Sinais do fim dos tempos
A Bíblia descreve sinais que precederão a volta de Jesus. Guerras, falsos mestres, sinais cósmicos e a pregação do evangelho a todas as nações — tudo aponta para o fim dos tempos.
Sinais proféticos
Este evangelho do Reino será pregado em todo o mundo e então virá o fim. Os sinais dos últimos tempos já se manifestam.
Gosa maraaf dhugaa baya akka teetu, Oduun Gammadaa ta mootummaa Waaqaa, biyya lafaa maratti hin lallabanti. Achiin duuballe muummeen hin dhutti» jedhe.
Yesuus itti dabalee, «Guyyoota rakkinnaa saniin duuba yoosuma aduun hin dukkanootti, jiinille ifa ifii hin kennu; urjooti ol-gubbaa irraa harcaati, hunni ol-gubba’aalle hin raafanti. Achiin duuba beessisi Ilma Namaa ol-gubba’atti hin mudhata, yennaa san gosi biyya lafaa marti hin bootti; Ilmi Namaa duumensa gubba’aatiin hunnaa fi ulfinna gudda’aan dhufuun hin dhaggan. Inni ergantoota ifii qoonqoo tultullaa gudda’aa woliin hin erga. Isaanille maddii arfan lafaa dhaqanee, worra Waaqaaf filame ka qaccee ol-gubba’aatii haga qaccee taanii jiru wolitti qaban» jedhe.
Tanaaf, guyyaa Goottaan keessan dhufu waan hin beenneef, dammaqa’aa eegadha’a. Waan kana ammoo hubadha’a: abbaan manaa halkan keessa yennaa hattuun itti dhuttu adoo beekee, inni silaa dammaqee hin eegataayyu, manni isaa akka cabu itti hin lakkisuuyyu. Tanaaf Ilmi Namaalle yennaa isin itti hin yaadanetti waan dhufuuf, maarre isinille qophowa’aa le’a’a» jedhe.
Waan ani isin ajaje maralle akka eegatanu barsiisa’a. Anille yennaa mara haga muummee biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe.
«Guyyaa san yookiin yennaa san eennulle hin beeku. Abbaa malee, ergantooti ol-gubba’aalle hin beekanu; Ilmille hin beeku.
Os últimos dias
Nos últimos dias virão tempos difíceis, homens amantes de si mesmos. Mas derramarei o meu Espírito sobre toda a carne.
Guyyoota muumme’eetitti yennaan rakkittu akka dhuttu beeki. Namooti ka mataa ifii jaalatanu, ka beesee jaalatanu, ka ifi saadanu, kijiboota, ka nama arrassanu, ka worra ifiitiif hin ajajanne, ka galata hin qanne, ka woyyummaa hin qanne, ka jaalala hin qanne, ka hin araaranne, ka maqaa namaa balleessanu, ka ifi hin qabanne, ka gadhaa jabaatanu, ka waan dansaa jibbanu, ka dabarsanee nama kennanu, jajjartoota, ka ana malee jedhanu te’an; isaan Waaqa caalaa gammada jaalatan; isaan dhugeeffannaa waan qabanu fakkaatan, ammoo hunna isi’ii mormataneeran. Worra akkasii irraa ifi eegadhu.
«‹Guyyaa muumme’ee ani akkana tolcha jedha Waaqi:
nama duudii irratti Ayyaana kiyya hin buusa.
Ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta durraa hin raagan;
dargaggeeyyiin teessan mudhii hin dhaggiti,
Maanguddooti teessanille oojjuu hin oojjatan.
Guyyoota san keessatti, garboota dhugeeffatane
ta dhiiraatii fi ta dubarti’ii irrattuu,
Ayyaana kiyya hin buusa;
isaanille raaga hin dubbatan.
Ani ol-gubba’atti baasa,
gad lafa irralle’etti bilbaasa hin mudhisa;
Dhiigaa fi ibiddi, hurrantaan aaraalle hin mudhata.
Guyyaan Gootta’aa guddichii fi
ulfaataan adoo hin dhufin dura,
aduun hin dukkanti;
jiinille diimaa akka dhiigaa te’a.
Nami maqaa Gootta’aa waamu duudiin hin fayya› jedhe.
Ani Mootiin Waan Maraa, «Kanaan duuba, Ayyaana kiyya
nama mara irratti hin dhangalaasa;
ilmaanii fi ijoolleen durraa teessan raaga hin dubbatan;
jaarsoleelle oojjuu hin oojjatan;
dargaggootille mudhii hin dhaggan.
Yennaa san,
ani tajaajiltoota tiyya dhiiraa fi dubartii irratti
Ayyaana kiyya hin dhangalaasa.
Ergamaan Waaqaa ka natti dubbate sun, «Yennaa san Mikaa’el sooressi guddichi kolbaa teeti eegu hin ka’a; achiin duuba haga gosi biyya adda addaa lafa irra jiraatteen jalqabee, farri guddoon teetee hin beenne hin teeti; yennaa san ammoo kolbaan biyya teeti, worri maqaan isaanii kitaaba keessatti barreeffame dhaggame farra san jalaa hin bayan. Worri hedduun du’ee awwaalameeru, gariin jiruu bara baraatiif, gariin salphinna bara baraatiif hin ka’an. Worri qarooleen akka ifa gubba’aa hin ifan; worri worra hedduu gara balchumma’aa deebise haga bara baraa akka urji’ii hin ifan.
Esperança e prontidão
O dia do Senhor virá como ladrão. Mas nós não somos das trevas — estejamos sóbrios, vigiliando e esperando.
