Pular para o conteúdo
Publicidade

Fim do mundo

Por Bíblia Online

A Bíblia fala sobre o fim do mundo como evento certo e definitivo. Céus e terra passarão, mas as palavras de Jesus jamais passarão. A questão não é se, mas quando.

Os céus passarão

Os céus e a terra passarão, mas as palavras de Jesus permanecerão para sempre. O mundo presente é temporário.

Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.

"Akkuma dhiphinni bara sanaa darbeen,

" Aduun ni dukkanoofti;

jiʼis ifa ishee hin kennitu;

urjiiwwan samii irraa ni harcaʼu;

humnoonni samiis ni raafamu.

Guyyaa fi Saʼaatiin Hin Beekamu

"Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; ergamoonni samii irraa iyyuu hin beekan; yookaan Ilmi iyyuu hin beeku.

Guyyaa fi Saʼaatiin Sun Hin beekamu

"Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; ergamoonni samii irraa iyyuu hin beekan; yookaan ilmi iyyuu hin beeku.

O dia do Senhor

O dia do Senhor virá como ladrão. Os céus passarão com grande estrondo, e os elementos se dissolverão no fogo.

Guyyaan Gooftaa garuu akkuma hattuutti dhufa. Samiiwwan sagalee guddaadhaan dhabamu; wanni samiiwwan keessa jiru hundinuus hoʼa guddaadhaan baqa; laftii fi wanni ishee irra jiru hundinuus ni gubata.

Dubbiidhuma kanaanis samiiwwanii fi lafti yeroo ammaa jiran kunneen guyyaa murtii, kan badiisa namoota Waaqaaf hin bulleetiif kaaʼamanii ibiddaaf turfamaniiru.

Wanni hundinuu akkasitti bada erga taʼee, isin nama akkamii taʼuu qabdu ree? Jireenya qulqulluu fi Waaqaaf bulu jiraachuu qabdu; kanas guyyaa Waaqaa eeggachaa, dhufaatii isaas ariifachiisaa gochuu qabdu. Guyyaa sana samiiwwan ibiddaan badu; wanni samiiwwan keessa jirus hoʼaan baqa.

Egaa yaa obboloota, waaʼee barootaatii fi waaʼee waqtiilee waan tokko iyyuu isinii barreessuu nu hin barbaachisu; akka guyyaan Gooftaa akkuma hattuutti halkaniin dhufu isinuu sirriitti beektuutii. Utuma namoonni, "Nagaa dha; qabbanas" jedhanuu akkuma ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufu badiisni akka tasaa isaanitti dhufa; jalaas hin baʼan.

Isin garuu yaa obboloota, akka guyyaan sun akkuma hattuutti isinitti hin dhufneef isin warra dukkana keessa jirtan miti. Isin hundi ijoollee ifaa ti; ijoollee guyyaatis. Nu warra halkanii yookaan warra dukkanaa miti.

Isin garuu yaa obboloota, akka guyyaan sun akkuma hattuutti isinitti hin dhufneef isin warra dukkana keessa jirtan miti. Isin hundi ijoollee ifaa ti; ijoollee guyyaatis. Nu warra halkanii yookaan warra dukkanaa miti. Egaa kottaa nu akka warra kaanii hin rafnuu; qooda kanaa kottaa ni dammaqnaa; of qabnas. Warri rafan halkaniin rafuutii; warri machaaʼanis halkaniin machaaʼu. Nu garuu waan warra guyyaa taaneef kottaa amantii fi jaalala akka qomee sibiilaatti uffannee, abdii fayyinaa immoo akka qoobii sibiilaatti kaaʼannee of qabnaa. Waaqni akka nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin fayyina argannuuf malee dheekkamsaaf nu hin filanneetii.

Destruição e renovação

O Dia do Senhor trará juízo sobre os ímpios, mas também novos céus e nova terra onde habita a justiça.

