Filhos
Os filhos são herança do Senhor — bênção e responsabilidade sagrada. A Bíblia orienta sobre a criação dos filhos com amor, disciplina e instrução nos caminhos de Deus.
Herança do Senhor
Os filhos são herança do Senhor e o fruto do ventre é seu galardão. Bem-aventurado o homem que enche deles a sua aljava.
Ijoolleen kennansa Mootii Waan Maraa ti;
midhaan gadaamessaa,
eebba isaa ti.
Ilmaan dargaggumma’aan uumatanu,
akka daaya harka loltootaa keessa jirtuu ti.
Nami ilmaan akka daayaa mana guutate
gammaduu ti;
diinota ifii woliin
karra qacha’aa keessatti yennaa wol falme,
inni hin qaanowu.
Nami Mootii Waan Maraa sodaatu marti,
ka karaa isaa ideemu ka gammade.
Waan harka keetiin eloottee
dhaggatte hin nyaatta;
ati hin gammadda; hin milkoottalle’e.
Niitiin teeti mana keeti keessatti,
akka muka woyni’ii
ka midhaan buusuu hin teeti;
ijoolleen teeti adaala qorii teetiititti,
akka lattuu muka ejersaa hin teeti.
Nami Mootii Waan Maraa sodaatu
akkana hin eebbifama.
Nami Mootii Waan Maraa sodaatu marti,
ka karaa isaa ideemu ka gammade.
Waan harka keetiin eloottee
dhaggatte hin nyaatta;
ati hin gammadda; hin milkoottalle’e.
Niitiin teeti mana keeti keessatti,
akka muka woyni’ii
ka midhaan buusuu hin teeti;
ijoolleen teeti adaala qorii teetiititti,
akka lattuu muka ejersaa hin teeti.
Ilmaan teenna dargaggummaa ifiitiin
akka biqiltuu guddinna toltee,
ijoolleen durraa teenna
akka utubaa mana mootumma’aa seesiisaaf
bocamee te’anuu ti.
Sanyiin isaa lafa san keessatti
worra jabaa hin te’an;
dhalooti worra qajeela’aa hin eebbifanti.
Waaqi, «Hora’a, heddadha’a, lafa guuta’a, harkatti isii galfadha’a! Qurxummii abbaaya’aa irratti, sinbirroottan irratti, dada lafa irra munyuuqanu mara irratti baallii qabaatanuu ti» jedhee isaan eebbise.
Ijoolleen teeti, midhaan fichaa keetiitii fi jabbileen loon keetii, ilmooleen hoole’ee fi re’ee teeti hin eebbifaman.
Ati kolbaa dhibii caalaa hin eebbifanta; nama keeti keessaa dhiirtii fi dubartiille finna hin dhabanu; horii keeti keessalle’ee ka maseenu hin jiraatu.
Instruir e disciplinar
Instrui a criança no caminho em que deve andar, e quando envelhecer não se desviará dele. Disciplina é amor em ação.
Ijoollee karaa sirri’ii barsiisi;
yennaa dulloomanelle isaan
karaa san irraa hin goranu.
Gowwummaan yaada ijoolle’ee qabatteerti;
uleen xixxa’aa ammoo gowwummaa isaan irraa hin fageessiti.
Nami ilma ifii adabiisa mararfatu ilma ifii jibba;
ka jaalatu ammoo malaan adabee isa guddisa.
Ijoollee xixanee adabuun qarummaa kennitiif;
ijoolleen gad lakkifante ammoo haadha ifii qaanessiti.
Ijoollee teeti adabiisa hin lakkisin;
kuta’aan yoo dhaante isaan hin du’anu.
Ilmaan tiyya, gorsa abbaa keessanii caqasa’a;
itti xiyyeeffadha’aatii,
hubantii dhaggadha’a.
Fakkeenni Solomoonii
ka asii gad jiru:
ilmi qaroon abbaa ifii gammachiisa;
ilmi gowwaan haadha ifii gaddisiisa.
Ajajoota ani adha si ajaju kana ijjumaa hin dedhin. Ajajoota kana irra deddeebi’iitii ijoollee teeti barsiisi. Yennaa mana teettu, yennaa karaa ideentu, yennaa irkattu fi yennaa kaatu marroo ajajoota kanaa dubbadhu.
O amor de Deus por crianças
Deixai vir a mim as crianças. Jesus acolheu, abençoou e honrou as crianças como modelo de fé e humildade.
Yesuus yennaa waan kana dhagge aaree, «Mootummaan Waaqaa waan ta worra akka ijoollee tanaa teeteef, ijoolleen gara kiyya dhuttuutii, hin dhooggina’aa lakkisa’a!
Isin adoo worra hamaa teetanuu, ijoollee teessaniif waan dansaa kennuu eega beettanee, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee, worra isa gaafatuuf waan dansaa kennuu dhaba ree!
Yesuus Waaqaa fi nama duratti, nafaan, qarumma’aa fi gaaro’oon guddate.
Akkuma abbaan ijoollee ifiitiif gadhaa laafu,
maarre Mootiin Waan Maraalle
worra isa sodaatuuf gadhaa laafa.
Ijoollee Waaqaa jedhannee akka waammannuuf, Abbaan attam guddisee akka nu jaalate ilaala’a! Maarre nuutille ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa Waaqa waan hin beenneef, nu hin beettu.
Bênção e promessa
O Senhor te abençoe e te guarde. Os filhos dos justos serão abençoados e suas gerações caminharão na retidão.
« ‹Mootiin Waan Maraa isin eebbisu, isin eegu!
« ‹Mootiin Waan Maraa fuula ifii isiniif issu, isin mararu!
« ‹Mootiin Waan Maraa fuula ifii gara keessan deebifatu, nageya isiniif kennu!› jedhiin.
