Publicidade

Isaías 12

Faaruu Leellisaa

1 Guyyaa san ati,

«Ee, Mootii Waan Maraa,

ati natti mufatteertaayyu;

amma mufii teeti na irraa deebittee,

waan na jajjabeessiteef si leellifadha!

2 Dhuguma Waaqi fayyisaa kiyya;

ani isatti hin addadha;

womaalle hin sodaadhu.

Mootiin Waan Maraa hunnaa fi jabeenna kiyya;

inni fayyisaa kiyya naaf te'eera.

3 Isin gammadaan madda fayyinnaa keessaa

bisaan hin woraabbattan» hin jetta.

4 Yennaa san isin,

«Mootii Waan Maraa galateeffadha'a;

maqaa isaalle waammadha'a!

Gosa biyya adda addaa keessatti

hujii isaa beessisa'a;

guddinna maqaa isaalle lallaba'a.

5 Inni waan guddoo waan godheef

faaru'uun isa leellisa'a;

waan inni godhelle

biyya lafaa mara irratti beessisa'a.

6 Ee kolbaa Xiyoonii,

Waaqi guddaan woyyichi Israa'elii,

odduu teessan waan jiruuf,

ilillisaa gammadaan faarsa'a» hin jettan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-