Guyyaan Waaqayyoo guddichi dhiʼaateera;

dhiʼaatees dafee dhufaara.

Dhagaʼaa! Iyyi guyyaa Waaqayyoo hadhaaʼaa dha;

goonni achitti sagalee ol fudhatee iyya.

Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa,

guyyaa dhiphinaa fi gaddaa,

guyyaa rakkinaa fi badiisaa,

guyyaa dukkanaa fi dimimmisaa,

guyyaa duumessaa fi dukkana hamaa ni taʼa;

magaalaawwan dallaa jabaa qabanii fi

gamoowwan ol dhedheeroo irratti

guyyaa itti malakata afuufanii fi iyya waraanaa taʼa.

"Sababii isaan Waaqayyootti cubbuu hojjetaniif,

ani akka isaan akkuma jaamotaatti deemaniif

uummatatti dhiphina nan fida.

Dhiigni isaanii akkuma awwaaraa,

miʼi garaa isaaniis akkuma kosii gatama.

Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti

meetiin isaanii yookaan warqeen isaanii

isaan oolchuu hin dandaʼu."

Ibidda hinaaffaa isaatiin

addunyaan hundi ni barbadoofti;

warra lafa irra jiraatan hundatti

inni badiisa tasaa ni fidaatii.

Kunoo guyyaan Waaqayyoo,

guyyaan hamaan, dheekkamsaa fi aarii sodaachisaadhaan,

lafa onsuu fi cubbamoota ishee keessa jiraatan

barbadeessuuf ni dhufa.

Yommuu inni chaappaa jaʼaffaa banettis nan arge. Sochii lafaa guddaa tokkotu ture. Aduun akka uffata gaddaa gurraachofte; jiʼis akkuma dhiigaa diimate; urjiiwwan samiis akkuma iji muka harbuu yommuu qilleensa jabaan raafamutti harcaʼu sana lafatti gad harcaʼan.

Bineensi guddaan jawwee fakkaatu sunis gad darbatame; innis bofa durii isa diiyaabiloos yookaan Seexana jedhamu, isa addunyaa guutuu karaa irraa jalʼisu sanaa dha. Inni lafatti gad darbatame; ergamoonni isaas isa wajjin darbataman.

"Aduu irratti, jiʼa irratti, urjiiwwan irrattis mallattoon ni taʼa. Lafa irrattis sababii huursaatii fi dhaʼaa galaanaatiif saboonni ni muddamu; waan taʼanis ni wallaalu. Namoonnis sababii humnoonni samii irraa raafamaniif, waan addunyaa kanatti dhufuuf jiru yaaddaʼanii sodaadhaan ni gaggabu.

Kanaafuu akka waan dhufuuf jiru hunda jalaa baataniif, akka fuula Ilma Namaa duras dhaabachuu dandeessaniif yeroo hunda dammaqaa; kadhadhaas."

Samii Haaraa fi Lafa Haaraa

Anis ergasii samii haaraa fi lafa haaraa nan arge; samiin duraatii fi lafti duraa sun badaniiruutii; galaannis siʼachi hin jiraatu. Anis magaalaa qulqullittiin Yerusaalem haaraan akkuma misirroo dhirsa isheetiif miidhagfamteetti qophooftee samii keessaa Waaqa biraa utuu gad buutuu nan arge. Sagalee guddaa teessoo keessaa akkana jedhu tokkos nan dhagaʼe; "Kunoo, iddoon Waaqni jiraatu namoota gidduu dha; innis isaan wajjin jiraata. Isaan saba isaa ni taʼu; Waaqni mataan isaas isaan wajjin ni jiraata; Waaqa isaaniis ni taʼa. Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii."

Inni teessoo sana irra taaʼes, "Kunoo, ani waan hundumaa nan haaromsa!" jedhe; innis, "Dubbiin kun waan amanamaa fi dhugaa taʼeef, kana barreessi" naan jedhe.

Seja o primeiro