Publicidade

Isaías 47

Jinnana Baabilonii

1 «Ee durrittii Baabilonii,

gad bu'iitii bukuu irra tee'i.

Ee durrittii Baabilonii,

barcumaa mootummaa teetii irraa ka'iitii, lafa irra tee'i;

ati haganaa achi,

‹Bosoqqee yookiin shaggittii› hin jedhantu.

2 Shaashii teeti ta hagooggatte ifi irraa fuudhiitii,

daakuu fudhadhuutii midhaan daaki;

woyaa teeti ifi irraa shooqadhuu

sarbaa teeti mudhisaa,

laga gamatti bu'i.

3 Qullaa jirtuun kolbaan si hin dhaggiti;

nafi hilaa keeti hin mudhata;

Ani haluu hin baya; nama tokkolle hin hamburu» jedhe.

4 Ka nu wodu Woyyicha Israa'elii,

maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.

5 Mootiin Waan Maraa Baabiloniin,

«Ee intala Baabilonii,

dhaqiitii, cadhisii dukkana keessa tee'i.

Haganaa achi, ‹Giittii mootummoota› jedhantee hin waammantu.

6 Ani kolbaa tiyyatti aaree,

akka batti'iititti isaan laakkowee

harka keetitti dabarsee isaan kenne.

Ati isaaniif hin mararre;

ati worra dulloomettuu,

waanjoo ulfaattuu itti feete.

7 Ati, ‹Ani haga bara baraa giittii hin te'a› jette malee,

waan tolchite hin qaabanne;

muummee waan saniille hin beenne.

8 «Ee ati ta qananummaa jaalattu!

Ta bidhaa malee teettu,

gadhaa keeti keessatti,

‹Ana malee nami dhibiin hin jiru;

ani ijjumaa haadha hiyyeessaa hin te'u;

yookiin ijoolleen tiyyalle na duraa hin duutu› ta jettu dhage'i!

9 Ati xano'oo fi falfala hedduu qabaatulle,

duuti ijoolle'eetii fi haadha hiyyeessaa te'iis,

wonni lamaan kun dedhuma guyyaa tokkotti sitti hin dhufan.

10 Ati hammeenna keetitti addattee,

‹Nami na dhaggu hin jiru› jette;

Qarumma'aa fi beekkumsi keeti si dokonkorsee,

gadhaa keeti keessatti,

‹Ani anuma; ana malee nami dhibiin hin jiru› jette.

11 Wonni hantuun ati xano'oon ifi irraa fageessiisa hin dandeenne

sitti hin dhutti;

balaan ati ifi irraa dhooggatiisa hin dandeenne

sitti hin dhufa;

badiin ati hin beennelle dedhuma sitti hin dhutti.

12 «Xano'oo fi falfala keeti

ka ijoollummaa teetiin jalqadde, itti fufi.

Akka wotoo si'iif hin milkootti

yookiin diinota keeti sodaachisiisaaf

si hin qarqaaran fa'a.

13 Gorsa bacaa dhage'iis si dadhassiiseera;

worri gubbaa qorqoru,

ka ji'uma ji'aan urjii ilaalee

waan gara duraa te'u himu,

gara duraa dhufee

waan sitti dhufu jalaa si baasuu ti.

14 Kunoo, isaan akka huuraa ti;

ibiddi isaan hin nyaata.

Isaan hunna bobe'a ibiddaa san jalaa

ifi baasuu hin dande'anu;

kashilli nami o'ifatu hin hafu yookiin

ibiddi bira tee'anee o'ifatanulle hin jiraatu.

15 Daldaltooti teeti ta ati ijoollummaa teeti irraa jalqaddee,

woliin elootte akkasuma.

Tokko tokkoon isaanii dokonkora ifiitiin deeman;

nami si baasu tokkolle hin jiru» jedha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-