Akka barsiisa Gootta’aatitti waan isinitti hinnu qanna: nuuti worri guyyaa Goottaan deebi’ee dhufu adoo hin du’in jirru, worra du’eeru hin dursinu. Qoonqoo ajaja gudda’aatiin, qoonqoo mootii erganticha Waaqaatiin, qoonqoo tultullaa Waaqaatiin bookarfamee, Goottaanuu ol-gubbaa irraa gadi hin dhufa. Worri Kiristoositti dhugeeffatee du’e, dursee hin ka’a; achiin duuba nuuti worri adoo hin du’in jirru isaanuma woliin qilleensa irratti Gootta’aan wolde’iisaaf duumensa keessa ol butanna. Maarre haga bara baraalle Goottaa woliin leena. Tanaaf jecha kanaan wol jajjabeessa’a.
Maarre, dammandhee ifi qabatiisaan hagatti leenuutii malee, akka worra dhibi’ii me rannuu ti. Worri rafu halkan rafa; worri machowulle halkan machowa. Nuuti ammoo worra guyya’aa waan teeneef, ifi qabannee hagatti leenuu ti; dhugeeffanna’aa fi jaalala akka qomoo sibiilaa, addii fayyinnaalle akka gullee sibiilaa keyannuu ti. Waaqi akka nuuti karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin fayyinna dhaggannuuf malee, mufi’iif nu hin waanne.
Yesuus itti aansee, «Akka malee nyaataa fi machi’iin yookiin jireenna lafa tanaatiif yaadaa, yennaa teessan balleessitanuun, guyyaan sun akka tiyyo’oo dedhuma akka isin hin qanne ifi eegadha’a! Guyyaan sun kolbaa lafa duudii irra leetu maraa irratti hin dhufa. Waan te’uuf jiru maraa jalaa bayiisaa fi Ilma Namaa dura dhaabbatiisaaf akka dandeettanu, ifi eegadha’aa, yennaa mara daadimadha’a!» jedhe.
Jaalota tiyya, waan tokko hin dedhina’a! Goottaa biratti guyyaan tokko akka woggaa kumaa ti; woggaan kum akka guyyaa tokkoo ti. Akka namooti gariin tura seyanutti Goottaan waan waadaa gale muummessiisaaf hin turu. Ammoo nami duudiin cubbuu irraa akka deebi’uuf malee, nami tokkolle akka badu waan hin barbaanneef, isiniif ossa.
Guyyaan Gootta’aa ammoo akka hattu’uu dedha dhufa; guyyaa san ol-gubbaan qoonqoo guddo’oon dhidhinti; dadi ol-gubba’aalle ibiddaan gubattee baddi; latti waan isii irra jiru duudii woliin hin baddi. Wonni kun duudiin akka kanaan ta baddu yoo teete, isin attam le’iisaaf maltane ree? Isin woyyumma’aa fi Waaqaaf ifi kenniisaan le’iisa qaddan. Yoona worra guyyaa dhufa Waaqaa dharra’aan eegattanuu fi worra akka inni ariifatee dhufu hujanu te’a’a. Gaafa ol-gubbaan ibiddaan gubattee baddu, dadi marti o’aan hin baxxi. Nuuti ammoo akkuma inni waadaa nu’uuf galetti, ol-gubbaa haareya, addee hujiin balchumma’aa itti hundeefantu san hin eeganna.
Ani dhossaa takka isinitti hima. Nuuti maraa hin jijjiiranna malee hin duunu. Tultullaan muumme’ee yennaa afuufamu, nuuti akka lipheettii ilaa takkumaan hin jijjiiranna. Tultullaan hin afuufama; worri du’e ka hin banne te’ee hin ka’a; nuutille hin jijjiiranna.
Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani ol-gubboota haareyaa fi lafa haareya hin dada; wonni dur te’e hin qaabatantu yookiin hin yaadatantu. Kunoo, ani Yerusaalem qachaa gammadaa, kolbaa isi’iille worra gammadu waan godhuuf, isin waan ani dadutti haga bara baraa gammada’aatii, ilillisa’a. Ani Yerusaalemii fi kolbaa tiyyatti hin gammada; haganaa achi qoonqoon bowaatii fi iyyaa achi isii keessatti hin dhage’antu.
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Kunoo, guyyaan akka barbada ibiddaa gubu dhufaara; yennaa sanitti worri kooruu fi worri hantuu huju martinuu akka hicaace’ee ti; guyyaan dhufu sun isaan hin guba; hidda yookiin damee isaaniif hin lakkisu. Isin worra maqaa kiyya sodaattanuuf ammoo aduun balchummaa isiniif fidduu fi ta koolli isi’ii fayyinna ifi keessaa qabu isiniif hin baati; isin akka waatolee gooree keessaa gad baatee hin burraaxxan.
Achiin duuba ol-gubbaa haareyaa fi lafa haareya dhagge; ol-gubbaan duriitii fi latti durii dabaraneeran, abbaayaan guddoolle deebitee hin jiraattu. Qachaan woyyichi, Yerusaalemiin haaretti, akka waajibittii dhirsa ifiitiif ifi seefattee, qophoottee ol-gubbaa irraa Waaqa biraa gadi buutuun dhagge. Ani qoonqoo guddoo takkalle dhage’e; isiin barcumaa mootumma’aa san biraa, «Kunoo, bultumi Waaqaa ulfaataan odduu kolba’aa jira; kolbaa wolille’een hin jiraata; isaanille kolbaa isaa hin te’an. Waaqinuu isaan woliin le’a; Waaqa isaaniille te’a. Imimmaan duudii ila isaanii irraa haqa; wonni durii waan dabarteertuuf, haganaa achi duuti, yookiin gaddi, yookiin bootti, yookiin farri hin jiraattu» jedhe.