka’aan jabaattanee akka leetanu maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin gorsa.
Ijoolleen kennansa Mootii Waan Maraa ti;
midhaan gadaamessaa,
eebba isaa ti.
Ilmaan dargaggumma’aan uumatanu,
akka daaya harka loltootaa keessa jirtuu ti.
Nami ilmaan akka daayaa mana guutate
gammaduu ti;
diinota ifii woliin
karra qacha’aa keessatti yennaa wol falme,
inni hin qaanowu.
Jaalalli bara baraa
ka Mootii Waan Maraa ammoo
bara baraa haga bara baraatitti,
worra isa sodaatu woliin hin jiraata;
balchummaan isaalle
ijoollee ijoollee isaa woliin hin jiraatti.
Kunille worra gondooroo isaa eegatanuu fi
worra ajaja isaa muummessiisaaf qaabatanuuf te’a.
Jaalalli bara baraa
ka Mootii Waan Maraa ammoo
bara baraa haga bara baraatitti,
worra isa sodaatu woliin hin jiraata;
balchummaan isaalle
ijoollee ijoollee isaa woliin hin jiraatti.
Kunille worra gondooroo isaa eegatanuu fi
worra ajaja isaa muummessiisaaf qaabatanuuf te’a.
Jaalala Kolbaa Waaqaa
Faaruu Daawitii Ta Ittiin Ol Bayanu
Kolbaan Waaqaa
tokkumma’aan yennaa woliin leetu,
attam attam dansa’a;
attam attam nama gammachiisa!
Unidade familiar
A coroa dos velhos são os filhos dos filhos. O casamento, os filhos e a comunhão familiar são bênçãos de Deus.
Ilmaan ilmaan isaanii
maanguddootaaf kallacha isaanii ti;
worri ijoollee ifiitiif ulfinna isaanii ti.
Ilmaan ilmaan isaanii
maanguddootaaf kallacha isaanii ti;
worri ijoollee ifiitiif ulfinna isaanii ti.
Jaalli yennaa mara si jaalata;
obboleessille yennaa rakko’ootiif dhalata.
Jaaloti gariin nama balleessiti;
jaaloti obboleessa caalaa
namatti dhikaatanulle ammoo hin jiran.
Jaalota teetii fi jaalota abbaa keetii hin lakkisin;
yennaa rakkinnaa mana obboleessa keetii hin dhaqin;
obboleessa fagoo jiruu mannaa,
ollaa dhikoo jiru woyya.
Kudhanii Sadeessoo
Ilma kiyya, ati qaroo yoo teete,
gadhaan kiyya hin gammada.
Abbaan nama balcha’aa gammada guddaa qaba;
ka ilma qaroo qabulle isatti hin gammada.
Fakkeenna Solomoonii
Fakkeenni Solomoonii
ka asii gad jiru:
ilmi qaroon abbaa ifii gammachiisa;
ilmi gowwaan haadha ifii gaddisiisa.
Hujii alaa fixadhuu,
fichaa keeti qopheeffadhu;
achiin duuba mana keeti ijaaradhu.
Nami joljolaan maatii ifii irratti rakkoo fida;
nami safuu jibbu ammoo hin le’a.
Nami maatii ifii rakkisu,
harka duwwaa hin hafa;
gowwaan tajaajilaa qaro’oo hin te’a.
Casamento e família
O homem deixará pai e mãe e se unirá à sua mulher. A família começa no casamento — aliança sagrada diante de Deus.
Tanaaf nami abba’aa fi haadha ifii hin lakkisa niitii ifii woliin hin tokkooma; isaanille foon tokko hin te’an.
Waaqi, «Hora’a, heddadha’a, lafa guuta’a, harkatti isii galfadha’a! Qurxummii abbaaya’aa irratti, sinbirroottan irratti, dada lafa irra munyuuqanu mara irratti baallii qabaatanuu ti» jedhee isaan eebbise.
Jiruu teetii fi biyya lafaa ta irratti eloottu keessatti tun hiree teeti waan teeteef, bara jiru’uu ka bu’aan hin qanne ka Waaqi si’iif kenne kana mara keessatti, niitii teeti ta jaalattu woliin gammadi!
Jalqabatti yennaa dadi dadantu, ‹Waaqi dhiiraa fi dubartii dade;› ‹Waan kanaaf nami tokko abba’aa fi haadha ifii lakkisee ibidda ifii woliin wol qabatan. Isaan lachuu tokko te’an.› Maarre yoona isaan foon tokko malee lamaanii moti. Waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin!» isaaniin jedhe.
Isin adoo hamoota teetanuu, waan dansaa ijoollee teessaniif kenniisa yoo beettane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee worra isa gaafatuuf Ayyaana Woyyicha kennuu dhaba!» jedhe.
Mootiin Waan Maraa, «Haati annuu ifii ta hoosittu
dedhuu dandeettii?
Yookiin finna ifii ta deetteef hin marartuu ree?
Haati annuu ifii deetulle ani ijjumaa Xiyoon hin dedhu.
Ee Xiyoon, kunoo ani ganaa harka kiyyaa irratti
si barreeffadheera;
dalleenni keeti ka dhaka’aan ijaarame
yennaa mara fuula kiyya dura jira.
Jaalota tiyya! Nuuti ijoollee Waaqaa ti; duuba maan akka teenu haga ammaatitti beekkamee hin jiru. Te’uu malee yennaa Kiristoos deebi’ee dhufu akkuma inni jiruun waan isa dhagginuuf, akka isaa akka teenu hin beenna. Nami Kiristoositti addii tana qabu mara, akkuma Kiristoos qulqullichaa ifi hin qulqulleessa.