Waaqi karfaffuu ol-gubba’aa,
lafa laayyoo,
midhaanii fi woynii bacaa sii kennu.
Gosi biyya adda addaa si tajaajiltuu ti;
kolbaan hedduulle si’iif gad jettuu ti.
Obboleeyyan teeti irratti goottaa te’i;
ilmaan haadha teetii si’iif gad jettuu ti.
Worri si abaare abaaramuu ti;
worri si eebbise eebbifamuu ti» jedhe.
«Ani lafa dheebisaa irratti bisaan baasee,
lafa godduu irralle lagi akka lola’u hin godha;
Ani sanyii teeti irratti Ayyaana kiyya,
ijoollee ijoollee teeti irralle’etti
eebba kiyya hin dhangalaasa.
Isaan akka marra bisilee diida keessaa
akka muka irga lagaa yennaa mara hin bisilan.
Ilmaan teeti marti
ana Mootii Waan Maraa irraa
ka baratte hin teeti;
ijoolleen teetille
nageya guddaa hin dhaggatti.
«Ani gadhaa haadha teetii keessatti adoo si hin dadin si beeke; adoo ati hin dhalatin adda si baafadhee, gosa biyya adda addaatiif, raagaa akka teetu si filadhe» naan jedhe.
Isaan kolbaa tiyya hin te’an; anille Waaqa isaaniif hin te’a. Isaan yennaa mara akka na sodaatanu, isaaniif, sanyii isaaniitiifille wonni dansaan akka teetu, ani gadhaa tokkochaa fi yaada tokkocha isaaniif hin kenna.
Keessa namummaa tiyyaa ka dade si’i;
gadaamessa haadha tiyyaa keessatti
sittuu na dade.
Ani baasa maso’oo te’ee waan dadameef,
ani si leellisa;
hujiin teeti waan maade’ee ti;
anille tana miidhassee beeka.
Ani yennaa addee dhossa’aatitti dadame,
qilee gadaamessaa keessatti dadame;
lafeen tiyyaayyuu si duraa hin dhokanne.
Gadhaa haadha tiyyaa keessatti,
adoo ani dhiigaatuu,
ilti teeti na dhaggite;
dhaladhee barri jiruu tiyyaa
laakkowamiisa adoo hin jalqabin,
guyyooti naaf yaadamane marti
kitaaba keeti keessatti barreeffamane.
Gadaamessa haadha tiyyaatii jalqabee
ka na eege si’i;
gadhaa haadha tiyyaatii jalqaddee
ati Waaqa kiyya teeteerta.
Ani dur dargageessa; amma dulloomeera;
ani Mootiin Waan Maraa nama balchaa gateeruun,
yookiin ijoolleen isaa sagalee kadhattuun
ijjumaa dhaggee hin beeku.
Nami balchaan yennaa mara arjumma’aan kenna;
hin liqeessalle’e;
sanyiin isaalle worra dhibi’iif eebba hin teeti.
nuuti ijoollee isaanii hin dhossinu;
marroo leellisa Mootii Waan Maraatii fi hunna isaa,
marroo bilbaasa inni hujee,
dhaloota dhufutti hin hinna.
Ilmaan ilmaan isaanii
maanguddootaaf kallacha isaanii ti;
worri ijoollee ifiitiif ulfinna isaanii ti.
Nami balchaan komii malee le’a;
ijoolleen isa gula ideentulle ta hiree dansaa qaddu.
Criação e obediência
Pais, criai vossos filhos na disciplina e instrução do Senhor. Filhos, obedecei a vossos pais — isto é justo e agradável a Deus.
Ijoolle! Waan barbaachisaa te’eef, abbooti’ii fi haadhotii teessaniif akka Goottaan fedhutti ajajama’a. «Abba’aa fi haadha teeti ulfeessi» ajaja jedhu woliin addiin qara kennante: «Dansaan akka siif teetuu fi lafa irra bara dheeraa akka leetu» jedha.
Abbootii! Ijoollee teessan adabaa fi gorsa Gootta’aatiin guddisa’a malee, akka aartu hin godhina’a.
Ijoollee! Kun waan Goottaa gammachiisu waan te’eef, haadhaa fi abbaa keessaniif ajajama’aatii, waan isaan jedhanu mara godha’a.
Abbootii! Akka isaan addii hin kutanne, ijoollee teessan hin aarsina’a.
«Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si’iif kennu keessatti bara dheeraa akka leetu, abba’aa fi haadha teetiif ulfinna kenni.
Waaqi akka ijoollee ifiititti waan isin ilaaluuf, rakkoo adabbi’ii ossadha’a! Ilmi abbaan hin adabane kam inni? Adabbii ijoolleen fudhattu maraa isinille yoo hin fudhanne, isin baana malee ijoolle’ee moti.
Isiin ijoollee yookiin akkoowwan yoo qabaatte ammoo, ijoolleen sun duraan dursitee maatii ifii qarqaaraa, haadhaa fi abba’aaf, akko’oo fi akaakoo ifiitille’eef haluu guddisaa isaaniif deebisaa, dhugeeffannaa ifii huji’iin mudhisiisa baratanuu ti. Sababille wonni kun Waaqa hin gammachiitti.
Dubartiin takka yennaa deyiisa geettu, yennaan ciniinsu’uu waan geetteef hin gadditi; yennaa daa’imi dhalate ammoo, daa’imi gara biyya lafaa waan dhufeef gammaddee, rakkinna ifii deeti.
«Ijoolleen teessan ta isin: Hin booji’anti jettane, ta waan hantu’uu fi dansaa gargar baasanee hin beenne lafa sanitti hin galti; ani lafa san isaaniif hin kenna; isaanille hin qabatan.